Injifannoon Adwaa, dhalootni biyyasaa dursiisuu akka qabu barsiisa

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Ji’i Guraandhalaa ummata gurraachaaf, keessattuu lammiilee Afrikaatiif hiikaa guddaa qabaachuu hayyootni seenaa galmee seenaa wabeeffachuun ni ibsu. Kunis ji’a sirna gita bittaa koloneeffattoota Awurooppaa jalaa bilisooman ta’uusaati.

Akka Itoophiyaattis injifannoon Adwaa Guraandhala bara 1988  kan argame yoo ta’u,  ardii Afrikaa keessaa biyya sirna kolonii  Awurooppaatiin hinqabamiin hafte ishee taasiseera. Kunimmoo taatee haala addunyaa jijjiire waan ta’eef, waggumaan akka biyyaalessaatti  akka yaadatamu godheera. Injifannoon Adwaa kun  dhaloota ittaanuuf maal barsiisa?

Yunivarsiitii Finfinneetti hayyuun seenaa Ababaawu Ayyaaloo waltajjii marii injifannoo seenaa Adwaa waggaa 125fa Roobii darbe adeemsifamerratti akka ibsanitti, yaadannoon injifannoo Adwaa waggaa 125fa haala ho’aan akka kabajamuuf qophiin lafjalee taasifamaa jiru akka ciminaatti kan fudhatamuudha.  Ummata cunqurfamoo gurraachaaf jiini Guraandhalaa addatti kan ilaalamu yoo ta’u, Ameerikaanotni waggaa waggaatti ji’a ummata gurraachaa jechuun kan kabajan ta’uu dubbataniiru.

`Gaaffii,  “Injifannoo Adwaarraa dhalootni har’aafi borii maal baratu?”  jedhuuf deebii kennuun barbaachisaadha kan jedhan hayyuun kun, kanaafis injifannoon argame sun dhalootni ittaanu dhiifamaan waliin jiraachuu akka qabu kan hubachiisu ta’uu ibsaniiru.

Kunis abbootiin keenya darban tokkummaatiin waliin dhaabatanii diina daangaa cabsee dhufe ofirraa waan qolataniif biyya har’a keessa jiraachuuf carraa arganne dhaalchisuu isaanii beekuun murteessaadha jedhan.

Keessumaa ammoo tokkummaafi walabummaa Itoophiyaaf jecha aarsaa dubartootni Adwaarratti kaffalan yoomillee kan irraanfatamuu qabu waan hintaaneef labatni har’aafi borii sirriitti beekee waliif dhimmamuu akka qabu gorsaniiru.

Kanaaf injifannoon abbootiin darban Adwaarratti gonfatan dhalootni ammaa yeroo rakkisaa keessatti biyya ofii dursiisuun akka isaanirra jiraatu barsiisa jechuunis addeessaniiru.

Wayita faashistootni Xaaliyaanii Itoophiyaa koloneeffachuuf kaayyeffatanii dhufan biyyattiin loltoota gahaa qabdi turte kan jedhan hayyuun kun, kanaaf ammoo tokkummaa ummattootaa waliin walitti dabalamee injifannoo boonsaa galmeessisuun danda’ameera.

Tokkummaan ummattootaa ammoo hundarra weerartoota faashistii meeshaa waraanaa ammayyaa’aa qabate guyyoota muraasa keessatti barbadeessuunsaa ammoo seenaa ummattoota gurraachaa caalaatti kan calaqqisiise ta’uus dubbataniiru. Kanaaf tokkummaa waliin nageenya, misoomaafi dimokraasii keenya dagaagfachuun murteessaadha jedhaniiru.

Ministirri Aadaafi Turizimii mootummaa RFDI Doktar Hiruut Kaasaawu gamasaaniin akka jedhanitti, injifannoon Adwaa weerara faashistoota Xaaliyaanii ofirraa qolachuun tokkummaa ummattoota biyyattiitiin gonfatameedha. Kunis mallattoo kabajaafi bilisummaa Itoophiyaanotaa ta’uurra darbee injifannoo ummattoota gurraachaa ta’uun galmeeffameera jedhan.

Injifannoon Adwaa lammiilee Afrikaa maraaf duudhaalee dimokraasii kanneen akka walqixxummaa, walta’insa, bilisummaafi haqummaa kan dhaalchise waan ta’eef, dhalootni har’aafi borii keessasaatti caaffachuun dabarsuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Itoophiyaan har’aa kun kan ijaaramte injifannoo abbootiin keenya rakkoolee hedduun marfamanii, garuu ammoo walta’uun galmeessisaniidha kan jedhan Doktar Hiruut, seenaa waloo keenyaa ta’e kana ammoo ittifufsiisuuf dirqama qabna.

Abbootni keenya darban wayita faashistootni Xaaliyaan daangaa biyyattii weeraruuf dhufanitti beelaafi gadadoo keessa ta’uun diina ofirraa qolachuu danda’aniiru jedhan. Kunimmoo seenaa sabootaafi sablammoota maraa kan calaqqisiisu waan ta’eef dhalootni har’aafi borii tokkummaatiin ittifufsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

4 Comments to “Injifannoon Adwaa, dhalootni biyyasaa dursiisuu akka qabu barsiisa”

  1. Pingback: vendidos monetizze
  2. Pingback: trustbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *