Dorgommiin ‘Miss Tourism Oromia’ adeemsifamuufi

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Dorgommiin ‘Miss Tourism Oromia’ qopheessummaa Komishinii Turizimii Oromiyaa (KTO)fi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO)tiin qophaa’e adeemsifamuufi.

Sagantichi qaama hawata turizimii Oromiyaa beeksisuu keessatti kan hammatamu yoo ta’u, mataduree, “Oromiyaa dachee miidhagina heddumminaa” jechuun KTOn hojjetu kan deggaru ta’uus komishinarri ittaanaa komishinichaa, Obbo Abiyyuu Tasammaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ibsaniiru.

Dorgommicharrattis Naannoo Amaaraatti Godina Saba Oromoo dabalatee aanaaleen Oromiyaa hawata turizimii naannawasaanii shamarran babbareedoo isaaniitiin beeksisuu ta’uus kaasaniiru.

Aanaaleen shamarran kanneen filatanii hirmaachisan iddoowwan hawata turizimii naannawasaanii suuraadhan ykn bifa addaddaatiin akkasaan waltajjiirratti ibsatan taasisuu akka qaban eeranii, waltajjichi akka godinaatti iddoo hundatti gaggeessuuf rakkisaa ta’uusaatiin gara godinoota 8-10tti gaggeessuuf karoorri qabamuusaa himaniiru.  

Amma karaa BATOtiin xalayaan ergamee galmeen eegalamuu kaasanii, sagantaan jiru sadarkaa sadarkaadhaan of duratti kan beeksifamu ta’uufi shamarran aanaarraa calalamanii godinarratti erga dorgomaniin booda tokkoffaadhaa hanga sadaffaatti kanneen ba’aan ‘Miss Tourism’ godinasaanii ta’uun sadarkaa Oromiyaatti kan dorgoman ta’uu dubbataniiru. Kunis yoo hammam dheerate hanga xumura ji’a Guraandhalaatti kan raawwatu ta’uu eeraniiru.

Shamarreen dorgommii sadarkaa Oromiyaa injifattes “Miss Tourism Oromiyaa” ta’uudhaan komishinichaan wajjiin waggaa tokkoof kan hojjettu ta’uu kan kaasan Obbo Abiyyuun, faayidaan waltajjichaa bareedduu filachuu qofa osoo hintaane shamarran akka walbaraniifi ambaasaaddaroota turizimii ta’aanii akka tajaajilaniif carraa kan banu ta’uus addeessaniiru.

Akka komishinarri ittaanaa kun jedhanitti, hojiin turizimii sochii kan barbaaduufi dinagdee olaanaa kan sochosu ta’uusaatiin faayidaan isaa guddaadha. Turizimii gaafa jedhamu namni hedduu lammii biyya alaa qofa malee turizimiin biyya keessa jira jedhee waan hin yaadneef iddoowwan hawata turizimii jiran baruufis carraa ni kenna. Sochii gara fuulduraa komishinichi dadammaqiinsa turizimii biyya keessaa taasisuufis galtee guddaa ta’a.

Hojii kanaaf dhaabbanni Soolan Piromoshiin deggarsa taasisuu kaasanii, badhaasa dorgomtootaammoo ispoonsarootarraa kan argamu ta’uu ibsu. Haala kananais shamarreen tokkoofaa baate qarshii kuma 100, kan lammaffaa qarshii kuma 60, kan sadaffaammoo kuma 40 akka badhaafamtu ibsaniiru.

Ulaagaan dorgommichaas shamarree waggaa 18-28, ulfaatina qaamaa kiloogiraama 50-59, dheerinni meetira 1.65 ol ta’uu kan qabdu yoo ta’u, Afaan Oromootiin of ibsuu kan dandeessu, 
seenaafi aadaa aanaa, godinaafi Oromiyaa irratti beekumsa gahaa kan qabduu akkasumas, ibsuuf rakkoo kan hinqabnefi ofitti amanamummaa cimaa kan qabdu ta’uun akka irra jiru kaasaniiru.

Sagantichi hojii dadammaqiinsa turizimii waliin kan walqabate waan ta’eef wagga waggaan adeemsifamuuf karoorfamuu eeranii, waldorgommichi haala nageenyi shamarranii eegameen ofeeggannoo cimaan taasifama jedhaniiru.

Ergami komishinichi qabate waggoota shanan dhufanitti Oromiyaa iddoo hawata turizimii filatamtuufi sadarkaa tokkooffaa taasisu ta’uu kaasanii, qabeenyaafi fandii sassaabuun iddoowwan hawata turizimii godinaalee misoomsuunis hojii komishinichaa ta’u ibsaniiru.

Akka Obbo Abiyyuun jedhanitti, Oromiyaan qbeenya turizimii Itoophiyaa keessaa walakkaa ol qabaattus dhangala’iinsaafi galii turizimiirraa argamuun sadarkaa shanaffaarratti argamti. Qabeenyi qabdu kun yoo maallaqatti jijjiirame indastiriin turizimii dinagdee biyyaa utubuu, carraa hojii bal’aa uumuu ni danda’a. kanaaf mootummaanis xiyyeeffannaan olaanaa itti kennamee hojjetaa jira.

Kana ta’uusaatiin qooda fudhattoonni, invastaroonni, hawaasni, dargaggoonni turizimiin madda galiitiifi jiruufi jireenya fooyyeessuu ta’uu hubatanii tumsa irraa barbaadamu akka taasisan, akkasumas weebsaayitiifi miidiyaa hawaasummaa ‘Oromia Tourism Commission’ jedhu hordoofuun hojii Oromiyaa beeksisuu keessatti akka hirmaatan waamicha dabarsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

7 Comments to “Dorgommiin ‘Miss Tourism Oromia’ adeemsifamuufi”

  1. Pingback: Chiappa Firearms
  2. Pingback: Learn More Here
  3. Pingback: ghoster13

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *