Inshuraansiin Awaash karoora sadarkaa Afrikaa bahaatti dorgomaa isa taasisu iftoomse

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Kaampaaniin Inshuraansii Awaash yeroo dinagdeen sababa vaayirasii koronaatiin dinagdeen daran qabbanaa’e kanatti tarsiimoo addaa Afrikaa bahaatti dorgomaa isa taasisu baafatee hojiitti galuu ibse.

Karoora tarsiimawaa waggoota kudhanii baafate kanaaf dhaabbata gorsaa damichaa sadarkaa addunyaatti tokkoffaa ta’e “Deloitte” wajjin dheengadda waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichi kaampaanicha Itoophiyaa bira darbee sadarkaa Afrikaa bahaatti dorgomaa ta’uuf kan isa gar gaaru ta’uu kaampaanichi beeksiseera.

Dhaabbanni gorsaa idiladdunyaa “Deloitte” waggaa tokkoof karoorichaaf gorsarraa kaasee hanga deeggarsa hojmaata ammayyaatti kaampaanichaaf kan kennu ta’uufi biyyoota Afrikaa dabalatee jaarmiyaa sadarkaa addunyaatti damichaan maqaa gaarii qabu ta’uunis ibsameera.

Kaampaaniin Inshuraansii Awaash yeroo ammaa inshuraansota dhuunfaa biyyattii keessaa gama hundaan sadarkaa duraarratti kan argamuudha.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

3 Comments to “Inshuraansiin Awaash karoora sadarkaa Afrikaa bahaatti dorgomaa isa taasisu iftoomse”

  1. Pingback: advertising scam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *