Gabaa ammayyeessuun rakkoolee walxaxoo fuuncaa daldalaa keessa jiran hir’isuuf

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Qixxa lamaan magaalaa Finfinnee, kan ture gabaan fuduraafi muduraa piyaassaa jaarraa walakkaa oliif hawaasa magaalattii tajaajilaa tureera. Ta’us gabichi rakkoolee walxaxoo hedduuf saaxilamaa ture. Dukkaanawwan gurgurtaa mootummaan gatii gadaanaan matayyootaaf kireesse daldaltoonni muraasni gatii ol ka’aadhaan dabarsanii kireessuun faayidaa hinmalle argataa turan.

Kana malees namoonni mursaani qofti taatee ijoo ta’uudhaan gabaa akka barbaadan gochuun qabeenya himalleef dabaan horachaa turan. Haati hiyyeessaa humna hinqabne garuu hojiilee xixiqqoo soorata guyyuurra hindabarre hojjechuun waggootaaf jireenyishee hinjijjiiramiin tureera.

Bakkee gabaa kana ammayyeessuufi bal’isuuf yeroowwan addaddaatti karoorri qabamus hojiirra oolchuun hindanda’amne. Kun osoo kanaan jiruuti, yaaddoo addunyaa kan ta’e weerarri Koviid-19 kan uumame.

Bakkeewwan akka wiirtuu kanaammoo daran walitti dhihoofi namoota hedduu kan keessummeessan waan ta’eef tatamsa’ina vaayirasichaatiif haala mijataa uumu. Kanaaf mootummaan yeroof gara Jaanmeedaatti akka darbu murteeffame. Achittis sirni bittaafi gurgurtaa ji’oota muraasaaf raawwatamaa kan ture yoo ta’u, bakkichi garuu bakka oolmaa ispoortiifi taateewwan amantii itti raawwatamu waan ta’eef jijjiiruun dirqama ta’e.

Kana kan hubate Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee yeroo ji’a tokko hinguunne keessatti Giddugala Fuduraafi Muduraa Laaftoo baasii qarshii biliyoona tokkoon, lafa karee meetira kuma saddeet irratti ijaaree eebbisiiseera.

Aadde Samiiraa Abdulshakuur daldaltuu fuduraafi muduraa yoo ta’an dur, Piyaassaa, achiin Jaanmeedaatti hojjechaa kan turan yoo ta’u, torban lamaa as ammoo gara giddugala gabaa fuduraafi muduraa Laaftootti ijaarametti darbaniiru. Akka isaan jedhanitti, giddugalichi bal’aafi mijataa waan ta’eef gara sirna gabaa ammayyaatti kan ceesisuufi daldaltoota baay’ee qabachuun warreen seeraan alaallee sarara seeratti galchuun gama hundaan daran fooyya’aadha.

Aadde Balaayinash Daanyaawu ammoo osoo isaan fuduraafi muduraa bitatanii dubbisne. Isaanis mannisaanii bakkcihatti dhihoo yoo ta’u, utuu giddugalichi hinijaaramiin dura Piyaassaafi Markaatoo deemuuf dirqamaa turuu dubbatu. Amma garuu gabaa dhiheenyasaaniitti waan argataniif akka garaasaaniitti waan barbaadan akka bitatan ibsu.

Bakkeen gabichaa bal’aa ta’uusaatiinis namni konkolaataa qabatee dhufullee iddoo dhaabuuf akka hin yaaddofnellee eeranii, warra lafootiif garuu taaksiin fuuldura giddugalichaa waan hindhaabanneef kun sirrachuu qaba jedhan. Giddugaloonni akkanaa kallattiilee magaalattii hundatti babal’achuu akka qabanis ibsanniiru.

Daldaltoonni biroos sirna gabaa ammayyaatti seenuun rakkoo qabaachuu baatus yeroon fe’umsaa halkan sa’aatii 9:00 -11:30tti ta’uufi hojjettoota humnaa naannawa Piyaassaafi Jaanmeedaa turaniif xiyyeeffannaan kennamuu qaba jedhan.

Yommuu fuduraaleen buufaman keenyan manneenii diigamuusaaniitiin akka waan beekaa bakkicha jibbuun diiganiitti ilaalamuun suuqiiwwansaanii saamsamuu, utuudhuma seeraan gurmaa’anii jiranii kabachiistoonni nageenyaa qodaa harkaa fudhachuufi gochoonni biroon komii itti uumuus ni kaasu.

Obbo Taganyi Dinqinah Raawwachiisaa Hojii Ittaanaafi Hogganaa Waajjiraa Aadaafi Turizimii Kutaa Magaalaa Nifaas Silkii Laaftooti. Akka isaan jedhanitti, ijaaramuu giddugala kanaatiin namoonni kuma lamaafi 100 ol dameewwan addadaatiin carraa hojii argataniiru. Yommuu hojiin gurmeessuu hojjetames qo’annoorratti bu’uureeffachuun kan hojjetame waan tureef rakkooleen duraan mul’ataa turan asittis akka irra hindeebi’amneef xiyyeeffannaadhaan hojjetame.

Komii daldaltoonni kaasaniin walqabatees baay’eensaa beekamtiisaanii ala ta’uufi daldaltoota ulaagaa seeraa guutaa jedhamanii guutuu hinbarbaannetu namoota kakaasuudhaan komii kan kaasisan ta’uu ibsu. Daldaltoonni faayidaansaanii jalaa tuqame ammayyuu giddugalichi gara Piyaassaatti akka deebi’uuf carraaqaa waan jiraniif komiiwwan ka’an hedduun bu’uura kanaan kan ilaalaman malee waanti hojiisaan dhorku akka hinuumne ibsu.

Kantiibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin, gabaa ammayyeessuun fuuncaalee walxaxoo sirna daldalaa keessa jiran hiikuun bitataafi gurguraa faddaaltotaan saamamu jalaa kan baraaru ta’u ibsu. Kanarraa ka’uun mootummaan bajata barbaachisu ramadee kallattiilee hundaan ummanni naannawaasaatti giddugaloota gabaa akka argatuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jira jedhu.

Giddugaloonni kunneenis kan kuduraafi muduraa qofa osoo hintaane kan midhaaniifi omishaalee garagaraa ta’uu kaasanii, kana booda magaalattiitti pirojektota yeroo gabaabaa keessatti xumuranii eebbisisuun kan baratamu ta’uu ibsu. Kunis tumsa qaamolee hundaa kan barbaadu waan ta’eef hunduu qoodasaa akka bahatu gaafataniiru.

Giddugalichi Dilbata darbe eebbifamee hojii kan eegale yoo ta’u, giddugaloonni Gabaa Jamoofi Furii waggoota muraasa dura xumuramanii hojii malee ta’aa turanis suphi barbaachisu taasifameefii hojiitti seenaniiru.

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

2 Comments to “Gabaa ammayyeessuun rakkoolee walxaxoo fuuncaa daldalaa keessa jiran hir’isuuf”

  1. Pingback: scam links

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *