Bayyanaa Ibraahimiin
Finfinnee: Durdur odeeffannoon ummata bira qaqqabu kallattii tokko qofaa irraa kan maddu waan tureef ummanni odeeffannoo mootummaafi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa miidiyaa qaban dabarsaniif amanee fudhachuun alatti filannoo biroo hinqabu ture.
Wanti miidiyaaleen dabarsan hunda akka dhugaatti fudhachuu qofa osoo hintaane, hawaasni immoo carraa yaada ofii ittiin ibsatu hinarganne.
Haa ta’uu malee, marsariitiin hawaasaa waggoota kurnan kana keessatti uumaman haalota kanaan dura odeeffannoo kennuufi fudhachuurra turaniiif qormaata addaa ta’eera.
Ummanni akka durii fedhii mootummaan gama miidiyaasaatiin itti lallabamu qofaa dhaggeeffachuu bira darbee waan ofii barbaadu immoo karaa feesbuukii dabalatee marsariitii hawaasaa garagaraatiin gara mootummaatti darbachuudhaaf carraa argateera.
Yeroo kanatti feesbuukii dabalatee marsariitiin hawaasaa miidiyaalee caalaa dhiibbaa uumaa jiraachuu Ogeessi Marsariitii hawaasaa Doktar Darajjee Garafaa ni dubbatu.
Keessattuu waggoottan shanan darban keessatti dhiibbaan marsariitiiwwan hawaasaa kun biyya kanatti garmalee olka’aa dhufuu himanii, haalli siyaasaa biyyattii akka geddaramuufi hoggansi haaroomsaa amma biyya bulchaa jiru kun gara aangootti akka dhufuuf shoorri isaan taphatanis olaanaa ta’uu ibsu.
Teknolojiin kun sirnaan itti fayyadaman malee badii biroo uumuufis carraan inni qabu bal’aa yemmuu ta’u, kanaaf immoo teknolojii kana abaaruufi ugguruu osoo hintaane haala itti fayyadamasaa sirnaan hogganuun murteessaa ta’uu dubbatu.
Dhiibbaa marsariitiin hawaasaa uumaa jiru hambisuudhaaf miidiyaaleen ummataa gara dhugaa ummanni beeku gabaasutti dhufuu akka qabanis ni ibsu.
Biyya keenyatti marsariitiin hawaasaa miidiyaalee mootummaa caalaa akka amanaman kan isaan taasise odeefannoon darbu dhugaa ummani beekuun kan wal faalleessu ta’aa dhufuusaa ta’uu kan himan immoo Barreessaafi Ogeessi Miidiyaa Obbo Geetaachoo Ballaxaa, haala kana geddaruun kan danda’amu feesbuukiin maaliif akka dhiibbaa uumaa jiru baranii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qofa akka ta’e dubbatu.
Carraa kanatti fayyadamanii oduun sobaa akka hintamsaane immoo haalli ittiin to’atamuufi seerotni jajjaboon ba’uu akka qabanis ni dhaamu.
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013
6 Comments to ““Miidiyaan idilee dhugaa jiru sirritti ibsuu dhabuun miidiyaan hawaasummaa caalaatti akka amanaman taasiseera” – Ogeessota Miidiyaa”