“Filannicharratti fedhiin keenya ijoon Itoophiyaafi lammiishee mo’attoota gochuudha” -Doktar Abiyyi Ahmad

Filannoo biyyaalessaa jahaffaaf maanifestoofi yaadni  filannoo Badhaadhinaa ifatti ibsamus fedhii ijoon filannichaan Itoophiyaafi Itoophiyaanota mo’attoota taasisuudha jechuun Ministirri Muummee Mootummaa RFDIfi Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Doktar Abiyyi Ahmad  beeksisan.

Miministirri Muummeen Wixata darbe wayita maanifestoofi mallattoo Paartiin Badhaadhinaa filannicharratti dorgomuun iftoomu akka ibsanitti, fedhii guddaan garuu filannichaan Itoophiyaafi Itoophiyaanota injifattoota taasisiidha.

Filannoo Itoophiyaafi Itoophiyaanota mo’attoota taasisu geggeessuu jechuun haala nagaa, dimokraasii, kan hunduu bilisummaan irratti hirmaatu, kan walabummaa yaadaatiin filatamu ykn kufu dhugoomsuudha.

“Paartiileen siyaasaa morkattoota gamanumaa filannichaan mo’achuuf abdii hinqabu, filannciha keessaa bahuu wayya jedhanii yaadan jiru” kan jedhan Doktar Abiyi, gorsin ani isaaniif qabu filannicharratti hirmaachuufi yaadasaanii gurgurachuu wayya, kan jedhuudha jedhan.

Akka filannoowwan kanaan duraa geggeessuuf mootummaas ta’e Paartiin Badhaadhinaa fedhii hinqaban kan jedhan Ministirri Muummeen, hanguma yaadaafi abdii ummataaf kennineen ummanni keenya nu filatee sagaleewwan paarlaamaa, mootummaa keessattiifi iddoowwan adda addaatti akka dhaga’aman gochuun paartiilee hundarraa kan eegamu ta’uu eeraniiru.

Hunduu rakkoon amma ittimul’achaa jiruufi miira injifatamuu mo’atanii filannciharratti akka dorgomaniif waamicha kan dhiyeessan Doktar Abiyyi Ahmad, gama keenyaan hanga danda’ametti miira walta’iinsaafi morkii akka balleessineef, gargaarsa paartiilee siyaasaa Itoophiyaatiif malu gargaaruudhaan, utubnee, gargaarree akka hirmaatan gochuu qabna jedhaniiru.

Akka ibsa ministira muummeetti, filannichi yoo dimokraatawaa, nagaqabeessaafi bilisa ta’uu baate kisaaraadha. Yoo kanneen guuttate garuu mo’attuu kan taatu Itoophiyaadha.

Badhaadhinni mo’atus mo’achuu baatus karaan Itoophiyaa injifattuu taasisu yoo qabatame ida’amaan injifannoo Itoophiyaa keessatti fayyadamoo ta’u kan jedhan Doktar Abiyyi, otoo Itoophiyaan hinmo’atiin nuti garuu waliindhoofnee filannicha yoo mo’anne waan injifannoo waaraa hintaaneef hanga danda’ameen filannichi nagaqabeessa, dimokraatawaa, kan hunduu keessatti hirmaatu, walabumaa yaadaan qofa aangoon irraa argamu akka ta’uuf hirmaataan hundi gaheesaa akka gumaachuu qaba jedhan.

Waggoota shanan dhufanitti waan maanifestoo Badhaadhinaarratti eerame milkeessuudhaan yoo xiqqaate omisha waliigalaa Itoophiyaa dacha gochuun akka barbaachisu kan eeran Doktar Abiyyi, adeemsa kana gochuus namoota qabeenya horachuun beekamaniifi ga’umsa qaban, hayyoonni, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, dubartoonni hundi kan irratti hirmaatan ta’uu akka qabu ibsaniiru.

“Badhaadhinni paartii hundaan, hundarraa, hundumaaf ta’eedha jedhanii, badhaadhina Itoophiyaa keessatti mirkaneessuu yoo barbaadne Oromoon, Amnaarri, Tigreen, Sidaamaan, Somaaleen, Affaar, Walaayittaan, Silxeen, Guraageefi ummatoonni kaan kan qixxummaan irratti hirmaataniif fayyadaman hingoonu taanaan yoo guddate haxxummaa waggaa 25 malee injifannoo waaraa fiduu hindandeenyu jedhan.

Kanaafuu miseensonni badhaadhinaa marti, deggartoonni paartii keenyaa hundi kan hubachuu qaban Itoophiyaan gara bdhaadhinaatti bahu kan dandeessu Itoophiyaanonni hundi walqixxumaadhaan, jaalalaan, obbolummaadhaan, walkabajanii, waleeyyamanii yoo tattaafachuu danda’a qofa ta’uu eeraniiru.

Kan abbaa dabaree jedhu, abbaa dabaree jedhee labsu yoo jiraate Itoophiyaa badhaadhina Itoophiyaa gabaabaatti kan hambisu  akka ta’e kan himan Doktar Abiyyi, nuti, badhaadhinoonni ummanni Itoophiyaa marti hafuuraafi garaa tokkoon walitti hidhamnee kan hunda fayyadnu, hunda tajaajillu, hunda jaalannuufi dhaabanuu ta’uu qabna jedhan.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

One Comment to ““Filannicharratti fedhiin keenya ijoon Itoophiyaafi lammiishee mo’attoota gochuudha” -Doktar Abiyyi Ahmad”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *