Ispoortii Aadaa:Waltajjii dargaggoonni aadaasaanii itti waljijjiran

Finfinnee: Ispoortiin ammayyaa biyya keenya utuu hinseeniin dura baldhinaan adeemsifamaa kan ture ispoortiiwwan aadaa turuunisaanii kan yaadatamuudha.

Ispoortiiwwan aadaa akkuma ispoortiiwwan ammayyaa baldhinaan adeemsifamuu irra dhiphachaa kan ture hirmaattotni isaa waan xinnaachaa adeemaniifiidha jechuun ni danda’ama.

Sababiinsaa abbaa ispoortichaa kan ta’an qonnaan bulaafi horsiisee bulaan yeroon gannaa darbee lafti qoreefi midhaansaanii sassaabatanii booddee dirreewwan babaldhoorratti walitti bahuudhaan guluf fardaa, qillee, korboofi saddiiqa taphachuudhaan yeroosaanii kan dabarsan.

Haata’u malee waggoota muraasaa as iddoowwan oolmaa ispoortii kanaa dhiphachaa waan dufaniifi dargaggoonnis ispoortii kana hordofuurra ispooriiwwan ammayyaa duukaa bu’aa waan jiranif dadhabbii ispoortii aadaa kanaaf ka’umsa ta’eera.

Ispoortiin aadaa mallattoo tokkummaa sabootaafi sablammoon biyyattii hojjetanii dhaloonni har’aa irra deebiidhaan haaromsu qabu jechuudhaan mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee haala haaraadhaan akka gaggeeffamu taasiseera.

Ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gulufa fardaa, waldhaansoo, koroo, qillee (kollee)fi tapha saddeeqaa fafakkaatan akka hinirraafatamneefi ummatnis irratti akka hirmaatuuf komishinii ispoortii federaalaa jalatti federeeshinii ispoortii aadaa akka hundaa’u taasifameera.

Kanumarraa ka’uudhaan federeeshinichi waggaa waggaadhaan shaampiyoonaa ispoortii aadaafi festivaaliin ispoortii Itoophiyaa naannooleefi guutuu biyyatiitti gageesuu edda jalqabe olee bulera.

Haaluma kanaan baranas shaampiyoonaan ispoortii aadaa 18ffaafi festivaaliin ispoortii Itoophiyaa 14fan torban tokkoof Magaalaa Dirre Dhawaatti adeemsifamaa ture har’a xumuurama jedhamee eegama.

Naannoo Tigiraayirraa kan hafe bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabalate naannoleen biyyatii marti magaalaa Dirre Dhawaatti waltti dhufuudhaan hirmaachaa jiru.

Shaampiyoonaa kanarraatti hirmaachuuf naannoleen hundi duraan dursanii gandaa kaasee hanga naannootti sadarkaa, sadarkaadhaan dorgommiiwwan gaggeessaniiru. Dhumarrattis taphattoota ciccimoo filachuudhaan shaampiyoonaa guutuu Itoophiyaa kanarratti hirmaataniiru.

Sababiin shaampiyoonaan kun itti gaggeeffamuf dargaggoota biyyattii dirree kanarratti walittifiduudhaan jidduusaanii obbolummaan, tokkummaan, jaalalli akka cimu gochuu maddiitti aadaa naannawaanii wajijiraniif gargaara.

Kanaan dura akaakuuwwan ispoortii shaniin dhiirota qofa jidduutti gaggeeffamaa kan ture ispoortiin aadaa kun ammaan tana dubartootas hirmaachisuudhaan ispoorticha hawaasa biratti caalaa akka beekamuuf yaaliin godhamaa jiru jajjabeessaadha.

Akkaakuuwwan ispoortii 11n kornyaawwan lameeniinuu ispoorteesitoonni kuma tokkoo ol hirmaachaa kan jiran shaampiyoonaan ispoortii aadaa kun, kanneen kanaan duraa caalaa haala miidhagaadhaan adeemsifamaa jira.

Shaampiyoonaan kun bara darbe naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Maarqositti yoo gaggeeffaamu naannichi olaantummaadhaan xumuruunsaa ni yaadatama.

Dorgommiiwwan hanga ammaatti gaggeeffamanitti Naannoon Oromiyaa qabxii olaanaadhaan dursaa akka jirus beekuun danda’ameera.

Bariisaa Guraandhala 27/2013

Recommended For You

2 Comments to “Ispoortii Aadaa:Waltajjii dargaggoonni aadaasaanii itti waljijjiran”

  1. Pingback: PG Slot
  2. Pingback: carts for sale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *