Namni tokko dukkana abdiitti geeddaruu ni danda’a

 Addunyaa kanarratti sagalee xurumbaa ol-kaafamee afuufamu qofa utuu hinta’in sagalee namoota rakkoo guddaa keessa jiranii sagalee namoota du’aafi jireenya gidduu jiranii dhaga’uun salphaa miti.

Kan nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate sagaleen guddaan dhagaa’amu aadnaa namoota rakkoo qabanii ukkaamsuun akka hindhaagaa’amne bara taasisuu yaalu keessatti jireenya namootaarratti dhiibbaa gaarii kan geessisan namoota danuudha.

Sababa haala mijataa argataniif utuu hinta’in sababa laphee gaarii qabaataniif hojii gaarii hojjetaa kan jiranis ta’e hojjetanii kan darban hedduudha. Isaan kana keessaa kanneen akka Agnees (Mother Teresa), Abebech Goobanaafi kkf ilaalleerra.

Namootni kun egeree daa’imman kumaatamaan lakkaa’amanii geeddaraniiru. Namoota du’atti dhiyaataniif daandii jalaa miliqan ta’aniiru. Namoota du’aafi jireenya gidduu jiraniif sababa gara abdiitti deebi’uufi of-irra darbanii maatiif, hawaasaafi biyyaaf akka ta’aniif daandii ta’aniiru.

Haa ta’u malee namootni jireenya hawaasaarratti dhiibbaa gaarii geessisan kun jireenya irraa hafaa, qabeenya guddaa, beekumsaafi barnoota addaa qabaatan hinturre.

Namoota kan biraa irra waan adda isaan taasisu yoo jiraate laphee nama rakkoo keessa jiruuf gaddu, horiifi beekumsi qofti ilmaan namootaaf furmaata utuu hinta’in lapheen namaaf ho’u barbaachisaa ta’uusaa namoota hubatan, nama kufe kaasuuf itti dhiyoo namoota ta’an, dhalli namaa harka yoo walqabate jireenya namootaa irrattis ta’e akka biyyaatti jijjiirama fiduun akka dandaa’amu namoota hubatan, ana qofaaf kan jedhan utuu hinta’in isa kaaniifis namoota yaadan, miidhamni nama biraa kan isaanitti dhaga’amu, ofiif qofa utuu hinta’in namoota kan biraaf kan jiraatan namoota laphee gaarii qabaniidha.

Hojii tola ooltummaa keessatti namoota maqaa dhoofne qofa utuu hinta’in kan isaan fakkaatan danuudha. Dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu kan dandaa’an yoomiyyuu seenaan kan isaan hindaganne keessaa namoota akka Flooreensi Naayitingale (Florence Nightingale) dhalootni kan kanirraa baratu danuudha. Nightingale hojii tola ooltummaa keessatti Sadaasa 4, 1854 neersota 38 wajjin hospital Turkii yeroo dhaqxe loliisa Kireemiyaa (Crimea) irratti loltootni hedduun miidhamanii kumaatamatti kan lakkaa’aman rakkoo guddaa keessa turan.

Loltootni madaa’an hedduun bakka ciisichaa kan hinarganne, uffatni dhiigaan makame yeroo dheeraaf utuu irraa hinba’in kan itti qabatee jiru, dhiigaan kan makaman mooraa hospitala ‘Scutari Barrack’ jedhamu keessa ciisanii iyyu.

Uffatni isaan bakka loliisaatti uffachaa turan amma illee kan irraa hinbaane, yeroo dheeraa irra turuun kan injiraan horateefi injiraan irra yaa’u, walumaa galatti jireenyi isaan keessa turan kan daran nama gaddisiisu agarte.

Namootni kan biraa bakka kana hinjiran jechuun hindandaa’amu. Neersotni jiru, dooktorootni jiru, haa ta’u malee namootni rakkoo cimaa keessa jiran, namootni furmaata dhabanii rakkoo cimaaf saaxilaman, gargaarsaaf iyyan danuu turan.

Bakki namootni madaa’an kun ciisan hantutaan kan weerarame, bishaan qulqulluu kan hinjirre, qilleensi gaariin kan hinjirre, nyaatni miidhamtoota kanaaf dhiyaatu kan nyaatamuu hindandeenya, dawaan ittiin miidhamtoota gargaaran kan hinjirre, meeshaaleen yaalaa kan hinjirre, loltoota miilli irraa citu utuu warri kaan ilaalanii hadoochaa malee utuu dhukkubsataniiyyuu kanirraa citu, namni madaa’e dawaa dhabuurraa kan ka’e baay’eensaanii madaansaanii fayyuu diduun (gaangiriiniin) du’aa turan.

Rakkoo kana keessatti namootni akka Nightingale akka namoota rakkoo guddaa keessa jiran kana gargaaraniif abdiin hinturre. Geggeessitootni mana yaalaa kana geggeessan fedhii hinargisiifne. Ofii isaaniitiif namoota rakkoo cimaa keessa jiran gargaaruuf beekumsa hindhabne, haalli isaan keessa turan kan hangas hojii isaan danqu jechuun hindandaa’amu.

Haa ta’u malee rakkoo guddaan rakkoo laphee gaarii namootaaf qabaachuudha. Namoota gargaarsa barbaadan cina dhaabachuuf fedha dhabuudha. Inni kun yeroo sana qofa utuu hinta’in har’as namootni of-kennuun ilmaan namootaa rakkoo keessa jiran haala keessa jiran keessaa baasan, jireenya isaanii kennuun kan gargaaran har’as ni barbaachisu.

Haa ta’u malee inni guddaan of-kennuu gaafata. Ilaalcha gaarii qabaachuu barbaada. Of-irratti xiyyeeffachuu irra namoota kaaniifis yaaduu gaafata. Ofitummaa keessaa ba’uu barbaada.

Inni kun ammoo tarii akka hojii kaanii kan hinmul’anne ta’uu danda’a. Namoota biratti kan argamne ta’uu danda’a. Dhiibbaan isaan geessisan garuu yoomiyyuu hindagatamu.

Fakkeenyaaf namoota jireenya hawaasa addunyaarratti dhiibbaa guddaa geessisanii utuu hinfaarfatamin hafan keessaa tokko kan akka ‘Henry Dunant’ jiru. Hundumti keenya waa’ee Fannoo Diimaa, dhiibbaa inni dhaloota irratti fidaa jiru nihubanna.

‘Henry Dunant’ egaa nama yeroo jalqabaaf bu’uuresse jechuun nidanda’ama. ‘Dunant’ Caamsaa 8, 1828 magaalaa Jenevaa (Geneva) keessatti nama dhalate yeroo ta’u loliisa Solferino, Xaaliyaaniitti ta’etti loltootni hedduun biyyoota akka Awustiriyaa, Faransaayfi kkf irratti hirmaachuun dhumiisa cimaatu ture. Loltootni kuma 40 ol ta’an loliisa hamaa kana keessatti miidhamanii, hedduun du’anii kaanis du’atti dhiyaatanii gargaarsa, daawaa dhabuun du’atti kan dhiyaatan danuu turan.

‘Dunant’ loltoota rakkoo cimaa keessa jiran kana ilaalee cina hintarre. Namoota nannoo jiran ijaaruun loltoota madaa’an kanaaf akka madaa isaanii hidhan, nyaata akka dhiyeessaniif, gargaarsa akka taasisaniif ijaare.

Guyyaa itti Dunanti bakka rakkoon jiru kana ga’e guyyaa itti loltoota rakkoo guddaa keessa jiraniifi gara laafinni itti walarge fakkaata. Gargaarsa jalqabaa taasifame booda Dunant gara biyyaatti deebi’uun hinteenye.

Gargaarsa walittiqabuun loltoota rakkoo keessa jiran kanaaf akka ergamu taasise. Gargaarsi kun qomoon, amantiifi eenyummaa namaa irratti kan hinhundoofne nama rakkoon mudate akkasumaan gargaaruu ture.

Ittifufuun namni kun mul’ata dhaabbata yeroo rakkoon mudatu addumaan yeroo walitti bu’iinsaa, yeroo loliisaa loltoota madaa’an akka itti gargaaruun dandaa’amu itti yaade.

Isa kanaaf dhaabbanni akka barbaachisu hubate. Dhaabbanni akkasii ammoo kan hundeeffamu yeroo nagaa ta’uu isaa nama hubate ture. Yaadni isaa kun ammoo walii galtee Jeneevaa (Geneva Convention) irratti fudhatama argate.

Kanaaf bara 1863 yeroo jalqabaaf gargaarsa loltoota yeroo waraanaa madaa’aniif koree nama shan qabuun hundeeffame. Kureen kun jalqabatti “Koree Gargaarsa Loltoota Madaa’anii Addunyaa” jedhamee dhaabate. Booda keessa “Koree Fannoo Dimaa Addunyaa” jedhamee geeddarame.

Utuu baay’ee hinturin biyyoota 12 oltu yaada kana fudhate. Gargaarsi ta’e loogiin ala loltoota miidhaman kamiin iyyuu gargaaruu irratti xiyyeeffate. Dhaabbata kana keessatti namootni hirmaatan tola ooltota ta’uunsaa ammoo hundumaa irra akka qabeenya xiqqoon hojii guddaa namoota rakkoo qaban gargaaraniif taasiseera.

Badhaasa noobilii wajjin horii argates gargaarsa kanaaf akka oolu godheera. Hanga har’aatti Fannoo Diimaa yeroo rakkoon garaagaraa uumamu, loliisni ta’u, beelli hamaan jiraatufi kkf irratti ilmaan namootaa utuu addaan hinqoodin gargaaraa jira.

\Namoonti hojii tola ooltummaa kana keessatti hirmaachuun hawaasa keessa jiran akka gargaaran, jireenya namootaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessisan taasisaa jira. Meesha maleeyii hidhattootaan miidhaman, hawaasa walitti bu’iinsaan dararamu gargaaruurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, yeroo ammaa yoo xiqqaate biyyoota 90 ol keessatti hojjettoota kuma 18 oliin hojiisaa geggeessaa jira.

Yeroo balaan tasaa uumame jalqabarratti deebii kennuun namoota rakkoo isaan mudate keessaa baasuuf of kennuun hojjetu. Nama tokkoon haa eegalu malee miliyoonotarratti dhiibbaa gaarii geessiseera.

Egaa har’as tola ooltotni daran nibarbaachisa. Sababiinsaas bara keessa jiru kana balaan tasaa baroota darban caalaa yeroo itti heddummatan keessa jirra. Bara kana keessa akka addunyyaatti yoo xiqqaate namootni kuma 60 ol waggaa tokko qofatti balaa uumamaan du’aniiru.

Akka qorannoowwan addaa addaa addeessutti duuti namootni balaa uumamaan du’an yoo xiqqate %0.1 oliin dabaleera. Inni kun yeroo tokko tokko hanga %0.4 ol akka ta’u nidubbatama. Balaan uumamaas bara 1990 asitti dhibbantaa 35 oliin dabaleera.

Bara 2020 qofatti balaa uumamaa 416 ol addunyaa keenyarratti uumameera. Jijjiirama qilleensaa wajjin walqabatee waggoottan darban keessatti balaa hamaan akka gubachuu bosanaa, bubbee hamaafi kkf du’a namoota hedduuf sababa ta’aniiru. Kaanis beela cimaaf saaxilamaniiru.

Namoota haala ulfaataa akkasii keessa jiraniif tola ooltotni daran barbaachisoodha. Addunyaa kana irratti bakki gargaarsa hinbarbaachifne waan jiru hinfakkaatu. Yeroo ammaa yoo xiqqate addunyaa keenya irraa namootni miliyoonni 235 ol gargaarsa barbaadu.

Inni kun ammoo waggoottan dhufanitti dhibbeentaa guddaan nidabala jedhamee yaadama. Bakkawwan hedduutti waraanatu jira; hawaasa gidduutti walitti bu’iinsa garaa garaatu jiru; beelaan namootatu miidhamaa jiru; hiyyummaarraa kan ka’e daa’imni hedduun miidhamaa jiru; harmaatiin dararamaa jiru.

Bakka kana keessatti namootni of kennanii hojjetan, bakka bishaan qulqulluu dhabuun daa’imni, harmootiin, walii galatti hawaasni miidhamu keessatti hirmaachuun jireenya hawaasaa kan geeddaran nibarbaachisu.

Namootni maanguddoota gargaaran, namoota mana jireenyaa hinqabne daandiirratti kufan kaasan, beelaan kan miidhaman kan nyaachisan, miidhamtoota qaamaa kan tumsan, dhaabbilee gargaarsaa cina qabeenyasaaniitiin kan dhaabatan har’as nibarbaachisu.

Egaa itti yaaduun, maaliin akka namoota rakkoo qaban cina dhaabannu itti yaaduun of kennuun barbaachisaadha.

Bariisaa guraandhala 27/2013

Recommended For You

4 Comments to “Namni tokko dukkana abdiitti geeddaruu ni danda’a”

  1. Pingback: vegan foundation

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *