Lammiileen Itoophiyaa ala jiraatan hiriira nagaa bahan

Riippoorta gaazexichaatiin

Lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa jiraataan biiroowwan Niiwuyork Taayimsiifi ‘CNN’tti argamuun hiriira nagaa gaggeessan.

Lammiileen Itoophiyaafi dhalattoonni Itoophiyaa Ameerikaa bulchiinsota garagaraa keessa jiraataan biiroowwan Niiwuyorki Taayimsiifi ‘CNN’tti argamuun hiriira nagaa gaggeessan.

Lammiileen hiriira nagaa bahan kunneen dhaabbileen mootummootaafi qaamoleen biroon olola sobaa gareen finxaalessaa ABUT tamsaasurratti hundaa’uun Itoophiyaarratti dhiibbaa geessisuuf yaalaa jiraachuun sirrii akka hintaane gaafataniiru.

Dhaabbileen miidiyaa akka CNN, Niiwuyorki Taayimsiifi kanneen biroo odeeffannoo qabatamaa hintaanerratti hundaa’uun walabummaa Itoophiyaa kan miidhuufi odeeffannoo dhugaa hintaane tamsaasuurra akka ofqusatan gaafataniiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa mootummaan naannoo Tigraayyitti fudhate akkasumaas deeggarsa namoomaa Tigraayiifi bakkeewwan birootti taasifamaa jiru akka deeggaran ibsaniiru.

Ameerikaan waliigaltee hidha haaromsaa haqummaan akka xumurtuufi Sudaan bulchiinsa Itoophiyaa gadi dhiiftee akka baatu lammiileen hiriira bahan kunniin gaafataniiru.

Lammiileen Itoophiyaafi dhalatoonni Itoophiyaa Kaanaadaa jiraatanis gidduseentummaa biyyoota alaa dhimma Itoophiyaarratti taasisan mormuun hiriira nagaa bahaniiru.

Haleellaa Ajaja Kaabaarratti raawwatameen walqabatee tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan fudhateen miidiyaleen adila addunyaa adda addaafi dhaabbileen olola gareen juuntaa baaseen mootummonniifi dhaabbileen idila addunyaa tokko tokko osoo dhugaa jiru addaa hinbaafatiin gidduseenummaa taasisa jiran hiriira nagaa bahuun mormiisaanii ibsataniiru.

Lammiileen hiriira nagaa bahan kunniin dhimma keessoo Itoophiyaa dhaabbileefi biyyoonni gidduseenan kan mormaan ta’uufi gareen juuntaa lammiilee nagaarratti haleellaa gaggeesses kan morman ta’uu ibsuun mootummaan Itoophiyaa yakkamtoota kanneen seeratti dhiyeessuun tarkaanfii fudhateef deeggarsasaanii ibsaniiru.

Bariisaa Bitootessa 4/2013

Recommended For You