Waldaan Caffee Dargaggoota Hojii Gamtaa Waliigalaa Finfinneetti ifatti hojii eegale

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Waldaan Caffee Dargaggoota Hojii Gamtaa Waliigalaa hudaa’ee yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti seenee hojjechaa jira. Waldichi dargaggoota dinagdeedhaan cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, torban darbe fuduraafi muduraa akkasumas midhaan dheedhii dhiyeessuudhaan Finfinneetti hojiisaa ifatti jalqabeera. 

Pirezidaantiin waldichaa, Dargaggoo Sanyii Idaashuu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kenneen akka jedhetti, waldaansaanii yeroo ammaa qophii hunda xumuree Finfinneetti hojiitti seeneera.

Caasaaleesaa hunda hojiitti galchuufis qophiileen barbaachisan xumuramuu eeree, waldichi miseensotaafi dargaggoota birootiif carraa hojii bal’aa uumuudhaan dinagdeedhaan akka of danda’aniif kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbata.

Waldichi Finfinnee, kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoofi Gullallee, Booleefi Aqaaqii Qaallittiitti hojiilee gara garaa raawwachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu pirezidaantichi himee, keessumaa naannawa Jamootti kuduraafi muduraa akkasumas midhaan dheedhii, xaafiifi qamadii  gabaaf dhiyeessuu jalqabuu ibseera. Waldichi omishaalee gabaaf dhiyeessu kallattiidhaan qonnaan bulaarraa bitee dhiyeessaa jiraachuus eereera.

Kaayyoon waldichaa qonnaan bultoota wajjin walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaan fuduraafi muduraa ho’aafi qulqulluu dhiyeessuudha kan jedhu Dargaggoo Sanyiin, haaluma kanaan Waldaalee Qonnaan Bultoota Maqii miseensota 170 qabu wajjin walitti hidhamiinsa  gabaa uumuus ibseera.

Qonnaan bultoonni kunniin lafa heektaara 18 irratti fuduraafi muduraawwan gara garaa (raafuu maramaa, shunkurtii, qaaraafi paappaayyaa) omishaa jiru. Omishni qonnaan bultootaa maasaarra jiru konkolaataa fe’umsaa 40 hanga 60 ta’uu kan danda’u  himeera.

Waldichi omishaalee qonnaan bultoota irraa fuudhuu qofa osoo hintaane galteewwan qonnaa dhiyeessuudhaan qonnaan bultootas kan deggeru ta’uu kan eere pirezidaantichi, qonnaan bultoonnis omishasaanii dorgommii daldaaltotaa tokko malee waldaasaaniitti gurguruuf waliigaltee taasisuu ibseera. Qonnaan bultoonni kunneen kanaan dura daldaaltotaan saamamaafi bu’aan omisha qonnaarraa argatan dadhabbiisaanii waliin kan walhingitne ta’uus ibseera.

Waldichi ofiisaa qofa utuu hintaane qonnaan bultootas fayyadamoo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhu Sanyiin, miseensota waldichaatiif carraa hojii bal’aa uumuuf qarqara lageen magaalaa Finfinneettti omisha fuduraafi muduraa jalqabuuf qophii xumuruu eera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees waldichaaf sheedotaafi mankuusa kennuudhaan deggeraa jira jedhee, utuu mootummaan deggersa taasisuufii baatee karoorri waldichaa milkaa’uu akka hindandeenye ibseera.

Waldichis hojiilee mootummaan dhimma misoomaa, nageenyaafi guddina dinagdee biyyaa deggeruuf taasisu kan deggeru ta’uus nutti himeera.

Waldichi Ayyaana Qilleetiif hoolotaafi re’oota dhiyeessuuf qophii xumuruu kan himu Sanyiin, kanaan alas simmintoo kuntaala kuma kudhaniifi omisha aannanii qonnaan bultootarraa bituudhaan gabaaf dhiyeessuuf qophiin xumuramaa jiraachuufi ummanni waldicha waan danda’uun akka deggeruuf gaafateera. 

Shamarree Alamituu Fayyisaa miseensa waldichaa naannawa Jamootti gurgurtaa  kuduraafi muduraarratti hirmaattee jirti. “Wiirtichi haaraa waan ta’eef haalli gabaa qabbanaa’aa ta’us gara fuulduraatti iddoo filatamaa ta’a jedheen abdadha” jetti. 

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

2 Comments to “Waldaan Caffee Dargaggoota Hojii Gamtaa Waliigalaa Finfinneetti ifatti hojii eegale”

  1. Pingback: DayZ Hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *