Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Waggoota 125 ha’aa biyyoonni Awurooppaa Afrikaa qircatanii saamuuf akkasumas garboonfachuuf waraanaa ammayyaa hanga funyaansaatti hidhatee qabatanii duulanii ykn bobba’anii ture.
Qircaa kana keessa Xaaliyaaniin Itoophiyaa humnaan weerartee garboomfachuufi saamuuf meeshaa waraanaashii ammayyaa qabattee dhuftus abbotiin keenya gooonni meeshaa boodatti hafaadhaan, garuummoo onnee guutuudhaan humna weerartuu kana Adwaarratti hunkuteessee daaraa botoroo taasiseera.
Humni weerartuu Xaaliyaanii akkuma gitootashii warra kaanii gaheeshee fudhachuuf Somaaleefi Ertiraa qabattee biyya qabeenya uumamaatiin badhaate, Itoophiyaa dabalachuuf Adwaatti waraana bante, injifatamtes.
Gaazexaan Bariisaas syyaana yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 125fa Guraadhala 23 bara 2013 bara sadarkaa naannoleefi biyyaatti mataduree, “Adwaa, faajjii tokkummaa sabdaneessummaa” jedhuun kabajamu sababeeffachuun hayyuu seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee waliin taasiseera. Isaanis akka jedhanitti, guyyaan kun guyyaa adduunyaan humna guraachootaa ittin madaaleefi ummatoonni biyyattii miira, yaadaafi humna tokkoon bahanii seenaa itti galmeessisaniidha.
Xaaliyaaniin dursitee Somaaliyaafi Ertiraa qabatte Itoophiyaa dabalachuuf kallattii lixaatiin Sudaan q a x x a amu r t e e gara Itoophiyaatti duulte. Mootiin Yohaannis garas imaluun erga gootummaadhaan wareegamanii booda carraa kanatti fayyadamuun Asmaraafi naannawa Hamaaseen to’attee Tigraayiitti sochoote.
Wayita mootii Minilik waraana gama lixaa ofirraa ittisuun naannawa tasgabbeessaa jiranitti weerara ittifufuun babal’ifachuu dandeesseetti jedhu.
Akka hayyichi ibsanitti, weerarri kun akka dhaabbatuuf Xaaliyaanonniifi mootii Minilik mari’atanii waliigaltee Waacaalee Walloo keessatti barreessanis waligaltichi keeyyanni 17 Amaariffaafi Xaaliyaaniin barreeffame hiikawwan garagaraa akka qabu, inni Xaaliyaaniffaan barreeffame, “Itoophiyaan biyyoota alaa waliin hariiroo uumuuf eeyyama Xaaliyaaniin qofa ta’uu qaba” akka jedhu namni Oromoo Giraazmaach Yoosef jedhaman waan saaxilaniif keeyyaticha haqsiisuurratti waraanni Adwaa eegalame.
Mootiin Minilikis labsii waraanaa guddaa waan dabarsaniif abbootiin biyyaa kallattiilee biyyatti hundarraa walitti dhufuun baatii Onkoloolessaa keessa tokkummaan, garaagarummaa aadaa, afaanii tokko malee; seenaa cunqursaafi cunqurfamaa ofduubatti dhiisuun biyya baraaruuf ummatoonni Itoophiyaa hundi eeboo, goraadee gaachanaafi meeshaalee waraanaa aadaa biroo fayyadamuun gurmaa’anii gara Adwaatti duuluu himu.
Gama gurmeessa waraanaatiin ummanni Oromoo ammas ta’e dur humna namaa hedduu waan qabuuf gahee leencaa taphataa ture jiras jedhanii, dhalattoonni Oromoo kanneen akka Raas Goobanaa, Raas Walee, Raas Mikaa’el /Abbaa mootii Iyyaasuu/, Raas Mokoniin Waldamikaa’el Guddisaa Dhaabaa Nagawoo / abbaa mootii Hayilasillaase/, mootii Kumsaa Morodaa, Raaas Tasammaa, Mootii Abbaa Jifaar kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta’an faradoo Oromoo dabalatee duula kana keessatti hirmaachuu himaniiru.
Injifannoo Adwaarratti sadarkaan hirmaannaa sabootaa gargar ta’us saboonni Itoophiyaa keessatti argaman hundii irratti hirmaachuun ijifannoo cululuqaa galmeessisuu akka danda’aniifi injifannichi kan sabootaafi sablammoota Itoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Dhaloonni ammaas birmadummaa biyyasaatiif tokkummaan dhaabachuu, falmachuu, qabsaa’uufi injifachuun gootummaa abbootiinsaa Adwaarratti galmeessisanirraa barachuu qaba jedhaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
9 Comments to “Adwaa: Ijifannoo addunyaan humna gurraachotaa ittiin madaale”