Waasihun Takileetiin
Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun maqaan olkaatee haa beekamtu malee diibbaafi cunqursaa sirnoonni daraban sabaafi sablammiileerratti qaqqabsiisaa turanirraa ka’uun biyya irra dibaa keessishii bukoo turte jechuun nidanda’ama.
Gaazexaan Bariisaas ilaalcha Itoophiyummaa kaleessaafi har’aa keessatti gaheen Oromootaa maali isa jedhuuf turtii Dubbi Himaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa, Obbo Taayyee Danda’aa waliin taasise haala armaan gadiitiin dhiyeesseera.
Bariisaa: Miirri seenaa dabsuufi hatuu Adwaarratti jalqabame tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa juuntaarratti fudhatamerratti waan dabalamaa jiru fakkaataatii kun ija siyaasaatiin akkamitti ibsama?
Obbo Taayyee: Lolli Adwaafi injifannoon galmaa’e qabatamaan oggaa ilaalamu ga’ee leencaa kan taphate jeneraalota Oromooti. Jeneraalota adda waraanaa Adwaarratti bobba’an 11 keessaa sagal dhalattoota Oromooti.
Ilmaan Oromoo jaalala biyyaatiif lubbuusaanii qaalii mararfatanii hinbeekan, jeneraalonni hedduun kabaja Itoophiyaatiif jecha kiiloomeetira dheeraa imaluun fardeeniin Aduwaatti duuluun diina hurreessaniiru.
Hedduunsaaniis achitti wareegamaniiru. Kun of jajuuf osoo hintaane dhugaa seenaa dhaloonni darbe hojjete himuu waan ta’eef dhalatoonni Oromoo jiraachuu Itoophiyaatiif aarsaa qaalii kaffalaniiru.
Itoophiyaan kaleessaas ta’e har’aa utubamtee kan dhaabatte irree ilmaan sabaafi sablammii biyyattii 83n yoo ta’u, wayita aarsaa kaffalamaa tureen ilaalamu Oromoon ga’ee leencaa qaba. Seenaa hatuuf yaaluurra gootummaan jiraannaan addatti bahanii gchaan agarsiisuun ni danda’ama ture.
Adwaa duraa kaasee seenaan Oromoo jallachaa tureera. Kanaafis deebiin keenya, maddi qaroomina Itoophiyaafi gaanfa Afrikaa qabate hortee Kuush ta’uun akka beekamu ibsuu qofa.
Abbaan biyyaa Itoophiyaa eenyu isa jedhuuf ololtoonni waan fedhan sobanis saboonni hortee Kuush qaroomina kalaqa qoricha aadaa, aartii, qonna ammayyaa kan babal’ise yoo ta’u, ilmaan Kuush keessa ammoo hangafni Oromoodha.
Tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa juuntota ABUT irratti fudatameen walqabatee yaaliin burjaajessuu kan jiru yoo ta’u, injifannoo galmaa’eef qoonni sabaafi sablammiilee daran olaanaadha.
Juuntaa hundeedhaa diiguuf qabsoon qeerroofi qarree Oromootiin jalqabame deemsa keessa warra kaanis dadammaqsee Masaraa Mootummaa, Araat Kiiloo keessaa akka ba’an taasiseera. Kana keessattis aarsaa qaaliin qeerroofi qarreen kaffalan daran guddaadha.
Gaafa Wayyaaneen isnaayparii qabattee dargaggoota keenya ajjeesaa turte qeerroofi qarreen harkasaanii walqaxxaamursiisuun, “Gabrummaan nugahe, gabrummaa dinne” jechaa onnee guutuudhaan qabsaa’uun kufaatiishii saffisiiseera.
Bariisaa: Tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa juuntotarratti fudhatameen injifannoo boonsaan galmaa’eera. Inijifannoo kanaaf eenyu kan jajamuu qabu?
Obbo Taayyee: Juuntaan kan kufe gaafa Masaraa Mootummaa Araat Kiiloo gadhiiseedha. Kanaafimmoo adda durummaan kan eeramu qabsoo gootummaa qeerroofi qarreen Oromoo abbootiisaarraa dhaaluun geggeesseedha.
Miseensi Juuntaa, Abbaay Tsahaayyee maqaa maastar pilaaniin ilmaan Oromoo ‘likkiittan galcha’ jechaa ture humnuma qeerroo kanaan ‘likkiitti’ galeera, kun dhugaa qabsoon qeerroo fideedha.
Guca qabsoo qeerroon qabsiiseen Wayyaaneen yoo gaggabdu akka isheen badduubaatu kan godhemmoo raayyaa ittisa biyyaa dura bu’ootuma sabaafi sablammii keessaa babahaniidha. Kun dhugaa yoomiyyuu haalamuu qabu miti.
Tarkaanfii murnoota kanneen to’achuuf fudhatamaa ture keessattis humni raayyaa ittisa biyyaa bobba’e ilmaan sabaafi sablammii biyyattii 83 keessaa babaheedha.
Kun ta’us achi keessatti qoonni Oromoo hammami jedhamee yoo gaafatames baay’ina ummatichaarraa ka’anii ibsuun ni danda’ama. Aarsaa kaffalee injifannoo kan galmeessise raayyaa ittisa biyyaati.
Kana maddiitti qonnaan bulaan otoo qotiyyoosaa hinmararsiifatiin raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabachuunsaa kan dagatamu miti.
Waliigalaan akka sirnoota darbanii seenaa dhugaan lammiilee dhokatu hinjiru. Injifannoon juuntaarratti galmaa’e hirmaannaa sabaafi sablammiiti, addattimmoo kan raayyaa ittisa biyyaati.
Bariisaa: Kufaatii sirnoota darbaniitii as gaaffiin dimokraasiifi mirgaa hammam deebi’eera jettu?
Obbo Taayyee: Dhugaa dubbachuuf sirna ADWUI keessa gaaffiileen eenyummaa muraasni deebi’aniiru. DhDUOn homaa hinhojjenne jedhamee haa arrabsamu malee akka fakkeenyaatti naannoleen mootummaa mataasaanii akka qabaatan, mirgi afaan ofiitiin barachuu hamma tokko milkaa’eera.
Qeerroofi qarreen addasaa rasaasaaf kennee sirna kana dhale afaansaatiin waan barateefi eenyummaasaa daran dhandhamaa waan dhufeefi. Kunimmoo gorsi Jeneraal Taaddasaa Birruu barnoonni Oromoof murteessaa ta’uu dabarsaa ture ija godhachuu kan agarsiisuudha.
Bariisaa: Oromoon injifannoo siyaasaa qabsoosaatiin galmeessise fakkeessitootaaf dabarsee kennaa jira jedhamaatii isin kanarratti maal jettu?
Obbo Taayyee: Oromoon sirna kana harkasaa galchuuf aarsaa qaalii kaffale dabarsee fakkeessitootaaf kenna jedhanii yaaduun ulfaataada.
Dirreen siyaasaa akka bal’atu gochuun akkuma jirutti ta’ee, injifannoo siyaasaa of harka galche dabarsee kennaa jira waanti jedhamu kijaba.
Oromoon caasaaleesaa barbaachisoo gaaraa hanga dakaatti ijaarrateera. Ololli, fakkeessitoonni siyaasa Oromoo dhuunfachaa jiru jedhu eessayyuu waan hingeenyeef nama hin yaaddessu.
Bariisaa: Badhaadhinni dirree dimokraasii bal’isee ture diphisuun hidhaa hammeessaa, dimokraasii dhabamsiisaa jira jedhamaa waan jiruuf kana hoo akkamiin ibsitu?
Obbo Taayyee: Manni hidhaa jiraachuun dirreen dimokraasii dhiphate nama hinjechisiisu, kan yakka dalage hidhamuun waanuma jiiruudha; yoo kun hintaane olaantummaan seeraa jira jedhanii kaasuun waan hindanda’amneef.
Dura hojii akka dirreen dimokraasii bal’atuuf hojjetameen jijjiiramoonni turan olaanaa ta’anis deemsa keessa mootummaan hinjiru ilaalcha jedhurra ga’ame. Namni tokko tokko bakkaa bakkatti mootummaa taasisee of muuduun alseerummaan gara garaa rawwatamaa ture. Kunis yaaddoo guddaa uume.
Mootumman bulchuu hindandeenye, laafeera jedhamaas ture. Namoonni danuun dhumanii, qabeenyis barbadaa’eera. Kanatu hidhaa olaantummaa seeraa kabachiisuu dhale malee dirree dimokraasii diphiseera nama hinjechisiisu.
Eenyumtuu ilaalcha siyaasaa gabaan barbaadu qabatee dirree siyaasaa keessa seenee gurgurachuu yoo fedhe dimokraatawaa ta’uu osoo maluu faallaa seeraa yoo deemu to’achuun dirree dimokraasii diphisuu hinjedhamu.
Yaalii mootummaa humnaan diiguu, nageenyi dhabamuu, qabeenyi barbadaa’uu hammaachaa deemuusaatu hidhaa fide. Dimokraasii dhiigaan dhufe kabajuu dhabuutu komii kana kaasise. Kanaaf daangaa seeraa keessa socho’uun murteessaadha.
Caalmaa yaadaatiin kan gabaa siyaasaa keessa galu yoo jiraate eenyumtuu ni fudhata. Kun ta’us dirree dimokraasii wareegamaan dhufe faallessanii argamuun eenyu birattuu fudhatama hinqabaatu.
Biyya dimokraatawaa taate, Ameerikaa keessattiyyuu manni hidhaa jira. Kunimmoo kan badii dalage seeratti akka dhiyaatu darbees akkuma cubbuusaatti murtee madaalawaa akka argatu taasifama.
Namni balleesse hinto’atamu taanaan dimokraasiin quucaraa deema. Biyya keenyas akka Sooriyaafi Liibiyaa waan taasisuuf tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatameera.
Otoo dimokraatawaa ta’anii socho’anii kunniin hundi hinka’an. Har’as ta’e boru dimokraatawaa ta’uun guddina biyyaatiifis ta’e faayidaa walootiif riqicha.
Bariisaa: Waldhabdee ilaalcha siyaasaa murnoota gidduutti mudatuun faayidaan Oromoo hingufatuu? Rakkoo haala kanaan mudatu furuuf maaliif hinhojjetamne?
Obbo Taayyee: Akkuma waliigalan alaa galan jedhamu, hayyoota Oromoo wajjin mariin eegalameera. Kanaanis ijaarsaa gara garaa ka’aa jiru. Garaagarummaa ilaalchaa jiru dhiphisuun Oromiyaa badhaateefi hunda hammattu ijaaruuf yoomuu caalaa ni hojjenna.
Bariisaa: Filannoon dhiyaaachaa jira qophiin akka mootummaafi Paartii Badhaadhinaatti taasifamaa maal fakkaata?
Obbo Taayyee: Akka mootummaatti nageenyi amansiisaan akka jiraatuufi olaantummaa seeraa dhugoomsuudhaan filannoo dimokraatawaan akka gaggeeffamuuf haala ni mijeessina.
Akka Badhaadhinaattimmoo imaammata gama dinagdeetiin, siyaasaafi hawaasummaatiin gabaan barbaadu qabannee filannichaaf dhiyaanna. Ciminootaafi hanqinoota jiran addaan baasuun isa kaleessaarra fooyyofnee caallee argamuuf yoomiyyuu caalaa ni hojjenna.
Bariisaa: Ibsa tibbana boordiin filannoo Paartii Badhaadhina Oromiyaarratti baase akkamitti ilaaltan? Amantaan paartiin keessan boordicharrati qabu maal fakkaata?
Obbo Taayyee: Boordichi yoomiyyuu bilisa ta’ee socho’uu qaba. Hiriira deeggarsaa tibbana Oromiyaatti gaggeeffameen walqabatee paartiileen komii dhiyeessuunsaanii ni yaadatama. Ta’us komii dhaga’anii ibsa baasuun sirrii miti.
Maaltu jedhame, maaliif jettani? jedhamnee gaafatamuu qabnaayyu. Ta’us boordiin filannoo waan ummanni hinbarbaanne humnaan itti fe’a jedhanii yaaduun dogoggora.
Bariisaa: Hiriirri deeggarsaa Ministira Muummee, Doktar Abiyyiif taasifameefi taasifamaa jiru akkamiin bahame? Eenyutus kakaase?
Obbo Taayyee: Ummanni Oromoo kaleessa injifannoonkee si harkaa fudhatameera jedhamee afanfajeeffamaa ture. Amma garuu ejjennoo Badhaadhinaa waan argeef hiriiraan deeggarsasaa ibsachaa jira. Kaleessa Badhaadhinni sirna mootummaa tokkee geggeessa ilaalcha jedhuun keessumaa qeerroo daguuf yaalamus adeemsa keenya ilaaluun nu waliin dhaabachaa jira.
Badhaadhinni federaalizmii diigee injifannoo dhiiga ilmaan Oromootiin galmaa’e dabarsee kennuufis ta’e sirna mootummaa tokkee ijaaruuf ejjennoo hinqabu. Kun ilaalcha ololaa finxaaleyyiin kaasanidha malee ibsituu badhaadhinaa miti.
Bariisaa: Silaa sirnichi bu’aa dhiiga ilmaan Oromooti. Faaydaa qeerroofi qarree eegsisuuf hammam hojjetaniittu? Moo dargaggeessi rakkoodhumasaa qabatee isin deeggaraa jira?
Obbo Taayyee: Qeerroo hedduun deeggarsaaf hiriira ba’e marti kan guuteefiidha jechuun hindanda’amu. Hedduunsaanii hojidhabeeyyiidha. Ta’us sirnichi bu’aa dhiigasaaniin dhufe waan ta’eef ilaalcha boru naa darbaatiin kabaja qaban agarsiifachuuf bahaniiru. Faayidaasaanii eegsisuufis hojiilee bulchiinsaa keessatti akka hammataman taasifamaniiru.
Dargaggoonni faallaa badhaadhinaa turan kuma tokkoofi 500 ol sadarkaa aanaatii hanga godinaatti bulchiinsa keessa akka galan taasifameera. Kanamalees paakeejii dargaggootaa hundeessuun karaa dinagdeefi hawaasummaatiin itti of ijaaran mijeessaa jirra. Waldaa dargaggootaa wajjinis hojjetaa jirra. Bakka ani har’a taa’u kana boru kan qabatu qeerroo har’a hiriira bahee injifannoosaa tikfachuuf kutannoo qabu agarsiiseedha.
Bariisaa: Qabsoon Oromoo erga eegalamee bubbuleera gaaffiilee barootaaf ka’aa turan keessaa maalfaatu deebii argate?
Obbo Taayyee: Qabsoowwan ijoon Oromoon barootaaf wareegama itti kaffalaa ture sadii. Inni duraa gaaffii abbaa lafummaati. Gaaffiin kun hamma tokko kufaatii sirna Atseewwanii booda akkuma Dargiin aangoo qabateen hamma tokko deebii argateera.
Gaaffii lammaffaan eenyummaa wajjin kan walqabatu yoo ta’u, sirna Dargiin keessa ukkaamsaa hamaan waan tureef waa’een eenyummaa kun otoo deebii hinargatiin hafeera. Gaaffii sadaffaan aarsaa guddaan itti kaffalamaa ture dhimma dimokraasii ture.
Bara 1983 irraa kaasee lammiileen akka afaan ofiitiin barataniifi of bulchaniif yaalameera. Jijjiramni gama kanaan dhufe gaariidha jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Qabsaa’onni jijjiirama kanaaf aarsaa kanfalan har’a haala kamiin yaadatamaa jiru?
Obbo Taayyee: Injifannoon ammaan tana irra ga’ame kan dhufe qabsoo dargaggoota har’aa qofaani jedhanii fudhachuun dogogggora. Inifannoo argame kana keessatti qabsoo qonnaan bultoota Baalee Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hoogganamaa turefaa yaadachuun murteessaadha.
Waraana Hararitti Elemoo Qilxuufaa, hawwisoon Afran Qalloo hirribaa ka’aa jedhanii ummata qabsoof kakaasaa turan, qabsoo Jeneraal Taaddasaa Birruufaa gaggeessaa turan yaadachuun murteessaadha. Injifannoon argame marti bu’aa dhiiga ilmaan Oromoo waan ta’eef kabajuufi dhaloota dhufuuf dabarsuun barbaachisaadha.
Qabsoon kaleessa Oromoon gaggeessaa ture seenaqabeessaafi dhaloota boru biyyattii imaanaan nurkaa fudhatuuf galtee ta’ee kan tajaajiluudha.
Bariisaa: Qabsaa’onni har’aa fakkeenyummaasaanii fudhatanii hammam Oromoo siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaadhaan ceessisuuf hojjetaa jiru?
Obbo Taayyee: Jijjiirama imalarra jiru kanaaf sakaallaa ta’aa kan jiruyyuu isa kana. Hayyoota darbanirraa barachuufi bu’aa dhiigasaaniif kabaja kennuu dhabuutu mul’ata.
Miirri ofittummaafi waltuffii calaqqisaa jira. Ilaalchi ana malee inni kaan biyya bulchuu hindanda’u jedhutu baay’ate. Kana keessaa ba’uun Oromoo ceessisuu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo barbaaduudha.
Biyya abbootiin keenya wareegama qaalii itti kaffalanii asiin gahan kana dhaloota dhufuuf dabarsuuf imaanaan lammummaa kan nurka jiru olaanaa ta’uu hubachuu qabna.
Gabaabaatti qabsoon har’a ija godhate kun bu’aa aarsaa qaalii diigaafi lafee ilmaan Oromoo ta’uun dagatamuu hinqabu. Qabsoon har’a irratti wallolamu kun otoo mootummaa haaromsaatiin bilchinaan hogganamuu baatee balaa guddaatu uumama ture. Juuntaan kunis salpaatti hinurraa’u ture. Kanaaf walhubacuun barbaachisaada.
Bariisaa: Qabsoon Oromoo ija godhachaa jiru shira ofittootaatiin xaxamee akka duubatti hindeebineef maaltu ta’uu qaba?
Obbo Taayyee: Gama kanaan hojiin Oromoo humneessuu sirriitti hojjetamaa jira. Humni tokkollee kana booda Oromoo raasu hinjiraatu. Hamma danda’ametti dimokraasii dhugaa lafa qabsiisnee biyya federaalizmiin keessatti cimee dhaabate ijaaruuf carraaqna.
Bariisaa: Paartii Badhaadhinaa keessa namoonni ilaalcha finxaalessummaa qaban hinjiranii?
Obbo Taayyee: Kootii Badhaadhinaa uffachaa ilaalcha finxaalessummaafi olaantummaa agarsiisuuf yaaluun jira. Qorannoo ilaalcha kana dhabamsiisuuf geggeeffameen tarkaanfiin sirreessaa fudhatamaa jira.
Paartii badhaadhinaa sirna ‘taranyaa’ ykn abbaa dabareefi sirna moofaa darbe deebisaa jira kanneen jedhanis turaniiru. Ormi akka fedhe ololus paartiin keenya sirna darbe deebisuuf karooras yaadas hinqabu.
Kanamalees Oromoo laaffisuuf ilaalcha taranyaa jedhanii maqaa gurraachessuu kanneen yaalan jiru. Ta’us Oromoon dimokraasii dhugaa lafa qabsiisuuf kan hojjetuudha.
Murni Juuntaa ABUT kanaan dura maqaa federaalizmii sabdaneessaa jedhuun sabaafi sablammiilee saamaa, hataa, sarbama mirgaa qaqqabsiisaa tureera. Sun har’a akka hafu ta’eera.
Haadholiin ilmaansaanii sirnichaan dhaban hedduudha. Sirni Juuntaa olaantummaasaa lafa qabsiifachuun ilmaan sabaafi sablammiilee cunqursaafi hiraarsaa farra sabaafi sablammiifi ofittoo ta’uusaa mirkaneesseera.
Sabaafi sablammiileen biyyattii xiqqaafi guddaa jedhamanii osoo hinqoodamiin hoggansa keessatti qooda akka fudhatan taasifamaniiru.
Walumaagalatti Oromoon akka ‘taranyaatti’ of ilaalee biyya gaggeessuuf akeekas kaayyoos hinqabu. Walqixxummaan sabaafi sablammii akka mirkanaa’uuf hunduu akkuma hirmaannaasaatti olaantummaa seeraa jala ta’uun fayyadamummaa lammiileef akka carraqaniif hojjeta.
Lammiileenis kana beekanii ilaalcha finxaaleyyiifi oftuultotaatiin osoo hinburjaaja’iin Oromiyaa badhaate ijaaruuf tumsa barbaachisu taasisuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013
6 Comments to ““Kootii Badhaadhinaa uffachaa yaaliin ilaalcha finxaalessummaa agarsiisuu ni jira” -Obbo Taayyee Danda’aa”