Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Yuniyeeniin Omishtoota Kuduraafi Muduraa Maqii Baatuu, bara 1994 kan hundaa’e yoo ta’u, waldaalee miseensaa 12 jallisiidhaan kuduraafi muduraa omishaniifi qonnaa bultoota 527 of jalatti qabataniin hojii eegale. Kaappitaala qarshii miliyoona walakkaa qabachuun lafa heektaara 400 irratti ture omishuu kan eegale.
Kaayyoonsaas qonnaan bultoonni waldaalee jalatti hundaa’an rakkoo gabaa fuduraafi muduraa aanaalee lamarratti jechuunis Maqiifi Baatuurratti mul’atu hiikuu kaayyeffatanii akka hundaa’aniidha gaggeessaan hojii yuniyeenichaa Obbo Kumasaa Guddinaa gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin kan ibsan.
Yuniyeeniin Omishtoota Kuduraafi Muduraa Maqii Baatuu rakkoo qisaasama omisha timaatimii qonnaan bultootaa furuuf akkasumas, gara agroo indastiriitti ceesisuuf Zoonii Paarkii Indastirii Bulbulaa keessatti warshaa cuunfaa timaatimii dhaabuuf hojjetaa jira.
Qorannoo barbaachisu taasifamuu eeranii, karoorri biznasii (Business Plan) yommuu dhumatu gara maashinii bitanii dhaabuutti akka seenamuufi sanaa booda qisaasmni omishaa ni hafa amantaa jedhu akka qabanis ni ibsu.
Yuniyeenichi omishaalee kanneen akka qullubbii diimaa, timaatima, raafuu maraa, qaaraa, fosoliyaafi omishaalee xixiqqaa kanneen akka dabarjaa jedhaman omishuun gabaaf dhiheessaa jiraachuu kan himan gaggeessaan hojichaa, dabalataanis qonnaan bultoonni sanyiiwwan boqqolloo, boloqqee, shunkurtiifi kkf baay’isuun galiisaanii guddifachaafi rakkoo hanqina sanyii jiru furaa jiraachuu eeru.
Hojii omishaa waggaa guutuu akka hojjetan kan ibsan Obbo Kumasaan, keessattuu waggoota ja’an as Daandii Qilleensa
Itoophiyaa wajjin waliigaluun omishaalee kuduraa akaakuuwwan 10 torbanitti si’a sadii dhiheessaa jiraachuufi kanaanis omisha biyya alaatii galuufi sharafa isaaf ba’u hambisuurratti argamaa jiraachuu ibsu. Fuuldurattis bakkawwan daandiin xiyyaaraa deemutti omishni yuniyeenichaa akka beeksifamu waliigalamuusaas ni kaasu.
“Akkasumas fayyadamtoota Finfinneetiif suqoota bakkeewwan sadii jechuunis Jamoo, Saarbeetiifi, Qaallittiitti dhiheessaa jirra. Dhiheenyattimmoo suuqota Federeshiniin Qonnaan Bultoota Oromiyaa Markaatootti eebbisiisetti suuqi dabalataa banuuf qophii xumurreerra. Dhaabbilee garagaraafi yuniyeenota Finfinnee keessa jiran waliins harcaatii qabaatus walitti hidhamiinsa uumuun omishni qonnaan bulaa bal’inaan omishamu hanga tokko gabaa akka argatu taasisaa jirra. Magaaloota xixiqoo kanneen akka Maqiirrattis akkasuma suuqii bannee omisha gurguraa jirras” jedhu.
Akka Obbo Kumasaan jedhanitti, yuniyeenichaaf rakkoo olaanaa kan ta’eefi hanga yoonaas hamma barbaadameen furmaata kan hinarganne rakkoo gabaati. Rakkoo kanammoo yuniyeenichi qofaasaa hiikuu hindanda’u. Wantoota dhiibbaa uuman hedduutu jira. Faddaalaan gidduu seenuu, gatii hinmalle kennuufi kkf eeruun ni danda’ama. Uumamuma omishachaa waliin walqabates meeshaaleen addaddaa guutamoo miti. Wiirtuu diilalleessaa yoo xiqqaate omisha torban tokkoofillee tursiisuu danda’u babal’isuun barbaachisaadha.
Kanaan walqabatee dhaabbilee kanneen yunvarsiitii waliin gabaa uumuuf yeroo baay’ee yaaluu kaasanii, ulaagaan jiru hirmaachisaa ta’uu dhabuusaatiin mootummaan harka akka keessa galfatu gaafatu.
Qaala’inni gatii omishaalee tibba kanarratti mul’atus bobo’aa sababa godhachuun kan dhufe malee hanqinni omishaa kan hinjirre ta’uufi inumaayyuu tibbi kun yeroo omishni baay’inaan itti omishame ta’uu ibsu.
Kanaaf hojii walitti hidhamiinsa gabaarratti karaa miidiyaatiinis hojiin beeksisuurratti utuu hojjatameefi qonnaan bulaan kallattiidhaan waldaafi yuniyeenii waliin hojjete fayyadamaa ta’uu akka danda’u ibsu Obbo Kumasaan.
Yuniyeenichi ammaan kana hojiisaa gara aanaalee ja’aa godinaalee lamaatti babal’isuun miseensa waldaalees gara 152 guddisuun hojiisaa hojjetaa jira. Miseensoonnis gara kuma saddeetiifi 360 qaqqabaniiru. Kaappitaalli yuniyeenichaas dhaabbiifi socho’aadhaan qarshii miliyoona 78 qaqqabeera. Bal’inni lafa hojii irratti hojjetamuus heektaara kuma afur qaqqabeera.
Bariisaa Bitootessa 4/2013
9 Comments to ““Yuniyeeniin Maqii Baatuu warshaa cuunfaa timaatimii banuuf hojjetaa jira” – Obbo Kumasaa Guddinaa”