“Kaayyoon koo hawaasni odeeffannoo fayyaa gahaa argatee dhibeerraa akka of eeggatu taasisuudha” -Doktar Naafyaad Geetuu

Natsaannat Taaddasaatiin

Keessummaan keenya har’aa Doktar Naafyaad Geetuu Dhugaasaa yoo ta’an, yeroo ammaa Ogeessa Fayyaa Waliigalaa Hospitaala Rifeeraalaafi Ispeeshaaliiyizdii Yunivarsitii Haramaayaa Hiwoot Faanaafi Barsiisaa Medikaalaa ta’anii hojjechaa jiru. Doktar Naafyaad Fuula Fees Buukii, teeligiraamii, yuutiyuubiifi karaa ergaa gabaabaa 7719fi miidiyaalee gara garaatiin dhimma fayyaarratti odeeffannoo bal’aa hawaasaaf kennuudhaan daran beekamu. Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa torban darbe ogeessa fayyaa kana waliin taasise akka armaan gadiitti isiniif dhiyaateera.

Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Doktar Naafyaad:  Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Bareedaa jedhamuttan dhaladhe. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa bakkuma dhaloota koottin baradhe. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaafi qophaa’ina ammoo Magaalaa Naqamteettan baradhe. Qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa qabxii afur (4), kan kutaa 12fa (seensa yunivarsitii)  ammoo qabxii 481fideen bara 2003 Yunivarsitii Haramayaa seeneen muummee barnootaa ‘Medicine’  baradheen turtii waggaa ja’aafi walakkaa booda eebbifameen yunivarsitichumatti hafeen Ogeessa Fayyaa Waliigalaa Hospitaala Rifeeraalaafi Ispeeshaaliiyizdii Yunivarsitii Harammayaa Hiwoot Faanaafi Barsiisaa Medikaalaa ta’een hojjechaa jira.

Bariisaa: Yeroo ijoollummaa keessanii barataa akkamii turtan, maal ta’uus hawwaa turtan?

Doktar Naafyaad:  Yeroo ijoollummaa yeroo barsiisonni keenya maal ta’uu hawwita jedhan baay’een keenya waan deebisnu dhabna. Ani  garuu sadarkaa tokkoffaa irraa eegalee hawwiin koo ogeessa fayyaa ta’uudha ture. Hawwii koo kana milkeessuuf ammoo barumsa koo sirriitti hordofaafi qo’achaan ture. Kutaa 3fa jalqabee 1fan ba’aan ture. Kutaa 8fattis qabxii olaanaa galmeessiseen darbe. 

Kutaa 9fafi 10fattis akka kutaattis mana barumichaarrattis tokkoffaa ba’aan ture. Kutaa 10fa Wallagga Lixaa Magaalaa Jaarsoo jedhamuttan baradhe. Yeroo sana mana barumsichaatti anaafi hiriyaa koo tokkotu yeroo jalqabaatiif qabxii afur galmeessise. Ani maatii kootiif mucaa hangafaa waanan tureef akka dhiiraattis akka shamarraniittis yeroo boqonnaa koo isaan gargaaraan ture. Akka ijoolleetti yeroo koo gara caalu tapharratti hindabarsine. 

Bariisaa: Haalli barnoota yunivarsitii akkam ture?

Doktar Naafyaad: Dameen barnoota ‘Medicine’ yeroo kee aarsaa gootee dubbisuu sigaafata. Dameen barnootaa kun beekumsa qormaata ittiin darbuuf dubbistu miti. Al tokkotti korsiiwwan ‘credit hour’ 12 qabu ja’a ykn torba fudhachaa waan turreef yeroo koo %85 ol qo’annaarrattan dabarsaa ture. Jireenyi yunivarsitii qabsoo cimaadha.  Ani 2009 qabxii gaarii galmeessisuun eebbifameen yunivarsitichatti hafeen ogummaa fayyaafi barsiisummaadhaan hojjechaan jira.

Bariisaa: Yeroo baay’ee miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoo dhimma fayyaan walqabatan barreessitu, kanaaf maaltu isin kakaase ?

Doktar Naafyaad: Miidiyaa hawaasaarratti barreessuu kanan jalqabe utuun yunivarsitiirraa eebbifamee hinba’in dura. Kanaafis kan na kakaase hawaasni keenya dhibee  haala salphaan ofirraa ittisuu danda’uun miidhamaafi baasii guddaaf saaxilamaa jiraachuusaati.

Hawaasni keenya harki caalaan dursee dhibee ofirraa ittisuurra erga dhukkubni itti cimee booda mana yaalaa deema. Daa’immaniifi hawaasni baay’een dhibeewwan gara garaatiin miidhamaafi du’aa jiru. Haadholiin da’umsarratti du’anis hedduudha. Akkasumas, dhibeewwan daddarboofi daddarboo hintaaneen daran miidhamaa waan jiraniif hawaasni keenya dhimma fayyaarratti  hubannoo gahaa akkka qabaatu gochuu qabna. Fayyummaa hawaasaa mirkaneessuun siyaas-dinagdee biyyattiif baay’ee murteessaadha.

Guyyoota 28 keessatti yoo baay’ate dhukkubsattoota kuma tokkoo gadiin yaala. Odeeffannoon fayyaa ani fuula feesbuukii koo irratti maxxansu garuu guyyoota 28 keessatti namoota miliyoona  1.2 bira ga’a. Hawaasni kun hundinuu odeeffannoo fayyaa kana argate jechuun waan salphaa miti.

Karaa feesbuukii qofa osoo hintaane karaa Telegiraamii, yuutiyuubiifi miidiyaalee garagaraatiin  ummata keenya barsiisaan jira. Duubdeebii hawaasni naaf kennaa jirus caalaatti akkan hojjedhuuf nakakaasa. Namootni biyya keessaafi biyya alaa jiraatan hedduun odeeffannoo fayyaa argatanitti guddaa gammadaa jiraachuu naaf ibsaa jiru. 

Ani kallattii hundumaan hawaasa bira ga’ee waa’ee fayyaarratti odeeffannoo gahaa akka argatan gochuun barbaada. Hawaasni keenya miidiyaa hawaasummaa hinfayyadamne, tajaajila intarneetii hinarganneefi mobaayilii ‘smart phone’ hinqabne karaa ergaa gabaabaa ‘7719’  irratti ‘Ok’ jedhee erguun  odeeffannoo fayyaa akka argatuuf Doktar Gurmeessaa Inkoosaa waliin hojjechaa jirra. Tajaajilli kun erga jalqabee ji’a lama hinguunne.

Kaayyoon keenya walitti dhufnee hawaasni keenya dhimma fayyaarratti odeeffannoo gahaa argatee fayyaasaa akka eeggatu taasisuudha. Fayyaan keenya konkolaachisaa qaama keenyaati. Fayyaan keenya faaya ykn miidhaginaafi simboo keenya. Kanaafuu fayyaa keenya sirriitti eeggachuu qabna.

Namootni karaa ergaa gabaabaa 7719 irratti ‘Ok’ jedhanii erguudhaan odeeffannoo fayyaa waliigalaa guyyaatti argachuu danda’u. Odeeffannoon fayyaa karaa ergaa gabaabaa darbu  kun fayyaa dubartoota ulfaa, daa’immanii, dhibeewwan marsaa laguu waliin walqabatan akkasumas dhibeewwan daddarboofi daddarboo hintaane garaa garaarratti  xiyyeeffatu yoo ta’u, ergaawwangaggabaaboo kuma lamaa ol qopheessineera.

Tajaajilli kun hawaasni manasaa taa’ee odeeffannoo fayyaa waliigalaa akka argatu kan taasisuudha.  Odeeffannoon ergaa gabaabaa kun Dilbataafi galgala sa’atii lama booda namootaaf hinergamu. Tajaajila kana kennuun baasii guddaa waan qabuuf namootni tajaajila kana argatanirraa ji’atti qarshii 26tu cita.

Hojiin Doktar Gurmeessaa waliin jalqabnes haala gaariidhaan deemaa jira. Kallattii itti hawaasa waliin walarginee mari’annus  mijeessaa jirra. Imalli fayyaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf jalqabnes cimee itti fufa. Kaayyoon keenya inni guddaan ummata keenya dhibeerraa bilisoomsuudha. Gara fuulduraattis hojii kana caalu hojjechuudhaaf karoora bal’aa baafannee waliin hojjechaa jira. Ani kitaaba “Faaya Fayyaa” jedhus Afaan Oromoo maxxansee hawaasa biraan gaheera.

Hundumtuu ogumaa qabnuun yoo hojjenne, barsiisneefi tajaajille biyya keenya guddisuu dandeenya. Ani ogeessa fayyaa waanan ta’eef ogumaa fayyaatiin hawaasa koo tajjaajiluuttan amana. Ogeessonni biroonis ogummaasaaniitiin hawaasa yoo barsiisaniifi tajaajilan gaariidha. Haalli ittifayyadama miidiyaa hawaasummaa biyya keenyaa ammayyuu nu hafa. Miidiyaa hawaasummaa dhimma siyaasa qofaaf osoo hintaane waan gaariidhaafis ittifayyadamuudhaan hawaasa keenya barsiisuu qabna. 

Bariisaa: Yeroo ammaa haalli tamsa’ina dhibee koviid-19fi of eeggannaan hawaasaa maal fakkaata?

Doktar Naafyaad: Ummatni keenya yeroo vaayirasiin koronaa Itoophiyaa seene baay’ee rifatee of eeggannoo cimaa taasisaa ture. Yeroo dhibeen koviid 19 daran babal’achaa jirutti  garuu of eeggannaan hawaasaa baay’ee laafee jira. Namootni dhibee koviid 19 salphisanii ilaalaafi hanga hinjiru jechuutti gahaniiru. Ofeeggannoon taasifamaa jirus iddoowwan biroorra Finfinnee wayya. Keessumaa gara bahaafi lixa Oromiyaatti namootni maaskii fayyadaman hinjiran. Nama maaskii godhatus akka nama addaatti ilaalu.

Hawaasni keenya dagannaa guddaa keessa jira. Mallattoon dhibichaa yoo irratti mul’atellee mana yaalaa deemaa hinjiru. Sababa kanaan lubbuun namoota hedduu darbaa jira. Dhibeen kun ammoo biyyattii keessatti daran babal’achaa jira. Baay’inni namoota dhibichaan qabamaniifi du’aniis kan kanaan duraarra dabalaa jiraachuun of eeggannoon hawaasaa gadi bu’uu agarsiisa. 

Namni yeroo ammaa maaskii akka waraqaa eenyummatti fayyadamaa jira.  Namootni maaskii kan godhatan yeroo mana baankii, biiroofi bakkeewwan tajaajila hawaasummaa kennan garaa garaa seenuuf jedhan qofaadha. Yeroo dhibichi daran babal’achaa jirutti of eeggannaan laafuun miidhaa guddaa waan qaqqabsiisuuf hawaasni keenya maaskii sirriitti fayyadamuufi harkasaa saamuunaafi bishaaniin ykn saniitaayizarii (alkooliidhaan) sirriitti qulqulleeffachuu qaba.

Ani dhibee koviid 19n qabameen ture. Dhibichi hangam akka nama gidirsu ofii kootii argeera.  Baatiifi torban tokkoof dhibichaan gidiraa argeen fayye. Kanaafuu koviid 19 akka laayyootti ilaaluun sirrii miti. Fayyaa waanti dursu waan hinjirreef hawaasni keenya of eeggannaa cimaa taasisuu qaba. Aanga’oonni mootummaas of eeggannoo cimaa taasisuudhaan ummataaf fakkeenya gaarii ta’uu qabu. Hawaasni keenya dhibicharraa yoo of eege fayyaa maatii, ogeessota fayyaafi biyyaa eega jechuudha.

Aanga’oonni mootummaa walga’iiwwan gurguddaa garaa garaarratti maaskii godhachuudhaan of eeggannoo barbaachisu gochaa hinjiran. kun amamanummaa hawaasni ogeessota fayyaarraa qabu waan xiqqeessuufi hawaasni dhibicha akka salphaatti akka ilaalu waan taasisuuf dogoggora kanarraa of qusachuu qabu. Koronaan rakkoo akka biyyaafi addunyaatti nutti dhufe waan ta’ee hundumti keenya waliin taanee ittisuurratti hojjechuu qabna.

Yeroo duulli nafiladhaa bakkeewwan garagaraatti geggeeffamaa jiru kanatti of eeggannoo cimaa taasisuun barbaachisaadha. Paartiin biyya bulchaa jiruufi paartiileen morkattootaa aangoofi bu’aa yeroof dursa kennuu utuu hintaane miidhaa dhibichi yoo kana caalaa babal’ate gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin fidu tilmaamuu keessa galchuun of eeggannoo cimaa taasisuu qabu.

Talaalliin koviid 19 kennamaa jiru qaamni keenya farra vaayirasii koronaa qopheessee vaayirasichi qaama keenya yoo seenu akka du’u taasisa. Talaallichi dhiiga kantarsa sodaa jedhuun fudhachuu dhiisuun sirrii miti. Qorichi kamiyyuu keemikaala waan ta’eef miidhaa qabaatus bu’aasaatu caala. Kanaafuu talaallicha fudhachuun ni fayyada malee nama hinmiidhu.

Bariisaa: Dhibeewwan daddarboofi daddarboo hintaanerraa akkamitti of eeguu dandeenya?

Doktar Naafyaad: Akkuma beekamu dhibeewwan daddarboofi daddarboo hintaane jiru. Yeroo ammaa dhibeewwan daddarboo caalaa dhibeewwan daddarboo hintaanetu biyya keenyatti babal’achaa jira. Sochii qaamaa taasisuu dhiisuun, haalli nyaataafi dhugaatii keenyaafi keemikaalonni  industiriiwwan gara garaa keessaa ba’an  dhibeewwan daddarboo hintaane kanneen akka dhukkuba dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa,  kaleefi  tiruu  akka babal’atan taasisaa jiru.

Haalli jireenyaa mijachuu dhabuufi qaala’inni gatiis dhiphina sammuuf nama saaxiluun dhibee dhiibbaa dhiigaafi sukkaaraaf nama saaxila.  Sochii qaamaa taasisuu dhiisuufi nyaatawwan saamsaman (processed) ta’aniifi qilleensi faalamaan nuti fudhannu dhiibbaawwan garagaraa nurraan ga’u.

Dhibeewwan daddarboo ta’an ammoo kanneen akka koviid-19, daranyoo sombaa, ‘TB, HIV’  Eedsiifi koleeraafaadha. Dhibeewwan kunneen  karaa nyaataafi dhugaatii qulqullina hinqabneen, hargansuu, walquunnamtii saalaa daangaa hinqabneen, dafqaa, lilmoo waliin fayyadamuufi tuttuqqiitiin daddarbuu danda’u. Dhibeewwan kunneen kallattiidhaan namarraa namatti akkasumas beelladootarraa namatti darbuu danda’u. 

Dhibeewwan daddarboo to’achuuf daa’imman talaalchisuufi haala ittiin daddarbu kutuun qabna. Fakkeenyaaf dhibee koviid-19 ofirraa ittisuufi to’achuuf aguuggii afaaniifi funyaanii godhachuufi harka keenya yeroo yeroon saamuunaafi bishaaniin ykn saniitaayizarii (alkooliidhaan) qulqulleeffachuu qabna. Namni tokko guyyaatti namoota hedduu waliin waan walquunnamuuf dhibeewwan daddarboon salphaatti namarraa namatti darbu.

Fakkeenyaaf dhibeen koviid 19 nama tokkorraa ka’ee yeroo gabaabaa keessatti addunyaa mara walga’uun dhibeewwan daddarboon salphaatti namarraa namatti daddarbuu agarsiisa. Itoophiyaatti yaalii dhibeewwan daddarboofi daddarboo hintaane to’achuuf taasifamaa jiru milkeessuun hawaasni bal’inaan irratti hirmaachuufi of eeggannoo barbaachisu taasisuu qaba.

Bariisaa: Wal’aansi fayyaa biyya keenyatti kennamaa jiru maal fakkaata?

Doktar Naafyaad: Hospitaalonniifi ogeessonni fayyaa biyyattii hanga danda’ame humnaafi meeshaalee jiraniin dhukkubsattoota wal’aanaa jiru. Hospitaalonni keenya baay’een garuu meeshaalee wal’aansaa gahaa waan hinqabneef dhukkubsataa rifeerii gochaa jiru. Bajatni mootummaan Itoophiyaa sektara fayyaatiif ramadus gahaa miti.

Hospitaalonni Oromiyaa keessa jiran hedduun meeshaalee wal’aansaa gahaa hinqaban. Ogeessi fayyaa tokko meeshaa jiruufi ogummaasaatiin tajaajiluun ala waan biraa waan godhu hinqabu. Hawaasni tajaajila fayyaa barbaadu akka argatuuf mootummaan meeshaalee wal’aansaa gahaa dhiyeessuufi ogeessota fayyaa gahaa ramaduu qaba.

Hospitaalonni  ijaaramanii eebbifaman hedduun meeshaalee wal’aansaa barbaachisaniifi gahaa  waan hinqabneef dhukkubsatoonniifi dubartoonni ulfaa rifeerii ta’an karaatti du’aa jiru. Dubarrtoota ulfaa rifeerii ta’anii mucaa waliin karaatti du’an argeera. Kanaafuu mootummaan dhimma fayyaarratti xiyyeeffachuufi investi gochuu qaba.

Bariisaa: Hospitaalota keessatti haalli dhiheessi qorichaa maal fakkaata?

Doktar Naafyaad: Qorichoonni baay’een hospitaalaaf waan hindhiyaanneef dhukkubsatoonni qoricha gatii ol ka’aadhaan faarmaasii dhuunfaarraa bitaa jiru. Qoricha faarmaasii mootummaatii qarshii 4n gurguramu faarmaasii dhuunfaarraa qarshii 50n bitee beeka. Namni qoricha hospitaalaa barreeffameef bituuf konkolaataa  kontiraata qarshii 300 kaffalee qoricha qarshii 50n bites na mudateera. Kanaafuu dhiyeessiin gama qorichaatiin jiru ammayyuu fooyya’uu qaba. 

Hospitaalota mootummaa keessa qorichoonni baay’ee barbaachisoon hinjiran. Faarmaasiin dhuunfaa gatii qorichaa hanga %700 dabalanii gurguran jiru. Kanaafuu mootummaafi Ministeerri Fayyaa rakkoo gama kanaan jiru furuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. 

Bariisaa: Hojiilee fayyaa haadholiifi daa’immanii mirkaneessuuf raawwatamaa jiraniifi rakkooleen ammayyuu mul’atan maal fakkaatu?

Doktar Naafyaad: Fayyaa dubartoota ulfaafi daa’immanii mirkaneessuuf mootummaa, Ministeerri Fayyaafi dhaabbileen miti mootummaa hojiilee hedduu raawwachaa jiru. Hojiilee fayyaa haadholiifi daa’immanii mirkaneessuuf raawwatamaniin fooyya’iinsi tokko tokko jiraatus du’a haadholiifi daa’imman waggaa shanii gadii hir’isuun ammayyuu  rakkoo furmaata barbaaduudha.

Hordoffii yeroo ulfaa taasisuu dhabuufi manatti da’uun rakkoo darbee darbee hawaasa keenya  biratti mul’atuudha.  Yeroo ulfaa hordoffii barbaachisu taasisuufi mana yaalaatti da’uun fayyaa haadholiis ta’e daa’immaniitiif murteessaadha. 

Bariisaa: Dhibee kalee hawaasa keenya rakkisaa jiru ittisuufi to’achuun akkamitti danda’ama?

Doktar Naafyaad: Dhibeen kalee  dhukkuboota yeroo ammaa biyya keenyatti babal’achaa jiraniifi hawaasa keenya gidirsaa jiran keessaa isa tokkoodha.  Kaleen qaamolee xuraa’aa qaama keenya keessaa  dhabamsiisan keessaa isa tokkodha.  Kaleen keenya miidhamee xuraa’aa qaama keenya keessaa hindhabamsiisu taanaan xuraa’aan qaama keenya keessa jiru dhiigaan baatamee kutaalee qaama gara garaa bira deemuudhaan onnee, sammuu, tiruufi qaamolee keenya biroo miidha. 

Dhibeen kalee wantoota irraa of eeggachuu qabnu raawwachuu dhiisuudhaan nu qabuu danda’a.  Dhibeewwan sukkaaraa, dhiibbaan dhiigaa infekshiniin afuuffee fincaanii yeroodhaan yaalamuu dhiisuun dhibee kaleetiif nama saaxila.  Kanaafuu namoonni dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qaban yeroo yeroodhaan yaalamuufi ilaalamuu qabu.

Bishaan ga’aa dhuguu dhiisuun, fincaan yeroo dheeraaf qabatanii turuun, qorichoota gara garaa irra deddeebiin fudhachuun,cirrachi kalee guddachaa deemuunis dhibee kaleetiif  nama saaxila. Hawaasni keenya dhibee kana ofirraa ittisuuf sochii qaamaa taasisuu, irriba gahaa rafuu, dhiphina sammuu hir’isuu, dhugaatiiwwan alkooliifi saamsaman garagaraa hir’isuu  qaba.

Fayyaan kalee fayyaa qaama keenya hundaa waan ta’eef of eeggannoo cimaa taasisuu qabna. Mallattoolee dhibee kalee yeroo ofirratti arginus dafnee mana yaalaa deemnee ilaalamuu qabna. Kaleen dhibee yeroo ammaa daran babal’achaa jiru, baasii guddaaf nama saaxiluufi fayyaa keenyarratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa jiru waan ta’eef yeroo yeroodhaan dhiibbaa dhiigaa keenya ilaalamuufi sochii qaamaa taasisuu qabna.

Akka walii galaatti namootni baay’een yoo dhukkubsatan amala dafanii mana yaalaa deemuu hinqaban. Keessumaa namootni dhibee dhiibbaa dhiigaafi sukkaaraa qaban yeroo yerootti qoratamuufi gorsa ogeessa fayyaa argachuu qabu. Namootni dhibeewwan kunneeniin qabaman baay’een dafanii mana yaalaa deemuu dhiisuudhaan laamsha’aa (paralyse) ta’aa waan jiraniif hariiroon ogeessota fayyaa waliin qaban guddisuu qabu.

Bariisaa:  “Abbaan Cabsaa” eenyuudha maalis cabse?

Doktar Naafyaad: Yeroo baay’ee fayyaa walhormaataafi saalquunnamtiin walqabatee rakkoo bal’aatu hawaasa keenya keessa jira. Hawaasni keenya rakkoolee kunneen akka safuutti waan ilaaluuf mana yaalaa yoo dhufellee dhibeewwan fayyaa walhormaataafi saalquunnamtiin walqabatan himachuu ni saalfata ykn ni sodaata.

Ani yeroo darbe waa’ee cabuu qaama saala dhiiraa barreesseen ture. Waa’ee dhibee kanaa Fuula feesbuukii koo irratti akkan barreessu kanan nataasise namoonni dhibee cabuu qaama saala dhiiraa qaban lama dhiyeenya kana Hospitaala Phaawuloositti yaalamuusaanii hiriyaa koo hospitaalichaa keessaa hojjeturraa dhaga’eeni. Ani waa’een dhibee kanaa hanga hawaasni ajaa’ibsiifatutti hinbarreessine. Ergasii as hiriyoonni koo maqaa “Abbaa Cabsaa” jedhu naaf baasan. Hiriyoonni koo baay’een karaatti yoo natti dhufan ‘Abbaa Cabsaa” jedhanii na waamu.

Bariisaa: Gara fuulduraatti karoorri keessan maal hojjechuufi sadarkaa akkamiirra ga’uudha ?

Doktar Naafyaad: Gara fuulduraatti kaayyoon koo inni guddaan hawaani odeeffannoo fayyaa gahaa argatee dhibeerraa akka of eeggatu taasisuudha. Ani ogeessa fayyaa hospitaala qofatti hawaasa tajaajilu ykn kilinika banatee taa’u ta’uu  hinbarbaadu. Ani hawaasa keessa galee kallattii garagaraatiin hawaasa afaansaatiin barsiisuu,  tajaajiluufi odeeffannoo fayyaa  gahaa akka argatu taasisuun barbaada. Kaayyoon qabadhe galmaan ga’uudhaafis halkaniifi guyyaan hojjechaa jira.

Bariisaa: Mudannoowwan isin mudatan keessaa kan yoomiyyuu hinirraanfanne yoo jiraate?

Doktar Naafyaad: Mudannoowwan hedduun na mudatan keessaa kanan bara jireenya koo hindaganne tokkon qaba. Innis rakkoo tekinikaatiin Muummee ‘Medicine’ ani barachuu barbaaduufi tokkoffaarratti guutee ture na jalaa jijjiiramee ture. Qabxiin yeroo sana muummee   ‘Medicine’ ittiingalamu 465fi isaa ol ture. Ani ammoo qabxii 481n fide. Fiildiin ja’affaarratti guute tokkoffaarra godhanii naaf ergan. Yeroo sana baay’ee aareen abdii kutannaa dhumaarra ga’ee ture.

Utuun kanaan jiruun Yunivarsitii Haramayyaa deemee ‘Nursing’ barachuu jalqabe. Guyyaa tokko utuman kutaa  keessa taa’ee barachaa jiruu barataan tokko ala dhaabbatee harkaan ofitti nawaamee “Ani muummee ‘Medicine’ barachuu hinbarbaadu, maaloo naaf jijjiiri” naan jedhe.  Anis tole jedheen muummee ‘Medicine’ kanan ijoollummaa koorraa eegalee barachuuf hawwaa ture argadheen barumsa koo jalqabe.

Waggaa duraa semisteera tokkoffaatti barattoota 220 keessaa qabxii 3.9 fide. Haala kanaan mul’atniifi hawwiin koo bara ijoollummaa naaf milkaa’e. Mudannoo kana bara jireenya koo guutummaa hinirraanfadhu.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

10 Comments to ““Kaayyoon koo hawaasni odeeffannoo fayyaa gahaa argatee dhibeerraa akka of eeggatu taasisuudha” -Doktar Naafyaad Geetuu”

  1. Pingback: ufa168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *