Waaqshuum Fiqaaduutiin
Finfinnee: Ambo sababa gaaffii mirgaa kaasaa turteef waggoota 27n darbaniif addatti gama maraanuu qoqqobbiin hunkufoofte deebisanii misoomsuun hirmaannaa qaama hundaa akka fedhu kantiibaan magaalattii Obbo Saahiluu Dirribsaa ibsan.
Gaaffii mirgaatiin walqabatee waggoota 27 darbanitti dhiibbaan bakkawwan kan mudate ta’us ummata Amboo jilbeeffachiisuuf qoqqobbii murni taasise seenaa keessatti yoomiyyuu kan dagatamu miti kan jedhan kantiibichi, sababuma dhiibbaa kanaan ummata magaalattii gama misoomaafi tajaajiloota hawaasummaatiin deega hamaa keessatti kufe bayyanichiisuun hirmaannaa qaama hundaa akka fedhus beeksisaniiru.
Rakkoo kana addatti kan hubatan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dheebuu misoomaa ummata Amboo furuuf sa’aatii harkaasaanii gumaachuun magaalattii wiirtuu fincila diddaa garbummaafi dungoo jijjiiramaa taate, “Newyork” taasisuuf bifuma waadaa galaniin hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Saahiluun, Amboo hoji dhabdummaan keessatti dagaagetti yeroo ammaa pirojrktonni adda addaa dargaggootaaf carraa hojii uuman hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, daandiin asfaaltii keessoo kiiloo meetirri 18 hojiinsaa waggaa afur dura eegalame lafarra harkifachaa ture, xiyyeeffannaa mootummaa naannoofi federaalaa kennaniin ammaan tana kiiloo meetirri 15 ijaarsisaa gara xumuraatti dhufeera.
Daandiin asfaaltii Walisoo-Amboo ijaarsisaa lafarra harkifachaa tures kontiraaktara duraaniirraa fuudhamee raayyaa ittisa biyyaatiif kennamuun yeroo ammaa ijaarsisaa daran saffisaa jira.
“Daandiin dhagaa koobilii kiiloo meetirri 18 ijaarsisaa gara xumuraatti jira, riqichootni guguddoon lama magaalattiitti ijaaramaniiru. Yakkaafi saamicha ittisuuf danqaa kan ture hojiin ibsaa daandiirraa diriirsuus xumuramaa jira. Ijaarsa daandii guddicha Amboofi Jimma walquunnamsiisu eegaluufis haaldureewwan hundi xumuramaniiru” jedhan.
Hundaa ol, manni barumsaa bultii addaa deggersa mootummaa Oromiyaatiin qarshii miliyoona 155 ijaaramaa jirus yeroo gabaabaa keessatti xumuramee tajaajila akka eegalu Obbo Obbo Saahiluun himaniiru.
Haa ta’u malee, carraa hojii uumuurratti hanqinni guddaan jiraachuu ibsanii, ta’us ummatni Amboo waan hunda sababaan waan mormuufi degggeruuf rakkoo keessoosaa obsaa, akkuma obbolootasaa kaanii jijjiirama ilmaan hedduu itti wareege tikfachaa jiraachuu beeksisaniiru.
Akka kantiibichi jedhanitti tumsi mootummaa naannoos ta’e federaalaa olaanaa ta’us qarshiin misoomaa dura bu’ummaa ministira muummeetiin walitti qabameefi waadaa galame daguugamee waan hingalleef barana kun xiyyeeffannoo argachuu qaba. Hundaa ol faajjii qabsoo kan taate Ambo hunduu yoo tumse misoomaanis adda duree taasisuun salphaadha.
Ummatni magaalattii akkuma kanaan duraa waliisaas mootummaas dhaggeefatee yoo hojjete rakkoolee walxaxoo magaalattii furuun Amboo badhaate arguun yeroonsaa dhiyoo ta’uus eeranii, qaamota shira xaxuun nageenya magaalattii booressuuf wixxirfatan saaxilee nageenyasaas caalaatti tikfachuun hojii misoomaafi dimokraasii eegalame akka milkeessu waamicha taasisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013
5 Comments to ““Ambo sababa gaaffii mirgaatiif gatii guddaa kaffalte, misoomaan yayyabuun hirmaannaa hundaa gaafata” -Obbo Saahiluu Dirribsaa”