Dargaggummaan umrii murteessaa ofiifis ta’e biyya ofiif waardiyyaa dhaabachuun wabii itti ta’an yoo ta’u, keessumaa gaafa xiiqii ga’umsaan diina dura dhaabatee walabummaa biyyaa kabajuufi kabachiisuun dhaloota utubaa biyyaa ta’edha jechuun ni danda’ama.
Kanamalees wayita sirnoonniifi ayyaanonni gara garaa gaggeeffaman walleen, aartiin, uffataan miidhagsuun aadaan osoo hinfaalamiin duudhaasaa eeggatee dhaloota dhufutti akka darbuuf imaanaan dargaggoota harka jiru tokko lama miti.
Oromoon guyyaa jijjiiramaa har’a keessa jiru kana ijasaatiin arguuf wareegama qaalii humnaa olii kaffaleera, lubbuu qaalii itti wareegeera, qaamasaa itti dhabeera, dhiigasaa dhangalaaseera.
Bu’aa dhiigasaafi sirna jijjiiramaa sabaafi sablammiif bu’uura ta’e kana ijaaruunis dachee kaleessa irratti cabaa turerratti ayyaanota akka Irreechaa kan jaarraa tokkoofi walakkaaf cufamee ture saaqsisuu danda’eera. Kun bu’aa qabsoo hadhaa’aan argameedha.
Bu’uuruma kanaan magaalaa guddoo Oromiyaa, kan Itoophiyaafi giddugala Gamtaa Afrikaa kan taate Finifinnee keessatti horasaa ganamaatti deebi’uun waggaa waggaan karaa hunda hirmaachiseen sadarkaa Oromiyaarraa hanga addunyaatti Irreecha kabajachuun Oromoon hammam akka gahu qabatamaan agarsiiseera.
Sabaafi sablammiilee hedduun Itoophiyaa dhiibbaa sirnoonni darban irraan gahaa turanirraa kan ka’e aadaa duudhaafi sirnootasaanii gara garaa guddisuunis ta’e barsiifachuun dhorkaa ta’uusaarraa kan ka’e qorqalbiinsaanii akka jaamu taasifamaa turuu seenaatu ragaa baha.
Haata’u garuu qabsoo fincila diddaa qeerrootiin dhoosee sirnoota cunqursaa hundeedhaa buqqisuun ijaarama sirna jijjiiramaatiif bu’uura buusuusaatiin kan kaleessa dhokatee ture gadi bahee eenyummaasaa, aadaasaa, ayyaanotasaa akka kabajatuuf haalli mijataan uumameera.
Ayyaanota aadaa dhiibbaadhaan akka Finifinneetti hinkabajamne taasifaman keessaa Irreechi isa ijoo yoo ta’u, turtii jaarraa tokkoofi walakkaa booda kabajamuu eegaluusaan injifannichi bu’aa qabsoo ilmaan Oromoo wareegama qaaliin argame waan ta’eef dargaggoota sabaafi sablammiilee gara garaa dabalatee qeerroofi qarreen achirratti walgahuun gammachuusaanii waliin dhandhamaa jiru.
Malkaawwan biroo akka biyyaatti jiran marattis kabajni Irreechaa dachaan dabalaa, ho’aafi hawwata tuuristii ta’aa kan jiru yoo ta’u; humni kaleessa waliin duulee sirna kana dhale garaagarummaa yaadaa mariin furuurra walitti deebi’anii walwaraanuun hamileesaanii miidhaa jiraachuu dargaggoonni ni kaasu.
Tibbana ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Buraayyuu Gafarsaatti kabajamerratti dargaggoota uffata aadaatiin miidhaganii birraa fakkaatanii naannawaa malkaa fi magaalota bareechan sirbaa dhiichisaa warreen gammachuu dhandhaman dubbisnee turre.
Ayyaanichi ayyaana guddaa waqtii birraa eegee waggaa waggaan kabajamu ta’us hammam miira gammachuun waqticha eeganii simatanis rakkoo nageenyaa mudataa jirurraa kan ka’e mufannaan jiraachuu dargaggoonni ibsu.
Dargaggoo Araarsaa Margaa Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Aanaa 5irraa kan dhufe yoo ta’u, Oromoon sirna balaafamaa jaarraa tokkoofi walakkaa oliif kanamalees murna golasaa golgoleessaa tuerrratti hadheeffatee qabsaa’ee erga hundeedhaa buqqisee gammachuun nutti dhagahamaa ture olaanaadha jedha.
Ta’us irreen kaleessa waliin duulaa ture utuu garaa garummaan yaadaa ilaafi ilaameen furamuu danda’uu walwaraansatti jijjiiruun ummanni keenya gatii hinmalle akka kaffalu taasifamuun kun yaaddessaa ta’uu kaasa Dargaggoon kun.
Obboleeyyan walitti bu’anii walari’achuun fafummaadha kan jedhe dargaggoon kun, waljifachuun Oromoo waan ormaaf waan karra banuuf dhaabannee waldhaggeeffataa deemuun murteessaadha jedha.
Imaanaan Oromummaa dhaloota ammaa harka jiru olaanaadha. Kanammoo milkeessuu kan dandeenyu yoo waliigalledha jedhee, dhimmi Oromoo walitti buusu jiraachuu hinqabu. Yoo akka tasaa uumamellee ilaafi ilaameen xumuramuun fala dhumaa ta’uu qaba jedha.
Oromoon qe’eesaatti kabaja abbummaa dhabee hiraarfamaa ture har’a wayita abbaa biyyaa ta’ee dimokraasiin maal akka fakkaatu, misoomni maal akka ta’e qabatamaan agarsiisuu jalqabutti garaagarummaa yaadaa waliisaa gidduutti dhalachuun nudallansiisaa jira jedha Dargaggoo Araarsaan.
Irreecharratti dhufnee sirbinee gammannee dabarsuun keenya kan nugammachiisu ta’us gammachuun keenya hir’uudha. Kanaafimmoo sababa kan ta’e walwaraansi Oromiyaa keessa ture gatii hinmalle waan nukaffalchiiseef jechuun ibsa.
Hedduun qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’aa jira. Namoota dhabuu hinqabne dhabne. Kana booda akka gammachuun keenya dachaa ta’uuf nagaan waareffamuu qaba jedha.
Dargaggoonni keenyas dammaquu qabna, waraanarraa wanti bu’u yoo jiraate qaamaan hir’achuu, lubbuu walballeessuu, qe’een golgolaa’uu, diinaaf karra banuufi gabrummaaf of saaxiluu qofa jechuunis ibsa. Dhimma waldhabdee waliikeenya gidduu jiruuf ilaafi ilaameen furachuun fala.
Jaarraa ammaan kana keessa jirrutti walitti inaafuun, ija jibbaatiin wal ilaaluun walwaraanuun Oromoo cunqursaa kaleessaatti deebisuudha kan jedhe Dargaggoon kun, gammachuu guutuu dhandhamuuf kan bosona jirus yaadasaa jijjiirratee mariin furachuun Oromiyaa badhaate ijaaruuf tumsuu qaba jechuun gorsa.
“Ani ayyaana Irreechaa guddaa sadarkaa addunyaatti ijaafi qalbii tuuristootaa keessa jiru kanarratti wayitan argamu gammachuu guddaan qaba. Sababnisaas bu’aa dhiigaafi lafee qabsaa’ota keenya dhufaa darbaa wareegama kaffalanii waan ta’eefi.
Irreechi nagaadha, tokkummaadha, dhiifama, araara labsa. Kanaaf obboleeyyan keenya araara buufadhaa Oromiyaa dhiigsuu keessaa baanee misoomaan finiinsuutu nurra eegama” jedha.
Shamarree Daraartuu Dirribaa jiraattuu Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Buraayyuu yoo taatu qarreewwan Irreecha Malkaa Ateeteerratti hirmaatan keessaa ishee tokko. Ayyaanni Irreechaa araara, tokkummaafi obbolummaa kan cimsu dirree garaagarummaan amantaa itti tokkoomu malkaa dhiifamaafi ce’uuti jetti.
Oromoon tokkummaan bahee mareehoo jechaa malkaatti bahee yeroo itti waaqasaa galateeffatuudha. Haata’u garuu walwaraanaa malkaatti bahanii irreeffachuun aadmalee waan ta’eef garaagarummaa yaadaa mariin furachuun dirqama dhaloota kanarraa eegamudha jetti.
“Biyya bulchaa jirra. Garuu walbulchuurratti waldhabuun keenya sirrii waan hintaaneef dhaabannee waldhagahuun gaariidha. Biyya ijaarree dhaloota dhufuuf dabarsuuf jirra isa kanaafimmoo garaagarummaa yaadaa xiqqoo taate furachuun dirqama keenya erga ta’ee waldhiigsuun walbuqqisuun diinaaf haalamijeessuu waan ta’eef dammaquun nurra jiraata” jetti.
Harki qawwee kaasee walwaraanu kun ilaafi ilaameen garaagarummaa yaadaa jiru furatee osoo misoomatti deebi’ee Oromiyaa bareedduu misoomtuu nurra darbee ollaaf wabii taatu ijaaruun nidanda’ama jechuun ibsiti.
“Haata’u garuu waldhiibuu keenyarraa kan ka’e gatii hinmalle kaffalaa jirra. Misoomni keenyas harkifataa jira. Hoji dhabdummaan heddummaachaa jira.
Dargaggoonni keenyas dhimma nageenyaaf gurra keenya kenninee waldhagahuu qabna. Yoo kun hintaane waljifachaa deemuun hallayyaa walbuusuu waan ta’eef mariif dursa kennuun barbaachisaadha.
Irreechi akkuma Oromoo guddaadha, kabajamaadhas. Dhiifama, araaraafi tokkummaa labsa jennee kaaniyyuu Oromoomsaa jirra. Faallaa kanaammoo garaagarummaa ilaalchaa madaallii hinkaasne qabannee walgaarreffachaa biyya ittifufsiisuun waan hindanda’amneef nagaa waaressuurratti haa xiyyeeffannu.
Osoo walwaraansi hinjiru ta’e akkam walbareechina turre. Kun ta’uu dhabuusaatiin miira gaddaafi gammachuun ayyaaneffachaa jirra kun dhiyootti furamuu qaba” jetti.
Walumaagalatti biyya badhaate, hundaaf mijattu, dachee dimokraasiin itti dhugoome walqixxummaan sabaafi sablammii itti mirkanaa’e dhaloota dhufutti dabarsuuf kaayyoo qabna taanaan garaagarummaa keenya ilaafi ilaameen furachuun qabsoo qawwee qabsoo caalmaa yaadaatti jijjiiruun jibba jaalalaan injifannee guddummaa Oromoo olkaasuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017