Natsaannat Taaddasaatiin
Dambi Dolloo: Hojiin baruu barsiisuu, qo’annoofi qorannoo adeemsisuufi tajaajila hawaasaa kennuun hojiilee yunivarsitiin tokko raawwatu keessaa isaan ijoodha.
Yunvarsiitiin Dambi Dolloos erga hojii eegalee waggoota sadii qofa ta’uus akkuma yunvarsiitiwwan buleeyyii gama kanaan hojiwwan jajjabeessoo raawwateera.
Ittaanaa Pirezidaantiin Damee Baruufi Barsiisuu yunivarsitichaa IDoktar Bulii Yohaannis ibsa Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, yunivarsitiin umrii waggoota sadii qabu kun torban sadii dura barattoota kuma sadii barsiisaa ture keessaa marsaa jalqabaatiif barattoota 759 eebbisiisuun kanneen hafan ammoo barsiisaa jira. Yunivarsitichi yeroo ammaa kollejoota ja’aafi manneen barnootaa sadii waliigala sagal diiniidhaan hogganamuufi dippaartimentii 37n hojii baruu barsiisuu adeemsisaa jira.
Yunivarsitichi erga hojii jalqabee waggaa afuraffaa keessa jiraatus hojii baruufi barsiisuufi tajaajila hawaasaa kennaa jiruun yunivarsitoota buleeyyii gadi akka hintaane kaasanii, qo’annoofi qorannoon yunivarsitichi adeemsisus rakkoolee akka naannawaattis ta’e biyyaatti jiran furuufi tajaajila hawaasaa kennuurratti kan xiyyeeffatan ta’uu himu.
Wabii nyaataa mirkaneessuun tajaajiloota hawaasummaa yunivarsitichi kennaa jiru keessaa tokko ta’uu himanii, bara darbe lafa qonnaa hektara 40 olirratti dinnicha, shunkurtii diimaa, raafuu maraa, hundee diimaafi qaaraa omishuudhaan gabaa naannawaarra darbee Finfinfinneef dhiyeesseera. Barana ammoo motoora guddaa bishaan laga Meexxiirraa lafa olka’aarratti fiduufi sekondii tokkotti bishaan liitira 100 darbachuu danda’u fayyadamuudhaan lafa heektaara 70 ta’u tiraaktara sadiin qotuudhaan hojii misooma jallisii hojjechaa jiraachuu eeranii, kana keessaa lafti heektaara 40 ta’u kan hawaasa naannawaa ta’uu dubbatu.
Yunivarsitichi tajaajila hawaasaa kennaa jiru caalaatti ittifufsiisuudhaaf Hospitaala Waliigalaa Dambi Dolloo ofitti fudhachuuf murtee argateera. Kunis tajaajila hawaasummaa mirkaneessuurra darbee hojii baruu barsiisuufis kan isa fayyadu ta’uu himu. Haala kanaan yunivarsitichi hospitaalicha bara bajataa dhufurraa eegalee of jala galchuun humna namaafi meeshaalee fayyaa barbaachisaniin guutuudhaan hawaasaaf tajaajila guutuu akka kennu kan taasisuu ta’uu dubbatu.
Akka Doktar Buliin jedhanitti, yunivarsitichi mana barumsaa bultii addaa yaadannoo Doktar Nagaasoo Gidaadaatiin moggaafame banee yeroo ammaa barattoota kutaa 9fa 240 simatee itti barsiisaa jira.
Rakkoon nageenyaafi weerara kovid 19 bara darbe akka biyyaatti mudate keessa darbuun yeroo ammaa nagaan bu’ee hojiin baruu barsiisuu haala gaariin ittifufee jiraaachuu kaasanii, rakkoo nageenyaa bara darbe mudateen tureen walqabatee barattoonni yunivarsitichaa butamaniiru jechuun miidiyaaleen tokko tokko maqaa yunivarsitichaa balleessaafi xureessaa turuu himu. Ta’us barattoonni butaman mooraa yunivarsitichaa keessatti utuu hintaane Magaalaa Dambi Dolloofi Gambeellaa gidduutti akka ta’e hubatamuu qaba. Lakkoofsi barattoota butamaniis garaa gara akka tureefi qabatamaan barattoonni butaman 12 ta’uu qorannoo Jilli Ministeera Nageenyaatiin hogganamuufi Ministira Muummeerra ergameen mirkanaa’uusaa ibsu. Isaan keessaas ja’a eessa akka jiran akka hinbeekamneefi qorannoo qaamni mootummaa dhimma kanarratti adeemsisaa jiruunis gabaasni hanga ammaatti isaan qaqqabe akka hinjirre ibsu.
Hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu, networkii, sarvisii hojjettootaa, ibsaa, bu’uuraalee misoomaa rakkoolee yunivarsiticha mudataa jiran ta’uu kan eeran ittaanaan pirezdaantii kun, rakkoo addaan ciccituu humna ibsaa furuudhaaf isteeshiniin ibsaa tokko Najjoorratti mootummaadhaan hojjetamaa jiraachuufi rakkoon kun furamnaan yunivarsitichi sheedota gurguddaa invastaroonni keessatti hojjetan ijaaruuf karoora kan qabu ta’uu himu.
Networkiin yeroo jalqabaa ji’a sadii oliif yeroo lammataa ammoo ji’a lamatti kan siquuf guutummaatti addaan citee turuusaa himanii, kun hojii baruu barsiisuurratti dhiibbaa guddaa uumeera tureera jedhu.
Rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu furuudhaaf yunivarsitichi boolla bishaanii gadifagoo sadii qote keessaa kan tajaajila kennaa jiru tokko qofa ta’uu himanii, kanneen hafan lamaan keessaa bishaan utuu hinba’in hafuusaafi rakkoo bishaanii kana furuudhaaf guyyaatti bishaan boottee sadii hanga shanii fidaanii itti fayyadamaa jirachuu ibsu.
Rakkoo kana bu’uurarraa furuudhaaf Intarpiraayizii Bishaan Oromiyaa waliin waliigaluun magaalaa Dambi Dolloorraa bishaan kallattiidhaan gara yunivarsitichatti galchuuf hojiin dizaayiniisaa xumuramee hojiitti seenuuf qophii ta’uufi mootummaan naannichaas hojicha akka ariifachiisuuf gaafataniiru.
Bu’uraaleen misoomaa yunivarsitichaa hedduun raawwatamaa jiraatanis yeroosaanii eeganii xumuramaa hinjiran kan jedhan Doktar Buliin, kunis rakkoo nageenyaafi hanqina dhiyeessa meeshaalee ijaarsaatiin walqabata ta’u eeru.
Ijaarsi yunivarsitichaa waliigalaan %20 irrayyuu akka hingeenye himanii, ijaarsawwan gurguddoon kanneen akka istaadiyoomii, waajjira pirezidaantiifi daarikteerotaa, doormiin barattotaafi kutaaleen barnootaa gara fuulduraatti kan ijaaraman ta’uu eeru.
Dallaan yunivarsitichaa yeroo ammaa ijaaramaa jiraachuu himanii, dallichi ijaaramuun nageenya barattootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf dafee akka xumuramuuf to’annoofi hordoffiin barbaachisu kan taasifamuuf ta’uu himu. Yunivarsitichi karoora waggaa 10 baafate keessatti waggaa lamaafi sadii booda kaampaasii biraa magaalaa Dambi Dolloo keessatti ijaaruuf kan karoorfate ta’uus ni dubbatu.
Yunivarsitichi barana aanaalee Godina Qellem Wallaggaa sadii (magaalota Haroo Sabbuu, Qaaqeefi Qeebbee) keessatti sagantaa barnoota torbaniitiin barsiisuuf qophii xumuruu himanii, gara fuulduraatti aanaalee godinichaa keessatti kaampaasota banuuf karoora kan qabu ta’uu addeessu. Damee banoota ‘Performing and Visual Art’ irratti garuu akkuma yunivarsitiiwwan biroo hanqina humna namaa kan qabu ta’uu dubbatu.
Yunivarsitichi maashiinii vaayirasii koronaa ittiin qoratu kan qabu ta’uufi meeshaan kun banootaafis kan fayyadu ta’uu himu.
Yunivarsitichi sarvisii hojjettootasaa ittiin deddeebisu waan hinqabneef baasota16 kireeffatee tajaajila sarvisii kennaa jiraachuu himanii, baasii tokkoof ji’atti qarshii kuma 80 hanga 100tti waliigalaan qarshii miliyoona tokkoo ol kaffalaa jiraachuu himu. Bittaan konkolaatota sarvisii kan raawwatamu yunivarsitichaan utuu hintaane Ejensii Bittaawwaniifi Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa waan ta’eef bittaan dafee akka raawwatamuuf gaafataniiru. Sababa vaayirasii koronaatiin damee barnootaa kan hinfilanneefi barataa waggaa lammaffaa yunivarsitichaa kan ta’ee Faqqadaa Naggasaa akka jedhutti, haalli nageenyaafi hojiin baruu barsiisuu baranaa baay’ee gaariidha. Barattoonnis carraa kanatti fayyadamuudhaan barumsasaanii bara darbe sababa rakkoo nageenyaaafi weerara vaayirasii koronaatiin addaan citee ture bakka buufachuuf jabaatanii barachuufi qo’achuu qabu.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
6 Comments to ““Yunivarsitiin Dambi Dolloo barumsaafi tajaajila hawaasaa kennuun kanneen buleeyyii gad miti” -Doktar Bulii Yohaannis”