“Baayotekinolojiin faayidaa lubbuqabeeyyiirraa argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba”- Pirofeesar Hundumaa Dinqaa

 Natsaannat Taaddasaatiin

Adaamaa: Baayoteknolojiin teknolojii lubbuqabeeyyiirratti hojjetuudha. Lubbuqabeeyyiin biqiloota, beneensota, namaafi lubbuqabeeyyii xixiqqoo (‘micro organism’) of keessatti qabata. Teknolojichi faayidaa lubbuqabeeyyiirraa argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa qabaatus akka Itoophiyaatti sadarkaa gadaanaarra jiraachuu ibsu qorataan damichaa.

Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti Qorataa, Barsiisaafi Gorsaa Baayoteknolojii Pirofeesar Hundumaa Dinqaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, baayotekinoloojiin teknolojii lubbuqabeeyyiirratti hojjetuufi faayidaa lubbuqabeeyyiirraa argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa qabuudha. Teknolojichi dhibeen tokko dafee adda bahee wal’aansa akka argatuufi hindaddabarre taasisuufi walhormaata sadarkaa olaanaan guddisuu keessattis gahee olaanaa qaba.

Itoophiyaan qabeenya beelladootaatiin addunyaarratti beekamtus bu’aa qabeenyicharraa argattuun duubatti haftuudha kan jedhan Pirofeesar Hundumaan, kunis rakkoo fayyaa, nyaataafi sanyii beelladootaatiin kan walqabatu ta’uu eeru.

Rakkoon fayyaa faayidaa beelladootarraa argamu hir’isuurra darbee karaa bu’aalee aannaniifi foonii gara namatti darbuu danda’a. Dhibeewwan namaa %65 hanga %70 ta’anis ka’umsisaanii beelladarraati. Ka’umsi dhibee ‘Koviid-19 illee beelladoota jedhu.

Bu’aalee beelladootarraa argaman guddisuuf keessumaa fayyaafi nyaatasaaniirratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu himanii, baayoteknolojiin fayyadamuun dhibee yeroon adda baasuun beelladarraa namatti, beelladarraa beelladatti akka hindabarre taasisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus ni ibsu.

Baayotekinolojii fayyadamuun walhormaatni beelladootaa teknolojiin akka deggeramu taasisuuf gargaara. Rakkoo nyaata beelladootaas teknolojiitti fayyadamuun furuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.

Itoophiyaatti guddinni baayotekinolojii sadarkaa gadiirra jiraachuu himanii, namootni waa’ee teknolojichaa baratanis daran muraasa. Teknolojichatti fayyadamuufi babal’isuuf laboraatoorii ga’aafi humni nama baratee jiraachuun murteessaa ta’uufi yeroo ammaa kaariikulamiin teknolojii kanaa yunivarsitiiwwan biyyattii gara garaatti bocamee hojiirra oolaa jiraachuu himaniiru.

Hanga ammaatti yunivarsitiiwwan Itoophiyaa keessaa digrii sadaffaa baayoteknolojiin eebbisiise kan hinjirre ta’uu kan himan Pirofeesar Hundumaan, Yunivarsitiin Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa bara dhufu baayoteknolojiin barattoota digrii sadaffaa yeroo jalqabaatiif kan eebbisiisu ta’uu himaniiru.

Baarumsasaanii digrii sadaffaa (PhD) ‘Animal Biotechnology’n Yunivarsitii ‘Konkuk’ Kooriyaa Kibbaa, ‘Seoul’tti argamutti kan baratanii gara Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti deebi’anii teknolojichi digrii sadaffaan akka jalqabamu kan taasisan Pirofeesar Hundumaan, yeroo ammaa yunivarsitichatti qorataa, barsiisaafi gorsaa barattoota digirii sadaffaa Baa’otekinoloojii ta’anii hojjechaa jiru.

Damee barnoota baayoteknolojii kun ispeeshaalaayizeeshinii afur (Environmental Biotechnology, Animal Biotechnology, Health Biotechnologyfi Plant Biotechnology) kan of jalatti qabu ta’uus eeraniiru.

Laftiifi qabeenyi nuti qabnu muraasa ta’uufi gama biraatiin ammoo baay’inni ummataa dabalaa waan jiruuf beelli akka hinmudanneef qabeenya qabnu teknolojiin deggerree omisha keenya guddisuun barbaachisaadha kan jedhan Pirofeesar Hundumaan, baayoteknolojiirratti qorannoo taasisuun, leenjii kennuufi barsiisuun hojiilee ijoo ittifufiinsaan hojjetan ta’uu dubbatu.

Biyyoota addunyaarra naanna’uudhaan waa’ee baayoteknolojii barsiisaan jiraachuu himanii, hanga ammaatti qorannoowwan adeemsisaniin jornaalota sadarkaa addunyaatti beekaman biyyootni addunyaa akka wabiitti irraa fayyadaman 30 barreessaniiru. Hojiilee gama qo’annoofi qorannoo, yuunivarsitii keessatti hojjetaniifi tajaajila ummataaf kennaniin torban lamaan har’aa pirofeesarummaa kan argatan ta’uu himaniiru.

Qorannoon isaan waa’ee dhibee ‘Koviid-19’ irratti geggeessan tokkos joornaalii addunyaarratti ba’uu himanii, kana malees kitaaba ‘Rakkoolee fayyaa beelladaafi bu’aasaanii wajjin walqabatu tokko barreessaniiru. Kitaabichi bu’aa qorannoosaaniirraa kan barreeffame ta’uufi marsariitiittis kan gadlakkifame ta’uu himaniiru.

Gaafdeebii guutuu Pirofeesar Hundumaa Dinqaa wajjin taasifne maxxansa keenya ittaanuun isin dubbisiisna.

Bariisaa Bitootessa 4/2013

Recommended For You