
- Magaaloonni Rijinii Kibba Bahaa fayyadamtoota ‘4G LTE Advanced’ ta’an
Saamraawiit Girmaatiin
Adaamaa: Obbo Abinnat Taaddasaa hojjetaa Dhaabbata Inshuraansii Itoophiyaa damee Adaamaati. Hojiinsaanii baay’een interneetiidhaan kan walqabatu ta’uufi kanaan duras networkiin magaalattii laafaa ta’uusaatiin daran rakkachaa turuu kaasu. Sababa kanaan hojiileen harkifachaa, maamiltoonni deddeebi’aafi rakkooleen garagaraas mudachaa turuudha Gaazexaa Bariisaatiif kan ibsa.
Dheengaddarraa kaasee garuu magaalaa Adaamaa dabalatee magaalonni riijinii kibba bahaa jalatti argaman Awaash Malkaasaa, Mojoo, Bishooftuu, Dukamiifi Galaan fayyadamoo tajaajila intarneetii saffisa olaanaa ‘4G LTE Advanced’ jedhamuu ta’aniiru. Kunis hojiin hojjetamu saffisaafi qulqullina akka qabaatu taasisuun dhaabbileen waan guyyaatti hojjechuuf karoorfatan si’aayinaa hojjetaniif ni gargaara jedhu.
Si’achuun hojiimmoo galii waliin waan walqabatuuf fayyadamaa kan ta’u dhaabbileefi namoota hedduu ta’uu kaasa.
Sirna jalqabsiisa tajaajilichaarratti argamuun haasaa kan taasisan Raawwachiistuun Hojii Itiyoo Telekoom, Dubree Firehiwoot Taammiruu akka jedhanitti, Rijiniin Kibba Bahaa fayyadamni daataa olaanaa kan itti mul’ateefi waldhiphisna networkii kan qabu waan ta’eef rakkoo qulqullina tajaajilaa kan qabuufi fedhii maamiltootaa haala ga’aa ta’een kan guuttate hinturre.
Kanarraa ka’uun dhaabbatichi erga hojii bal’aa hojjechaa turee booda Finfinneen ala yeroo jalqabaatiif tajaajila intarneetii fooyya’aa ‘4G LTE Advanced’ magaalota riijinicha jalatti argamaniif kennuu eegaluu himu.
Itiyoo Telokoom dhaabbata ga’umsa qabu, dorgomaafi filatamaa ta’uun fedhii maamiltootasaa yeroodhaa yerootti dabalaa dhufe guutuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu kaasanii, ijaarsa dinagdee dijitaalawaas ittifufsiisuufi dhugoomsuuf hojiin babal’isaa hedduun hojjetamu eeru.
Kanaafis karoorri tarsimawaan waggoota sadiif turu qabamee hojjetamaa jiraachuu kan ibsan raawwachiiftuun hojii tun, hojiichis waggaa darbe eegaluusaafi kanaanis raawwii gaariin galmaa’uu akksumas, ji’oota ja’an bara bajataa baranaattis raawwii onnachiisaan galmaa’uu dubbatu. Yeroowwan hafanis teknolojiiwwan haaraa fiduufi babal’isuudhaan fedhii maamiltootaa guutuuf darbees, galii dhaabbatichaa daran guddisuuf ni hojjetama jedhu.
Akka Dubree Firehiwoot jedhanitti, gama tajaajila networkii fooyyessuutiin teknolojii addunyaa hordoofuun yeroo yerootti fooyyessaa dhufuun danda’ameera. Ammaan tanas hojiin fooyyessaa hojjetameen sadarkaa tajaajila intarniiti ‘4G LTE Advanced’ ykn tajaajila interneetii saffisa olaanaa dhaloota afraffaarra qaqqabeera. Kanaanis tajaajilicha kutaalee biyyattii ‘2Gfi 3G’ fayyadaman hunda biraan ga’uuf kan hojjetamu ta’a.
Tajaajilli ‘4G LTE Advanced kun saffisa olaanaa kan qabu waan ta’eef hojii biznasii namoota dhuunfaas ta’e kan dhaabbilee daran kan fooyyessuudha jedhanii, humnaafi saffisa olaanaa waan qabuufis hojii maamiltootaa saffisiisuun tajaajila qulqulluu akka argataniif kan gargaaru ta’uu beeksisaniiru.
Amma akka waliigalaatti Wiirtuuleen Simattuu Bu’uuraa ykn ‘Base Transceiver Station, BTS’ Kuma torbaafi 300 Itiyoo Telokoom gaggeessuu sadarkaa biyyaatti jiraachuu eeranii, baranas wiirtuulee dabalataa 769 ijaaruuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuufi kanneen keessaa 137 Finfinneetti ijaarsarra jiraachuu addeessu.
Magaalota 103s fayyadamoo tajaajila ‘4G LTE Advanced’ akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu eeranii, akka waliigalaatti wiirtuuleen kuma tokkoofi 94 hanga xumura bara bajataa kanaatti fayyadamtoota akka ta’an ibsaniiru.
“Saayitiiwwan Rijiiniin Kibba Bahaa qabu 551 keessaa 110 irratti fooyya’insi hojjetamee tajaajila interneetii saffisa olaanaa argataniiru. Kana hojjechuun kan barbaachiseef rijinichi bakkee daldalli ho’aan itti adeemsifamuufi turistii bal’inaan keessummeessu waan ta’eef dursi kennemeef” jedhu.
Kana malees ALA bara 2022tti saffisa tajaajila intarneetii ‘5G’ ykn dhaloota shanaffaa eegaluuf haaldureewwan barbaachisan xumuraa jiraachuus ni ibsu.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
Monitoreo de condicion
Equipos de calibración: esencial para el rendimiento fluido y óptimo de las máquinas.
En el entorno de la innovación contemporánea, donde la productividad y la confiabilidad del dispositivo son de gran trascendencia, los sistemas de calibración juegan un función esencial. Estos dispositivos específicos están creados para calibrar y fijar componentes giratorias, ya sea en maquinaria productiva, automóviles de desplazamiento o incluso en dispositivos caseros.
Para los expertos en conservación de sistemas y los profesionales, manejar con equipos de balanceo es esencial para asegurar el funcionamiento estable y confiable de cualquier dispositivo dinámico. Gracias a estas alternativas tecnológicas sofisticadas, es posible minimizar significativamente las vibraciones, el estruendo y la tensión sobre los sujeciones, prolongando la longevidad de partes costosos.
Igualmente significativo es el papel que desempeñan los aparatos de equilibrado en la soporte al consumidor. El apoyo especializado y el reparación permanente aplicando estos dispositivos habilitan dar servicios de excelente calidad, aumentando la satisfacción de los consumidores.
Para los dueños de emprendimientos, la contribución en unidades de balanceo y detectores puede ser importante para optimizar la productividad y productividad de sus aparatos. Esto es particularmente importante para los inversores que gestionan medianas y modestas emprendimientos, donde cada detalle es relevante.
Además, los aparatos de equilibrado tienen una vasta utilización en el área de la seguridad y el supervisión de nivel. Permiten identificar eventuales problemas, evitando arreglos caras y daños a los aparatos. Más aún, los datos generados de estos equipos pueden usarse para mejorar procedimientos y potenciar la presencia en sistemas de consulta.
Las sectores de uso de los aparatos de ajuste abarcan diversas sectores, desde la producción de bicicletas hasta el monitoreo del medio ambiente. No interesa si se refiere de enormes fabricaciones productivas o limitados talleres hogareños, los aparatos de equilibrado son fundamentales para proteger un operación productivo y sin fallos.