Hanqinni bishaanii dhugaatii Magaalaa Buraayyuu yoom furama laata?

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Jijjiramni  akka biyyaatti dhufe magalota tokko tokkotti osoo hawaasa bira hingahiin hafee yemmuu  hawaasni akkuma kaleessaa tajaajilaan walqabatee komii dhiyeesutu  mul’ata.

Akka fakkeenyaatti  wayita   gara  Buraayyuutti imalamu  namoota bishaan baatan, harreetti fe’anii deemaniifi jaarikaana hiriira galchanii karaarra taa’an arguun waan haaraa miti.

Lafti magaalaa kanaa irra caalaan caffee waan ta’eef gadi fageenya dhiyootti bishaan dachii keessa waan dhabamu miti. Haata’umalee komiin hawaasni magaalattii irraddeddeebiin dhiyeessii tajaajila bishaaniiratti kaasu akkuma ittifufetti  jira.

Jiraattuu Magaalaa Buraayyuu, naannawa Warshaa Mashoobaa jedhamuu kan ta’aniifi otoo isaan jarikaana qabatanii bishaan waraabbachuuf hiriira qabatanii jiranii kan agarre Aadde Yetinnaayet Nigusee rakkoo hanqina bishaanii wajjin walqabatee jirurratti yaada Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda  kennaniin, “Bishaan  ujummoo erga dhuftee ji’a Afuri. Sababa kanaan gareedhaan waraabbachuuf subii sa’aatii 11:00tti baanee hiriirrus baay’ina namootaarraa kan ka’e osoo hinwaraabbatiin yeroon oollu jira. Yoo hiriirre dhabne bishaan jaarikaana tokkos qarshii kudhaniin bitna. Kun ammoo dinagdee keenya daran miidhaa jira” jedhu.

Ittidabaluunis, “Hangan waggoota shaniif naannawa kana jiraadhetti yeroon bishaan akka garaatti ittifayyadamne hin yaadadhu. Kanamalees namoonni dabaree bishaaniirratti walitti bu’uun walmiidhan hedduu ta’uufi kun hariiroo hawaasummaa jiraattotaallee daran miidhaa jira” jechuun ibsu.

“Ani hojjettuu mootummaati. Bishaan waraabbachuuf jedheen hojiirraa oollee as jira. Waarshaaleen magaalattiitti argaman  tokko tokko bishaan boollaa hawaasaaf bilisaan dhiyeessuu yaalan jiraatanillee qulqullinnisaa amansiisaa waan hintaaneef   yeroo garagaraatti dhukkubsannee mana yaalaatti deddeebi’aa jirra” jedhan.

Dhimma hanqina bishaanii kana waajjira tajaajila bishaaniifi  Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti beeksisanis qaama dhiyeenyaan rakkoosaanii hordofee furmaata kennuuf kan hinarganne ta’uus nutti himaniiru.

Jiraattuudhuma magaalattii, Ganda Lakkuu Kattaa kan taate Durbee Shaashee Addunyaas gamasheetiin akka ibsiteetti, namoonni baay’een hanqina bishaaniitiin subii sa’aatii 11:00tti hiriiranii dabaree eeggachuurratti walitti bu’uun miidhaaf saaxilamaa jiru.

Bishaan ujummoo erga dhufee ji’a sadii ta’uufi bishaan warshaarraa argatan osoo dabareen isaan hingahin yoo hafe jaarikaana tokko qarshii kudhaniin batanii akka fayyadamaniifi kunis dinaagdeesaanii miidhaa jiraachuu dubbatti.

Komii jiraattonni tajaajila bishaanii kaasan kanarratti Ittigaafatamaa Waajjira Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi dhangala’aa magaalaa Burraayyuu, Obbo Warqinaa Guutamaa  dubbisneerra.

Isaanis, komiin hawaasni magaalattii hanqina bishaan dhugaatiirratti dhiyeessaa jiru sirrii ta’uu eeranii, gandoonni Gafarsa Noonnoofi Malkaa Gafarsaa sababa warshaaleen achitti baay’ataniif humna dhabuu elektiriikiin omishni  bishaaanii gadaanaa ta’uu ibsaniiru,

Sababa daandii Saansusii hanga Keellaattii hojjetamaa jiruutiin miidhaan sarara ujummoo bishaanirra gahuuniis hanqina bishaanii magaalattii hammeessuu himanii, namoonni halkan dhokachuun bakka bishaan bahu tuttuquun miidhaa geessisan jiraachuufi eeruu ummataatiin seermaleessummaa kana ittisaa jiraachuu beeksisaniiru.

Akka ittigaafatamichi jedhaniitti, sararootaafi jeneretaroota  miidhaan irra gahe suphuunifi sararoota dabalataa diriirsuun furmaata yeroo gabaabaa kennuuf hojjetamaa jiraachuufi hanqina  kana bu’uurarraa furuuf pirojektotti omisha bishaanii dabalan hojjetamaa jiru

Dhimma rakkina bishaanii Buraayyuu kanarratti tattaaffiin irra deddeebiin yaada kantiibaa magaalattii ittidabaluuf taasisne nuu hinmilkoofne.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

10 Comments to “Hanqinni bishaanii dhugaatii Magaalaa Buraayyuu yoom furama laata?”

  1. Pingback: video chat
  2. Pingback: pgslot168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *