“Kanaan booda qonnaan bulaan sababa misoomaatiin buqqa’u hinjiru” -Obbo Girmaa Hayiluu

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bulaan Oromoo sababa misoomaatiin qe’eefi qabeenyasaarraa akka hinbuqqaane, kan kanaan duraas beenyaa gahaa malee buqqa’e beenya akka argatu taasisuufi deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Obbo Girmaa Hayiluu ibsan.

Obbo Girmaan ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, qonnaan bulaan naannawa Finfinnee lafa abbootiinsaanii qoraaniifi kaboota gurguranii of harka tursiisan qabata misooma jedhuun beenyaa gahaa tokko malee gad lakkisuuf dirqamuusaanii eeranii, yeroo ammaa kana garuu mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektii bal’aa “Gumaata Caffee Tumaa,” barnootaafi misoomaa kan of keessatti hammate hundeessuun gama tokkoon barnootaan hubannoo ummataa gabbisuu, gama kaaniin ammoo harka qal’eeyyii deggeruurratti hojjetaa jira.

Haaluma kanaan, mootummaan naannichaa loon aannanii sanyii filatamoo qarshii miliyoona 50 bitee dubartoota harka qal’eeyyiif gumaacheera, qonnaan bultoota kuma sadii ammoo gurmeessuun hojii invastimantiirratti akka bobba’an, qonnaan bultoota kuma shaniifi 772 ta’an ammoo gurmaa’anii  mana jireenyaa akka ijaarratan taasiseera.

Buqqaatii kan nama oolchuu hundaa ol barnoota ta’uun hubatamuu kan eeran Obbo Girmaan ijaarsi manneen barnootaa pirojektota Gumaata Caffee Tumaa  shan sadarkaasaanii eeggatan yeroo ammaa xumuramuu, inni 6fa kan Sandaafaa Bakkeetti ijaaramaa jirus yeroo dhiyootti kan xumuramu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi manneen barnootaa bultii addaas walta’iinsa mootummaa Oromiyaatiin dhiyootti kan eegalu ta’uus eeraniiru.

Kana malees, Finfinnee qonnaan bultoota moggaatti dhiibaafi liqimsaa turte tottolchuun qonnaan bultootaaf carraa guddinaa akka taatuuf yeroo ammaa qamadii, kuduraafi mudura jal’isiin omishuun Finfinneef dhiyeessuun galii gaarii akka argatan taasifamaa jiraachuu eeranii, bulchiinsi magaalattii dhiyeessii uffata danbii, laqanaafi ciree barattoota godina addaaf kan oolu qarshii miliyoona 600 akka gumaachu taasifamuu addeessaniiru.

Dhumarratti dhimmaa daangaa Finfinneefi Oromiyaa ilaalchisee mootummaan Oromiyaa hojiiwwan garagaraa hojjetaa jiraachuu kan ibsan Obbo Girmaan, koreen Oromiyaafi Finfinneerraa ijaaramee hojiitti jiruu yeroo dhiyootti dhimma daangaa ilaalchisee waan haaraa qabatee akka dhiyaatu abdii qaban ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

2 Comments to ““Kanaan booda qonnaan bulaan sababa misoomaatiin buqqa’u hinjiru” -Obbo Girmaa Hayiluu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *