“Gareen misoomarratti danqaa uumaa ture waan dhabamsiifameef kana booda sababa itti qabannu hinqabnu”- Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo

Ambaasaddar Shifarraa Jaarsoon hoggantootaafi hayyoota Oromiyaa keessaa bahuun beekumsaafi muuxannoo horataniin misooma naannichaafi biyyattiif halkanii guyyaa gumaachaniifi ammas gumaachaa jiraniidha.

Jalqabumaa kaasee hundeeffama Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi biiroleeshee maraaf, akkasumas sektaroota qabeenya uumamaa federaalaaf bu’uura guddaa buusaniiru. Ministirri Bishaanii, Elektirikiifi Jallisii amma jirus ka’umsarraa akka hundaa’uuf qoodni isaan bahatan guddaadha.

Keessumaa ammoo maastar pilaaniin qabeenya bishaanii biyyattiin qabdu hangamiifi eessa eessatti caalaatti akka argamurratti qorannoodhaan adda bahee akka beekamu hojjetaniiru. Kanaanis pirojektiin hidha haaromsaa guddichaa akka bocamee hojiirra oolu taasisaniiru. Turtiin tibbana isaan waliin taasifame akka ittaanutti dhiyaateera.

Bariisaa: Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoon eenyu?

Ambaasaddar Shifarraa: Ani Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoon jedhama. Kanan dhaladhe bara 1943tti Godina Arsii, Danaa Digaluutti. Barumsa kiyya sadarkaa tokkoffaa (1fa-8fa) achuma magaalaa baadiyyaa, Saagureettan baradhee xumure. Sadarkaa lammaffaa (9fa-11fa) ammoo bara 1963 irraa kaasee mana barumsaa Asallaattin baradhe.

Bara 1966 osoo kutaa 12fa barachaa jirruu kallattiilee addaddaan fincilli mormii dhohee ture. Kanumarraa kan ka’e barattootni gahumsa qaban duula akka adeeman dirqisiifamaa turan. Anis isaan keessaa tokko waanan tureef gara Haragee Bahaa, Calanqootti duule.

Yeroo dheeraafis tarsiimoo mootummaan Dargii, “Lafti qonnaan bulaaf” jedhu hojiirra oolchuuf aarsaa guddaa kaffaleera. Kanumarraa kan ka’e qorumsa maatirikii kutaa 12fa osoon hinfudhatiin hafe.

Bara 1969tti ammoo sababuma fincila sanaan ijoollee 150 taanee Arsiirraa gara Finfinnee yoo dhufnu addatti warra qorumsicha hinfudhanneef ittiqophoofnee Fulbaanarratti akka kennamu taasise. Kanaan xumuruun Yunivarsiitii Finfinnee galee si’a jalqabaatiif injinariingii qonnaatiin digrii jalqabaatiin eebbifame. Maastarsiin kiyya injinariingii jallisiitiin biyya Ingilizittin barachuun xumure. Yunivarsiitii Hawaasaatti ammoo kanuman baradhen cimsadhe.

Bariisaa: Haalli muuxannoo hojii keessanii hoo?

Ambaasaaddar Shifarraa: Bara 1983 Ingilizirraa akkuman gara biyyaatti deebi’een godinaalee Arsii keessatti sektara qonnaatiin keessumaa ammoo misooma jallisiifi bishaan dhugaatiirratti hojjechaan ture. Misooma Qonnaa Cilaaloo, akkasumas misooma qonnaa Baaleerratti yeroo dheeraaf hojjedheera. Kanaaf ummata kanan tajaajilaa ture caalaatti misooma jallisiifi bishaaniirratti.

Osuman hojjechaa jiruu ADWUIn waan galeef mootummootni naannolee hundeeffaman. Anis yeroo sana geggeessaa Biiroo Qabeenyaa Uumamaafi Bishaanii Oromiyaa ta’ee muudame. Kanumaan Arsiirraa ka’ee Finfinneetti gale jechuudha.

Yeroo san Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hasan turan. Biirolee Oromiyaa yeroo san turan mara numatu dhaabe. Obbo Sofiyaan Ahmad namoota yeroos turan keessaa tokko ta’uu nan yaadadha. Bishaan, jallisiifi bosonni biiroo tokko jala turan.

Bara 1988tti gara federaalaatti deemuun ministeera bishaanii hundeessuu danda’e. Wayitan Oromiyaarra turetti biiroon kiyya bakka amma waajjirri pirezidaantii Oromiyaa jiru ture. Gara federaalaatti deemnaan waajjiricha Oromiyaaf gadi lakkisuun iddoo biraatti jijjiiramne. Wayita bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa hundeeffamu hoggantootni Oromoo ciccimoon hangas mara hinturre. Biirolee turan keessaas kan bishaaniitu waan hundaan guddaa ture.

Baay’inni hojjettootaa yeroos biiricha jalatti akka Oromiyaatti turan namoota kuma shan ture. Kanneen keessaa Oromoota 600 hincaalletu ture. Yeroo gabaabaa keessatti garuu ijoollee yunivarsiitiirraa bahan mindeessuun yeroodhaa yeroo biiroleen Oromiyaa ofcimsaa akka deeman goonee turre.

Namootni har’a Oromiyaa gaggeessaa jiran keessaa muraasni, fakkeenyaaf, Doktar Girmaa Amanteenfaa yeroos kan mindeeffamaniidha. Yeroo sana garuu bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa akka naannootti yoo dhaabbatu namnis; mootummaan federaalaas hinamanan ture.

Kanaanis gaaffiifi shakkii guddaan ture sirni federaalizimii sabarratti hundaa’e haala kamiin milkaa’uu akka danda’urratti. Ani garuu san dura Hinditti waggaa tokkoof leenjii fudhadhee waanan tureef milkaa’uu akka danda’u durseen hubadhe. Hindis akkuma Itoophiyaa sirna federaalizimii sabaafi taa’umsa lafaarratti hundaa’e hordofti.

Egaa qabsoon yeroo san goone akkuma salphaatti kan ilaalamu miti. Oromiyaa dhaabuufis hanqinni qabeenyaa hedduu rakkisaa ture. Keessumaa rakkoon bishaan dhugaatii daran hamaa ture. Qabeenyi bosona Oromiyaas humnaa olitti ciramaa ture. Warshaalee guguddoo dhaabsisuufis qabsoo walirraa hincitne taasisaa turre.

Yeroo san namootni Oromiyaa keessaa sadarkaa ministeeraatti filtaamanii muudaman ana, Sofiyaan Ahmadiifi Dubbaalee Jaallee turre. Wanti martuu haaraa waan ta’eef rakkisaa ture. Keessumaa sirnoota durii keessatti muudamni olaanaan qomoodhaan kennamaa waan tureef sirni haaraan yeroo sanaa takkumatti hojmaata san cabsuu danda’eera. Kanarraa kan ka’e akkuma Oromiyaattuu namootni raawwachiistuu hojii mootummaa ta’uun ramadaman irra caalaansaanii hojii barsiisummaarraa kan dhufaniidha.

Akkuman gara federaalaatti deemeen ministeera bishaanii dhaabuu kanan danda’e yoo ta’u, waggoota kudhaniif sektaricha hogganeera. Waggoota kanneen keessatti hojiilee sektarichaa dhaloota har’aaf bu’uura ta’an hojjedheera, Keessumaa ammoo maastar pilaanii bishaan biyyattii duraan namni gadi fageenyaan qorate hinturre.

Laguma Abbayyaa kanarrattillee badaa namni barate hinturre. Kanarraa kan ka’e akkamitti qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuu dandeenya jechuun akka biyyaatti mari’achuu jalqabne. Kanaanis qabeenya bishaanii biyyattiin qabdu mara adda baasnee beekuu akka qabnurratti waliigalle.

Achumaanis laggeen guguddoo yaa’uun laga Abbayyaatti galan 12 qorannoon erga adda baasnee booda maallaqa guddaa ramaduun pirojektiin hidha guddichaa haaromsaa akka bocamu goone.

Bariisaa: Qorannoo pirojektii hidha haaromsaa guddicha isintu hojjichiise jechuudhaa?

Ambaasaaddar Shifarraa: Eeyyee. Isa dura garuu hayyootni Ameerikaa irra deddeebiin maastar pilaanii qabeenya bishaanii Itoophiyaarratti qorannoo adeemsisaa turan; kan laga Abbayyaas walumaan jechuudha. Nuyis achirraa kaanee qorannoo pirojektichaa hojjennee ittimilkaa’uu dandeenyeerra. Dabalataanis maastar pilaanii ittifayyadama bishaan laga Gannaalee, Takazeefi Baaroo Akooboo hojjechiisneerra.

Hojiileen amma raawwatamaa jiranis bu’aadhuma qorannoo nuyi adeemsisaa turreeti jechuudha. Hangi laggeen guguddoon laga Abbayyaatti yaa’anii, fakkeenyaaf, Gannaaleen harka 55, Takazeen harka 12, Baaroon ammoo harka 23, akkasumas Takazeen isheen xiqqoon harka lama taati. Kunneen walitti dabalamuudhaan harki 85 bishaan laga Abbayyaatiif kan gumaachan ta’uu qorannoodhaan mirkaneessuun danda’ameera jechuudha.

Kanumarraa ka’uun bara 1988tti ministirri muummeen duraanii Obbo Mallas Zeenaawwii walta’insa ittifayyadama bishaan laga Abbayyaa (Nile Water Basin Initiative) biyyoota sadeen gidduutti akka dhaabatu taasisan. Yeroo san anis pirezidaantii walta’insichaa ta’een addadurummaan gaggeessaan ture. Akka gaanfa Afrikaattis faayidaa lagichi kennurratti qorannoo adeemsisaa turre.

Bariisaa: Maaliif qorannoon kun barbaachise? Maaltus qoratame?

Ambaasaaddar Shifarraa: Misooma kamuu hojiirra oolchuun dura maastar pilaaniinsaa qoratamuu qaba. Kanaanis erga qabeenya bishaanii qabnu mara addaan baafnee booda eessatti ittifayyadamnaa, hojiilee misoomaa biroo kamfaa hojjechuu akka dandeenyurratti bal’inaan hojjechaa turre.

Fakkeenyaaf, laga Abayyaarra hidhawwan afurtu jiru. Adeemsa keessa ijaarama jechuudha. Muuxannoon ijaarsa hidha bishaanii fudhatames kan Turki. Turki lageen Efraaxisiifi Tigirsi jedhamanirratti  hidha guddaa  ijaaruu danda’aniiru. Biyyoota isaan gadii jiran kanneen akka Iraaqiifi Iraaniif bishaan kennaa kan turan yoo ta’u, booda ittifayyadamummaa isaanii mirkaneeffachuuf hidha guddicha ijaarratan.

Addunyaarratti ittifayyadama qabeenya bishaaniitiin Itoophiyaafi Turki baay’ee walfakkaatu. Turkootni akkuma Itoophiyaa biyyoota yaa’a gadiif bishaan kennu. Yeroo hedduus waltajjiiwwan marii qabeenya bishaaniirratti taa’amurratti yaada walfakkaataa calaqqisiisna.

Turkootni akkuma keenya waggoota hedduuf qabeenya bishaansaaniirraa fayyadamaa hinturre. Adeemsa keessa hidha guddichaa Ataturki jedhamu waan ijaaraniif boodarra gara walta’iinsaatti dhufuun waliigalteerra gahuu danda’an. Kanaaf waliigalteen humna kan gudhatu waan ijaan argamu tokko yoo hojjetame ta’uu hubachuun muuxannoo fudhachuu dandeenyeerra.

Kanaan dura garuu osoo waan tokko hinhojjetiin Abbayyaan keenya, qabeenya bishaanii gahaa qabna, Gibxiif hinkenninuu jedhamaa ture. Nuyis tooftaa addaatti fayyadamuun dursinee hidha elektirikii Takazee ijaaruu dandeenye.

Achumaan Xaanaa Balasis ofuma keenyaan ijaarre. Yeroo san magaaluma biyyattiifillee bishaan dhugaatii galchuuf maallaqni waan hinturreef Baankiin Addunyaa Gibxi akka eeyyamsiisnu nu dirqisiisaa ture. Adeemsiifi hojmaatni akkasii ammoo hedduu garaa nu hammeessaa ture jechuudha. Kanaaf hojiilee boonsoo hojjechaan ture jechuun danda’ama.

Erga filannoon waliigalaa marsaa 3fa bara 1997 adeemsifamee booda ammoo mana maree bakka bu’oota ummataatti bakka bu’aa mootummaa federaalaa ta’uun waggoota lamaaf hojjedheera.

Caalaatti garuu dhimmuma misooma bishaaniirratti gargaarsa guddaa gochaan ture; ittis milkaa’eera. Wayita Abbaa Duulaa Gammadaa pirezidaantii Oromiyaa ta’uun hojjechaa turetti hulaa misoomaa jennee bishaan dhugaatii qulqulluurratti baay’ee hojjechaa turre.

Kanaafis bishaan Fantaalleefi Booranaa fakkeenyumaaf eeruun ni danda’ama. Misooma bunaarrattis akkasuma danuu hojjechaa turre. Waajjira ministira muummee keessattis gorsaa qabeenya uumamaa ta’uun waggoota lamaafi walakkaaf hojjedheera.

Yeroo san naannoo Oromiyaaf qofa hojjechaa hinturre, hundumaaf malee. Hojiilee yeroo san hojjetamanii bu’aa qabeessummaansaanii mirkanaa’e keessaa ogeessota ykn injinaroota sektara bishaanii, konistiraakshiniifi albuudaa walitti fiduudhaan waa’ee misooma qabeenya bishaaniirratti ittifufiinsaan akka mari’atan gochuudha.

Sadarkaa Oromiyaattis Korporeeshinii Injinariingii Konistiraakshinii jedhamu anatu akka hundaa’u taasise. Waggoota hedduufis walitti qabaa boordii ta’uun kanan tajaajile yoo ta’u, ogeessota addaddaa waliin ta’uun bishaan dhugaatii qulqulluu waliin geessisuuf ifaajaa turre.

Adeemsa keessas warshaan ujummoo bishaanii omishu biyyuma keessatti akka ijaaramu gochuu dandeenyeerra. Kanaaf gumaacha ani sektara bishaaniif godhe akkuma biyyaattuu guddaa ture jechuun nin danda’a.

Maayessarratti gara Korporeeshinii Shukkaaraattin geddaramee hojjedhe. Dhuguma dubbachuuf yeroo san baay’ee walxaxaa ture. Jarri mana hojicharraa waan sassaabbatan erga sassaabbatanii booda waggoota lamaan tokkoof hoggansa kenneera. Umriikoo keessattis yerookoo bu’aa hangas mara malee kanan dabarse mana hojii kana keessatti ture.

Dhumarratti ammoo ambaasaddarummaan ramadamee waggoota afuriif hojjedheera. Waggaa lamaafi walakkaaf Kooriyaa Kibbaatti, waggaa tokkoofi walakkaa ammoo Sudaanitti jechuudha. Kanaaf hariiroo biyyattiin biyyoota lameen waliin qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjechaan ture.

Keessumaa ammoo teknolojii Itoophiyaaf mijatu Kooriyaarraa gara biyyaatti akka galuuf carraaqqii guddaa taasiseera. Invastaroota addaddaa gara biyyattiitti fiduudhaanis akkasuma. Turtii hojii Sudaan xumuree ergan as deebi’ee kunoo har’a baatii jaha ta’eera. Ammas tarsiimoo misooma waliigalaa biyyattii kan waggaa kudhanii baasuuf hayyoota buleeyyii waliin hojjechaan jira jechuudha.

Bariisaa: Tarsiimoon misoomaa bahu kun kan dameewwan kamiiti?

Ambaasaddar Shifarraa: Tarsiimoon misooma waliigalaa kan waggaa kudhanii kan dameewwan hundaa kan hammatuudha. Keessumaa kan sektaroota sarvisii, omishaalee alergiifaan ni eeramu. Dameen konistiraakshiniis akkasuma sektaroota xiyyeeffannoo argatan keessatti kan ramadamu waan ta’eef tarsiimoon addaa qophaa’aa jira.

Sektara geejibaas caalaatti cimsuuf keessumaa baay’ina konkolaattota ‘Baasii Gadaa dabaluuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jirra.

Indaamumantiin Tumsaas wayita ammaa gara intarpiraayizii ummataatti waan jijjiirameef dhimmoota afurirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira; sarvisii, qonnaa, albuudaafi indastiriirratti jechuudha.

Kunis tarsiimoo haaraa bahuun waggoota kudhan keessatti eessa akka geenyuufi bu’aa hangamii argachuu akka qabnurratti kan fuulleffateedha. Kana waliinis bajatni itti hojjetamu eessaa akka argamurrattis kallattiin kaa’ameera.

Bariisaa: Dhamaatee keessanirraa fayyadamummaan ummataa mirkanaa’eera jechuun danda’amaa?

Ambaasaaddar Shifarraa: Ani gama kootiin beekumsaafi muuxannoon horadheen ummatakoo tajaajiluuf yoomiyyuu duubatti jedhee hinbeeku. Yeroon Oromiyaafi federaalarra hojjechaa turetti gumaacha hedduu godheera. Miidiyaatti bahee garuu hojii kominikeeshinii hojjechuurratti hanqinan qaba. Hojiileen hojjechaa turetti garuu baay’een gammada. Haa ta’uutii garuu fayyadamummaan ummataa sadarkaa barbaadamurra gaheera jedhee hinamanu.

Pirojektii hidha guddicha haaromsaa bocuutiin karoorsuurraa kaasee hanga ijaarsasaa jalqabsiisuutti gumaacha ani taasise guddaadha. Dhaabbilee mootummaa naannoleerraa kaasee hanga federaalaatti diriirsuun dhamaatee guddaa kan gaafatu waan ta’eef aarsaa ittikaffaleera. Kuni anaaf waan guddaadha; na gammachiisas. Waliigalaan garuu pirojektotni misooma qonnaafi bishaanii yeroo sana qoratamaa turan hojiirra oolaniiru jechuun ni danda’ama.

Hundarra ammoo waanti hubatamuu qabu yoo jiraate kanaan dura hanguma fedhe ummataaf hojjechaa turuyyuu warri ABUT nu daangessaa turuusaaniiti. Fakkeenyaaf gammajjii Harargee keessatti qabeenya bishaaniifi albuudaa wayita qorachaa turretti nu ajjeesisuuf yaaliiwwan addaddaa taasisaa turan. Garuu ammoo nuyis misoomuma bishaaniifi qonnarratti xiyyeeffannee hojjechaa waan turreef ummata waliin ykn ammoo hidhattoota bosona jiran waliin walitti nu buusuu hindandeenye. Waaqayyos na gargaaree darbee har’a gahe.

Keessattuu ummatni Oromoo dinagdeerratti jabaatee yoo deeme aangoo nu harkaa fudhata jedhanii yaadaa waan turaniif hayyootaafi hoggantoota Oromoo dhabamsiisuurratti hojjetamaa ture. Wayita ammaa garuu haalotni mijaa’oon waan jiraniif hunduu fuulasaa gara misoomaatti fuulleffatee hojjechuuturraa eegama.

Hoggantootni wayita ammaa biyyattii gaggeessaa jiranis ministira muummeerraa eegalee fedhiifi kaka’umsi isaan misooma waliigalaatiif qaban kan dinqisiifatamuudha. Namootni akka koo kunniinis muuxannoo horanneen deggarraan yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama hawwamaa ture fiduuf shakkiin hinjiru.

Gareen waggoota darban keessa fedhii misoomaa ummataatti danqaa ta’aa ture dhabamsiifameera waan ta’eef kana booda abbaa ittiqabannu hinqabnu. Irra caalaan dargaggoota Oromoos carraa barnootaa waan argataniif hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kallattii qofa agarsiisuutu irraa eegama. Abdii ani gamakootiin qabus kan guddinaati; biyyattiinis misooma hundaan ni jijjiiramti jedheen amana.

Bariisaa: Jijjiirama siyaasdinagdee biyyattii hawwamu milkeessuuf eenyurraa maaltu eegama jettu?

Ambaasaddar Shifarraa: Ani gamakootiin hangan hubadhetti haalotni yeroowwan darban keessa turan daran rakkisaa turan. Wayita ammaa garuu waantotni jijjiiraman ni jiru. Kanaaf hundarra gama maraan waldhagahuun barbaachisaadha jedheen fudhadha.

Kanaan dura keessumaa ilaalcha dargaggootaarratti hojii gaariin hojjetamaa waan hinturreef bu’aan eegamu hinargamne. Sektara barnootaa keessattis hojii gaariin hojjetamaa waan hinturreef haala qabatama biyyattii sirnaan hubachiisuurratti hanqinni guddaan mul’ateera.

Wayita ammaa ammoo sirni Gadaa Oromoo kaarikulamii barnootaa keessa galee akka akaakuu barnootaa tokkootti akka kennamu ta’uun hojii boonsaan hojjetamaa jiraachuu mul’isa. Kunimmoo dhalootni har’aafi borii nageenya waaraarratti cichanii akka hojjetaniif karaa kan saaquudha.

Qaamoleen tokko tokko garuu sirna Gadaa duriitti akka deebinu taasisa jedhanii sodaa qaban ibsatu. Kun garuu dogoggora guddaadha. Kaayyoon guddaan sirni Gadaa akka akaakuu barnootaa tokkootti akka kennamuuf taasifame duudhaaleen waliin jireenyaa achi keessa jiran caalaatti tokkummaa biyyattii eegsisa jedhamee waan amanameefi.

Hundarra ammoo sirni Gadaa Oromoo sirna dimokraasii biyyootni addunyaa hedduun hojiirra oolchaa jiran caalaa ammayyaa’aa waan ta’eefi. Keessattuu ilaalcha dhalootaa gara gaariitti jijjiiruu ykn qaruuf gaheen sirni Gadaa qabu daran olaanaadha. Kun ummata Oromootiif carraadha; mo’icha guddaadhas.

Bariisaa: Hoggantootni garee juuntaa to’annoo seeraa jala oolfamuusaaniitti maaltu isinitti dhagahame?

Ambaasaaddar Shifarraa: Ani gamakootiin gochasaaniitti hedduu gaddaa waanan tureef lubbuun qabamuusaaniitti baay’een gammade. Dhugaatu waan hundaa fida. Namni qaamuma fiizikaalaa namaa ijaan arga malee sammuu namaa keessa maaltu akka jiru hinbeeku. Hoggantoota kanneen waliin waggoota hedduuf waliin hojjechaa turre. Waan isaan dhoksaadhaan gochaa turan garuu yeroo sanitti hinbeekun ture. Haqni ummataa garuu waan maraa har’a ifa baaseera.

Keessumaa ammoo gochi suukaneessaa kaampii waraanaa ofii ijaaranirratti raawwachuunsaanii garaa jabinnisaanii hangam hammaataa akka ta’e kan agarsiisuudha.

Dhugaa kana ammoo dhiiga daa’immanii, dubartootaafi dargaggootaa dhangala’aa turetu saaxile jechuudha. Hojiin waaqaaas dinqisiisaa waan ta’eef dhumarratti qaamolee mata jabeeyyii qaanessuu danda’eera. Hoggansi amma jiru kanumarraa barachuutu irraa eegama.

Bariisaa: Guutinsi bishaanii hidha guddicha haaromsaa jalqabamuu akkamitti ilaaltu, maaltus isinitti dhagahame?

Ambaasaaddar Shifarraa: Namootni hedduun guutinsi bishaanii jalqabuusaatti gammadu. Ani akka ogeessa tokkootti garuu guutinsa bishaanii sun jalqabuun waliigalteen biyyoota yaa’a laga Abbayyaarratti taasifamaa jiru akka cimu taasisa. Kana booda biyyi kamuu homaa gochuu hindandeessu.

Osuma waraanni ka’ee ijaarsi hidhichaa rukutamee lafti Sudaan diriiraa waan ta’eef biyyattiifi ummatasheef yaaddoo guddaadha. Waliigalteen taasifamaa jirus gaafuma guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa milkaa’e xumurame jechuudha.

Nuyi, ogeessotni keessa hojichaa beeknu aduu san eeggachaa turre. Marsaan lammaffaa ammoo guutamnaan rakkoo tokko malee tajaajila barbaadameef kan oolu ta’uusaati. Guutinsi bishaanii hidha haaromsaa guutummaatti xumuramnaan Sudaaniifi Gibxi Itoophiyaatti michoomuuf dirqamu.

Keessattuu Gibxi ijaarsi hidha haaromsaa gahee isheen lagicharraa argattu takkaallee akka hintuqne ni beekti. Siyaasumaaf ittifayyadamu malee ijaarsi hidhichaa biyyoota yaa’a lagichaa caalaatti kan fayyadu ta’uu hubataniiru. Ijaarsa hidha guddichaarratti kaayyoo siyaasaaf kan ittifayyadame Itoophiyaa caalaa gaggeessitoota Sudaaniifi Gibxi.

Bariisaa: Waldhabdeen daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduutti mudachaa jiru akkamitti furmaata argachuu danda’a jettu?

Ambaasaddar Shifarraa: Itoophiyaan gama dippiloomaasiitiin hojii bal’aa hojjechaa turte; wayita ammaas ittuma jirti. Qaamoleen fedhii siyaasaa addaa qaban garuu haalicha gara biraa geessuuf kallattilee addaddaatiin hiika itti kennanii qaaquun waanuma baratame. Ammas falli jiru dippiloomaasii cimsanii furuuf carraaquutu furmaata.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyis baay’ee hindubbatu; garuu hojiilee hedduu dalagaa jira. Garee juuntaarrallee hojiidhaan agarsiisee irra aanuu danda’eera. Isaan garuu baay’ee ofjajaa turan. Kanaaf ammas taanaan boris dubbii baay’isuurra hojiitiin agarsiisuun murteessaadha.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

4 Comments to ““Gareen misoomarratti danqaa uumaa ture waan dhabamsiifameef kana booda sababa itti qabannu hinqabnu”- Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo”

  1. Pingback: kii789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *