“Qaala’ina jireenyaarraa kan ka’e jireenyi humnaa ol nutti ta’eera” -Jiraattota bakkeewwan garagaraa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Aadde Tizzitaa Balaachoo Jiraatuu Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiiti. Ammaan tana qaala’ina gatiirraa kan ka’e jireenyi humnaa ol itti ta’uufi galii hojjetaan mootummaas ta’u hojjetaan guyyaa argatu jireenya waliin walsimaa waan hinjirreef dandamachuu dadhabaa jiraachuu yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ibsaniiru.

“Namni galii ji’aan ykn guyyaadhaan argatu baay’een mana kireeffatee jiraata. Kireessaan manaammoo “jireenyi dabaleera” jedhee kiraa manaa itti dabala. Gatiin shaqaxootaa dabaleera, geejibniifi waa hundi nama galii dabalataa hinqabnerratti dhiibbaa uumaa jira. Wanti dabalaa jiru galii keenya gararraa ta’aa jira. Kanaaf nuti jiraattota utuu hintaane jiraachistoota ta’aa jirras” jedhu.

Mootummaan dhiheessii sirreessuu akkasumas to’annoo cimsuu baannaan haalli jiru yaadeessaa ta’uu eeranii, sababa “doolaaratu dabale” jedhuun waantonni hundi erga miyaa’ayanii turuu himu. Ammammoo gatiin bobo’an dabaluun ittuu qaala’inicha hammeessuusaafi omishoonni garagaraa dhokfamanii gatii olaanaadhaan gurguramaa jiraachuu ibsu. Fakkeenyaaf mootummaan zayitiin qarshii 360tti haa gurguramu jedhus daldaltoonni dhoksanii nama beekanitti qarshii 450n gurguraa jiru jedhu. Omishaaleen biyya keessaa kanneen akka xaafii, shiroo, barbarree, fuduraafi muduraas gatiinsaanii garmalee ol ka’uufi ammayyuu hordoffiin jiraachuu baannaan haalichi daran rakkisaa ta’uu ibsu Aadde Tizzitaan.

Obbo Siyyum Shukkees jiraataa Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Gullallee yoo ta’an qaala’inni jireenyaa nama harka caaluutti ulfaataa jiraachuu kaasu. Ammaan kana hojjetaan mootummaas ta’u inni kaana sadarkaa of jiraachisuu dadhabuurra qaqqabuu eeru.

“Finfinnee keessammoo wanti hunda caalaa jireenya ulfaataa taasisaa jiru gatiin mana kiraa garmalee ol ka’uudha. Namoonni mana kireessan yeroofi haala barbaadaniin yommuu gatii kiraa manaa dabalan mootummaan callisee ilaaluu hinqabu. Ulaagaan ba’eefi isaan to’atamu qaba; utuu inni sirratee jireenyi inni kaan dhawaataan sirrataa deema jedheen yaada” jedhu.

Maqaansaa akka eeramu kan hinbarbaanne jiraataan Magaalaa Buraayyuu tokkos yaada nuu kenneen, gatiin wantootaa dachaadhaan dabalaa jira. Daakuun kiiloon tokko qarshii 25 irraa 40, xaafiin duratti kiiloon mana 20 keessaa hinbaane har’a 45, 50 galeera. Barbareen 140 irraa 200 ol, warreen kaanis akkanuma garmalee dabalaa jiraachuu ibsa.

“Gama geejibaatiinis yoo ilaalame fakkeenyaaf Finfinneerraa Holataan qarshii 40 yoo ta’u, yoo karaa gabaabaa deemtee gidduutti buutes isuma kanfalta. Sanbataafi dilbatammoo taarifnisaa akkuma barbaade dabala. Daandii sanarra to’ataan seeraa ykn tiraafikiiillee hinjiru.  Namni immoo bakkee buluurra jedhee utuma itti ulfaatuu isa gaafatame kanfalee deema” jedha.

Galiin namaa bakka hindabaletti jireenyi haala kanaan kan ittifufu taanaan jiraachuufuu ulfaataa ta’uufi mootummaan kana keessa harka galaftee sirreessuu akka qabu dubbata.

Dhimma kanarratti ibsa ogummaa akka nuu kennaniif kan gaafanne hayyuun dinagdee Doktar Guutuu Teessoo akka dheengadda Bariisaatti himanitti, qaala’inni jireenyaa biyyattii sababoota gatiin leecalloowwan alaa galanii dabaluu, dhiheessiin sababoota nageenya, koronaafi awwannisaan hir’achuu, akkasumas gatiin boba’aa dabalaa dhufeera. Kanaaf mootummaan hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaba.

Tarkaanfiin jalqabaa, haalduree tokko malee siyaasa biyyattii fayyisuu ta’uu eeranii, yoo siyaasni hinsirratiin dinagdeen, hawaasummaan, hariiroon ummataa akka sirratuufi omishuma omishamellee haalaan raabsuun akka danda’amu eeru.  

Inni biraa sharafa alaa to’achuu keessatti Baankiin Biyyaalessaa xiyyeeffannaadhaan hojjechuu akka qabu kaasanii, sharafa alaa argachuuf, abbootiin qabeenyaa biyya alaa akka dhufaniif jecha guyyaadhaa gara guyyaatti qarshii Itoophiyaa gadi buusuun deemuun diigamsa biyyaa fida jedhu.

Akka ibsa Doktar Guutuutti, qarshiin Itoophiyaa amma gadi bu’e dafee bakka tureetti deebi’uu akka qabuufi yoo deebi’ee Itoophiyaa waa tokko waan miidhu akka hinqabne ibsu.

“Yoo kana ta’e yoo xiqqaate gatiin omishaalee alaa galanii akka tasgabbaa’u waan taasisuuf warshaaleen galtee biyya alaa fidatanii omishan gatii madaalawaan omishanii gatii madaalawaan akka gurguran isaan taasisa. Qaal’inni gatii tibbana dabale gatiin boba’aa waan dabaleef qofa kan dhufe miti. Inni dhiibbaa qabaatus harki caalaansaa sharafa biyya alaa wajjin kan walqabatudhas” jedhu.

Dhimma kanarratti mootummaan tarkaanfii akkamii fudhachuuf hojjechuu qaba isa jedhu gaafachuus yaalii nuti irra deddeebiin Ministeerota Maallaqaafi Daldalaafi industirii dubbisuuf yaalle kan nuu hinmilkoofne ta’us waan jiru hordofne kan dhiheessinu ta’a.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

7 Comments to ““Qaala’ina jireenyaarraa kan ka’e jireenyi humnaa ol nutti ta’eera” -Jiraattota bakkeewwan garagaraa”

  1. Pingback: köp kratom
  2. Pingback: diazépam 10 mg
  3. Pingback: cinemarule
  4. Pingback: chat room
  5. Pingback: Medical1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *