“Dhaabbatichi irribaa nu dammaqsee jireenya keenya akka fooyyeffannu nu taasise” -Qonnaan Bulaa Xilaahun Baay’isaa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Waggaa 40 har’aa lammiin biyya Jarmanii Doktar Kaarliheyinz Bam jedhaman gara Itoophiyaa dhufuudhaan dhaabbata ‘Meenshin foor Meenshiin’ ykn Dhaabbata Namoonni Namootaaf jedhamu hundeessuun hojii misooma baadiyyaarratti xiyyeeffatanii hojjechuu eegalan.

Hojiin yeroo sana Harargee Bahaa, bakkee addaa Sulula Erar jedhamutti eegale har’a kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti babal’atee jireenya qonnaan bultootaa, dubartootaa, dargaggootaafi hawaasa hedduu jijjiireera.

Qonnaan bulaa Xilaahuun Taliilaa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Gindabaratitti jiraataa Ganda Baadiyyaa Bakkee Fayyinaati. Yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, waggoota 10 dura homaa tokko kan hinqabne ta’uu kaasanii, Dhaabbanni Namoonni Namootaaf jedhamu haadha warraasaanii waliin ta’uun lukkuuwwan kennuufin gara hojiitti akka seenan isaan taasisuu ibsu.

Yeroo sana lukkuuwwan horsiisuufi hanqaaquusaanii gurgurachuun galiisaanii guddifachuu eegaluu kaasanii, kana biraan leenjii dhaabbatichi kennu utuu kanfalanii leenji’anillee  kan nama hinmiine ta’uu ibsu.

Haala kanaan dhaabbaticha waliin hojjechuu kan eegalan qonnaan bulaan abbaa ijoollee afurii kun, ammaan kana mana guddaa ijaarratanii, magaalaatti ijaarrachuuf ammoo haalduree xumuruusaanii dubbatu.

Hojiinsaanii horsiisa lukkutiin eegalees sanyiiwwan kuduraafi muduraa kan akka maangoo paappaayyaa, qoosxaa, timaatimaafi kkf dhaabbatichi dhiheessuufitti fayyadamuun omishanii ofirra darbanii gabaaf dhiheessaa akka jiran kaasu. Galii argatanis jireenyasaanii itti fooyyeeffachaa jiraachuu eeranii, darbees qusachaa jiraachuu kaasu.

Qonnaan bultoonni naannawicha dura dhaabbiticha waliin hojjechuu dheessanii turanis, erga jijjiiramasaanii ilaalanii booda wajjiin hojjechuuf fedha godhatanii haala mijataa eegaa jiraachuu himu.

Deggarsaafi hojii misoomaa dhaabbatichi hojjetaniin kan fayyadaman qonnaan bulaa kana qofa miti. Dubartoonniifi dargaggoonni hedduun dinagdeedhaan akka of danda’an lammiileen hedduu tajaajila fayyaa, barnootaafi bishaanii akka argatan akkasumas, qabeenyi uumamaa akka kunuunfamu hojii bal’aa hojjetee tureera.

Baranas qarshii miliyoona 600 ykn yuuraa miliyoona 13 ramaduun naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti hojiilee ummata fayyadamaa taasisan hojjechuuf karoorfachuusaati Miseensi Boordiifi Dubbi Himaan Dhaabbatichaa Doktar Sabaastiyaan Biraandis ibsa dheengadda waajjirasaaniitti kennaniin kan dubbatan.

Akkasaan jedhanitti hundeessaan dhaabbatichaa Doktar Kaarli waggaa torba lubbuudhaan darbaniis hojii isaan jalqaban itti fufsiisuuf kuteenyummaan hojjetamaa jira. Bu’uura kanaan dandamannaa weerara koviid-19 booda qarshii guddaa kana ramaduun naannoolee pirojektoota turan jajjabeessuufi haaraa hojjechuuf yaadameera.

Bajata ramadameenis hojii misooma qonnaafi qabeenya uumamaatiin walqabatee hojii daagaa kiloomeetira 995, kiiloo meetira 40 bakkeewwan biyyeen irraa dhiqame misoomsuu, qarshii miliyoona 16.5n ammoo biqiltuuwwan bunaa, fuduraafi muduraa baay’isuun akka dhaabaman taasisu akkasumas, gaagura ammayyaa kuma 1fi 800 ta’an dargaggootaafi qonnaan bultootaaf raabsuufi kkfn kan hojjetaman ta’uu addeessu.

Damee bishaaniitiin boolla bishaan dhugaatii 24 qotuu, burqituuwwan 42 gabbisuu, boolla giddugaleessa 23fi boolla gadi fagoo shan qochisiisuun akka keessatti argaman ta’uu kan eeran Doktar Sabaastiyaan, manneen barnootaa haaraa saddeet, kanneen ijaarsisaanii eegalamee hinxumuramne 19, akkasumas, ijaarsi kolleejji leenji iogummaafi teekinikaa tokko kan adeemsifamu ta’uu addeessu.

Dabalataanis, damee fayyaatiinis namoota kuma lamaafi 600 ta’aaniif wal’aansa ijaa kennuu, barattoota sadarkaa tokkoffaa kuma 100 caalaniif wal’aansa farra raammoo kennuu, daa’immaan kuma 38fi shamarran kuma 129f talaalliin akka kennamu dhaabbilee fayyaaf deggarsa taasisuufi namoota kuma 38 ta’aaniif dhimma fayyaarratti leenjii kennuun kan keessatti argamu ta’uu addeessu.

Dubartoonni kuma 137 ta’an tajaajila qusannaa maatii akka argataniif deggarsa barbaachisuu taasisuu, namoota kuma 52 ta’aan fedhasaaniin sakkatta’iinsa dhiigaa akka taasisan deggaruu, daa’immaan sababa HIV/AIDS’n maatiisaanii dhabaniifi vaayirasichi dhigasaanii keessa jiru deggaruufi kanneen biroos qaama karoorichaa ta’uu dubbi himichi ibsaniiru.

Akka ibsa Doktar Sabaastiyaanitti, dubartoota 690 ta’aan tajaajila liqaaf qusannaa akka argatan akkasumas kanneen kum asadii ta’aan ammo hojii baaltinnaarratti leenjii akka fudhatan kan hojjetamu yoo ta’u dhimmoota garagaraarrattis leenjiin barbaachisu kan kennamu ta’a jedhu. Carraa hojii uumuun walqabatees dargaggoota 690 ta’aaniif carraa hojii haaraa uumuuf karoorri qabamuu addeessu. Ijaarsji daandii baadiyyaa kiiloomeetira 70 ni raawwatamaa jedhu.

Gama biraatiin ittiwaamamaa haaraan dhaabbatichaa Obbo Yilmaa Taayyee akka ibsanitti, hojiiwwan eeraman kunneen dabalataan barana haala addaatiin Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Cobiitti dargaggoonni gurmaa’anii buna akka omishaniif biqiltuun qophaa’uufi omisha kuntaala 400 alatti erguuf qophiin xumuramuu eeru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

3 Comments to ““Dhaabbatichi irribaa nu dammaqsee jireenya keenya akka fooyyeffannu nu taasise” -Qonnaan Bulaa Xilaahun Baay’isaa”

  1. Pingback: Sarah
  2. Pingback: important source
  3. Pingback: poker online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *