“Ummati Tigraay bal’aan mootummaa federaalaa deggara” -Ogeessa suuraa, Daanyee Abarraa

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa duula naannoo Tigraay murna juunticharratti adeemsifamerratti addadurummaan hirmaachuun gabaasaa turan shan keessaa gaazexeessaafi ogeessi kaameeraa suuraa, Daanyee Abarraa isa tokko.

Turtii guyyoota afurtama marsaa lamaan Tigraayitti dabarse ilaalchisee gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa ogeessa kana wajjin taasise akka ittaanutti dhiyaateera.

Bariisaa: Hunda dursa baga nagaan deebite. Mee dubbistoota gaazexichaa wajjin walbari.

Daanyee Abarraa: Maqaankoo Daanyee Abarraa jedhama. Waggoota soddomii saddeetiif ogeessa kaameraa suuraa ta’een ummataafi biyyakoo tajaajiluuf carraa argadheera. Humna Galaanaa Itoophiyaa duraaniitti waggoota saddeet, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti ammoo waggoota soddomaafan hojjechaa jira jechuudha. Sirna Dargiirraa eegalee bu’aa bahii hedduu keessan darbe.

Erga ADWUIn biyya kana bulchuu eegalees ogummaan qabuutti fayyadamee hojjechaan ture. Daangaa biyyattii eegsisuuf jecha iddoowwan mootummaan federaalaa duula gaggeessaa ture mararratti raayyaa ittisaa cinaa hiriiruun kanan qabsaa’e yoo ta’u, kanaan kabaja biyyakoof qabu gochaan mul’isuu danda’eera jechuudha.

Ergan ogummaa kanaan hojjechuu eegalee kaasee addawwan waraanaa hedduurratti hirmaachuun kanan qabsaa’e yoo ta’u, kanaanis arfii du’aa waliin fuulaa fuulatti qabsaa’ee fedha Waaqayyoo taanaan jiraadhee har’a gahe.

Bariisaa: Adda waraanaa kamfaarratti hirmaatte?

Daanyee Abarraa: Yeroo waraanni Itiyoo-Ertiraa jechuun bara 1998 hanga 2000tti adeemsifamee ture gaazexeessitoota addichaarratti yeroo dheeraa turuun gabaasaa turan keessaa tokko ana ture.  Raayyaan ittisa biyya keenyaa Baadimmeerratti alaabaa biyyattii olkaasuun wayita mirmirsaa turetti suura kaasuutiin sanada seenaa biyyattii keessatti akka oltaa’uuf gochaan ture.

Wayita raayyaan ittisa biyyaa shororkeessitoota Alshabaabirratti tarkaanfii fudhachaa tureefi raayyaan ittisaa keenya Somaaliyaa, Magaalaa Moqaadishoo galettis walumaanan ture. Kanaaf iddoowwan daran ulfaatoofi qormaata guddaa qaban keessa seenee hojjechaan ture.

Dirree qabsoo waraanaarratti hirmaachuu cinaattis bu’uuraalee misoomaa guguddoo fakkeenyaaf, ijaarsa hidha guddicha haaromsaa jalqabarraa kaasee hanga sadarkaa har’a gahetti ogummaan qabuun sanada seenaa galmeessisuuf carraa argachuu danda’eera.

Akkasumas, bara 1998 irraa kaasee ammoo Waajjira Ministira Muummeetti ogeessa suuraa Obbo Mallas Zeenaawwii, Obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyiifi wayita ammaa ammoo Sakretari’aatii Waajjira Ministira Muummee jalatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa bakka bu’een hojiidhuma walfakkaatuun ramadamee hojjechaan jira.

Bariisaa: Ogummaa qabduun hanga biyya alaatti hangam hojjette?

Daanyee Abarraa: Yeroo hedduu deddeebi’een hojjechaa ture.Gaggeessitoota biyyaa darbaniifi amma jiran waliin hanga biyyoota alaatti carraa hojii argadhee deemeen hojjechaan ture. Gaggeessitootaafi jila biyyattii bakka bu’an waliinis daaw’annaaf alatti si’a hedduu deddeebi’ee hojjedheera. Magaalota kanneen akka Waashingitan Diisii, Daabus, Faransaayi, Landaniifi kanneen biroo muraasa eeruun ni danda’ama.  Akkuma haalotni gaariin nama mudatanis haalotni rakkisoon danuun na mudataniiru. Yeroo kana hunda obsa, ciminaafi kutannoo olaanaanin keessan darbe.

Keessumaa wayitan biyya alaa deemuun hojjechaa turetti mootummaan tajaajila sireef doolaara 300 kaffalee na bulcheera. Biyya keessatti ammoo yeroo tokko Affaar keessatti qarshii 40 qofti naa kaffalamee bulee beeka. Kunimmoo akkuma  waan mijataan ture haalotni rakkisaafi sadarkaa gara gadiis na mudachaa turan jechuukooti. Jiruufi jireenya keessatti waan gaariinis badaanis nama mudata.

Bariisaa: Duula mootummaan murna juuntaarratti adeemsise akkamitti ilaalta?

Daanyee Abarraa: Ji’a Onkoloolessaa dhumarraa kaasee mootummaan Naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf  tarkaanfii fudhachaa waan tureef akka ogeessa miidiyaa tokkootti adda durummaan duula adeemsifamerratti guyyoota 40f hirmaadheera. Dhuguma dubbachuuf taanaan biyya keessattis ta’e alatti waantotni hedduun nama mudatan ni jiru. Keessumaa ogeessi miidiyaa waan hundatti dura hiriiruun kan amaleeffame waan ta’eef ani gama kootiin duulichi hiree biyyattii gara fuulduraa ni qajeelcha jedheen fudhadha.

Bariisaa: Haleellaa Onkoloolessa 24 bara 2013 kaampii raayyaa ittisaarratti raawwatame hoo akkamitti ibsita?

Daanyee Abarraa: Akka lammii tokkootti haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti ni raawwatama jedhee gonkumaa tilmaamee hinbeeku. Raayyaan ittisa biyyaa daangaa biyyattii eeguuf jecha waggoota hedduuf naannicha keessa ture.

Miseensotni raayyichaas sabootaafi sablammoota hunda keessaa kan walitti baba’aniidha. Jiruufi jireenyi tokko tokkoo raayyaa ittisa biyyaas wayita ilaalamu daran jaalalaan kan guutamedha. Hariiroon isaan ummata Tigraayi waliin qaban daran olaanaadha.

Kanarraa kan ka’e shirri akkasii ni rawwatama jedhee guyyaa tokkollee yaadeen hinbeeku. Wayitan iddoo haleellaan raawwatametti argamee ilaalu ammoo haalli ture daran kan nama gaddisiisudha. Miseensota waraanaa miidhamaniifi hiriyyootasaanii dhaban maraa bakka jiranitti argamee ilaaleera. Kunis akka nama tokkootti na gaddisiiseera.

Nama ta’uun keenyayyuu ofumasaatti maal akka ta’e hiika itti kennuuf na rakkiseera. Hundarra nama yeroo dheeraaf waliin turan yaa hafuutii kan guyyaa tokkotti walbaranii waliin bulan garaa nama nyaata. Gochi raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatame garuu sammuukoo keessaa bahuu hindandeenye.

Dhala namaa yaa dhiisiitii wayita bineensotni miidhamaniyyuu nama gaddisiisa. Gochi juuntichi raawwate garuu gocha namummaatiin ala akka ta’e hubadheera. Kunis hedduu na gaddisiisa.

Bariisaa: Wayita akka gara Tigraayi deemtu sitti himamu miira akkamiitu sitti dhagahame?

Daanyee Abarraa: Yeroo jalqabaatiif ni deemta jedhamee wayitan filatamu homaa hinmamne. Ta’us kanaan dura wayita Ertiraafi Somaaliyaan walwaraanaa turan raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriiraa waanan tureef sodaan natti hindhagahamne. Kan ammaa garuu badii humnooti badii raawwataniin obbolootni lameen walwaraanuusaaniitti hedduu gaddeera. Baay’een keenya naannicharraa hiriyoota hedduu qabna. Sababa kanaan keessi koo baay’ee natti ulfaatee ture.

Badii juuntichi geessiseen garuu lammiileen nagaa hedduun akka miidhaman tilmaamaan ture. Kanaaf jalqaba Finfinneerraa kaanee yoo deemnu Gondar buufanne. Gondarirraa ammoo Daanshaa geenye. Achi yoo geenyu nagaan jira ture. Erga Baankariifi Humaraa geenyee booda garuu waraanni waan tureef ulfaataa ture. Qindoomina raayyaa ittisaa biyyaatiin garuu dirree xiyyaaraa Humaraa gadi lakkisiisuun danda’ame.Yeroo san iddoowwan hedduutti badii murnichi dhaqqabsiisaa ture daran na gaddisiiseera.

Bariisaa: Akka Daanshaafi Humaraa geesseen maal hubattee turte?

Daanyee Abarraa: Waan baay’een hubadhe.Addatti garuu kanaan dura raayyaan ittisa biyyaa sabummaadhaan qoqqoodameera jedhamee haasa’amaa ture. Haa ta’u malee haleellaan kaampiisaaniirratti raawwatame sirumayyuu isaan tokkoomse. Hundisaaniiyyuu madaa’aniiru waan ta’eef onnee guddaadhaan wayita olaantummaa seeraa kabachiisan hubadheera.

Kanaan dura waan lammummaan Itoophiyaa laafe natti fakkaata ture. Amma garuu Itoophiyaanotni tuqamnaan hangam yeroo tokkotti akkuma kanniisaa akka ka’anan hubadhe. Miseensotni raayyaa ittisa biyyaas hangam kutannoodhaan walabummaa biyyasaanii eeguuf akka dhaabbatan hubadheera. Kun biyyattiif abdii guddaadha.

Bariisaa: Hanga achi turtetti hundarra miira kee kan tuqe jiraa?

Daanyee Abarraa:  Eeyyee, jira malee! Wayita waraanni adeemsifamutti haalotni martuu ni rakkisu. Yeroo jalqabaatiif Onkoloolessa 28 bara 2013 Finfinneerraa kaanee Gondar deemne. Erga Humaraan to’annoo mootummaa jala oolteen booda gara Finfinneetti deebi’uun guyyoota 13n booda deebi’een deeme.

Dirreen lolaa jalqaba deeme karaa Gondarii hanga Daanshaafi Humaraatiin kan jiruudha. Haalli toora kanaan ture keessumaa badiin lammiileerratti raawwatamaa ture daran ulfaataadha. Lammiileen nagaa qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqaafamaniiru. Kun hedduu na gaddisiise waan ta’eef miirakoo tuqeera.

Humnootni murnichaa booji’amaa turanis ija kootiin argeera. Hedduunsaanii kan nama ajaa’ibu dargaggoota bitaafi mirgasaanii hinbeeknetu dirqamaan keessatti akka hirmaatan taasifamaa ture. Irra caalaansaanii ammoo booji’amuun miirasaanii ibsachaa turan. Kun akka ogeessa miidiyaafi lammii tokkootti na gaddisiiseera.

Gama biraatiin ammoo miseensotni raayyaa ittisa biyyaa jaalala biyyasaaniif qabanirraa kan ka’e hojii gantummaa hinraawwannu jechuun hanga dhumaatti falmachaa turan argeera. Fakkeenyaaf, koloneelli abbaa hokkoo (balakazarawu koloneel) jedhamee odeeffamee ture hogganaasaa isaanumatti deebi’ee gane waliin falmii guddaa gaggeessee hanga Teembeen, Ertiraatti osoo harka hinlaatiin fulla’ee ture. Suurasaa miidiyaalee hawaasummaarratti ajandaa ta’ee ture san anatu kaase.

Bariisaa: Waanti addatti si  gammachiise hoo jiraa?

Daanyee Abarraa: Waantota na dinqisiisu keessaa tokko dhalattootni Tigraayi marti juunticha waliin hiriiraniiru jechaan ture. Kanan arge garuu faallaa kanaati. Ummati Tigraayi bal’aan lolichatti osoo itti hinamaniin kan itti seene waan ta’eef mootummaa federaalaa deggaru.

Fakkeenyaaf, magaalaa Shireetti waanti na mudate tokko loltootni haadha warraafi abbaa warraa ta’an tokkon arge. Isheen ulfa waan taateef inni eeyyama fudhatee gara bakka dhalootasaanii dhufuuf karoora qabu ture. Lachaniyyuu eeyyama fudhachuun qophiirratti argamu turan.

Gidduutti garuu haleellaan hineegamne kaampii raayyaa ittisaarratti raawwatame. Kanarraa kan ka’e inni gara duulichaatti yoo deebi’u, isheen garuu achuma ollootashee biratti da’uuf dirqamte. Baay’ee kan nama dinqu garuu haati isheen biratti deesse sun erga magaalichi tasgabbaa’ee booda loltuu deesse sana fiddee raayyaa ittisa biyyaatti kennuushee ija kiyyaan argeera. Kun egaa dhalattootni Tigraayi hedduun hangam jaalala biyyattii qaban mul’isa jechuudha. Kunimmoo abdii guddaa kan namatti horuudha.

Hundarra ammoo waanti na gaddisiise yoo jiraate miseensota raayyaa ittisa biyyaa buleeyyii naannichatti ugguramanii turaniidha. Sababa kanaan ajajni kaabaa hoggansa dhabee ture. Raayyaan ittisaa garuu walta’insaafi tokkummaa cimaadhaan kaayyoo juuntichaa fashaleessee irra aaneera. Anis Itoophiyaa guddittii tokkummaasaaniirraa hubadheera.

Kanaan dura garuu qaamuma tokko qofatu buufataalee kaampii waraanaa hogganaa ture. Wayita ammaa garuu hundumatu hoggansa kenna. Walgaareffannaafi jibbiinsis waan hinjirreef martuu waliin dhaadachaa seera kabachiisa. Kanarraa kan ka’e bu’aan barbaadamu argameera.

Walta’insaan oppireeshinii waraanaa gaggeessuunis miseensota raayyaa ittisa biyyaa ugguraman gadi lakkisiisuun danda’ameera. Kana arguu kootti daran gammadeera. Humnooti juuntichaa mana keessatti wayita dhukaasaa turanitti raayyaan ittisa biyyaa haala ofeeggannoo qabuun cichee olaantummaa seeraa kabachiiseera.

Bariisaa: Wayita duulichi adeemsifamaa turettis ta’e booda miirri ummata Tigraayi akkamitti ibsama?

Daanyee Abarraa: Akka waliigalaatti yoo ilaalamu ummatni Tigraayi lolichi waan osoo isaan hineegin mudate ta’uu miirasaaniirraa hubachuun ni danda’ama. Keessumaa wayita haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatameyyuu irra caalaansaanii hinbeekan ture. Kutaaleen hawaasaa hanga lolli eegalamutti odeeffannoo hinqabnellee ni jiru turan. Kanarraa kan ka’e waan nyaatamuufi dhugamuyyuu argachuuf rakkachaa turuusaanii taajjabeera.

Hariiroon ummatichi raayyaa ittisa biyyaa waliin qabus olaanaa waan tureef hanga gaafa badiin isaanirratti raawwatuttuu duula sassaabbii midhaaniirratti hirmaachaa turan. Baay’ee kan nama dinqu miseensota raayyaa ittisa biyyaa buleeyyiif nyaachisa dhiyeessaa, qofaatti haala isaan balleessanirratti mari’atu.

Bariisaa: Kaayyoon affeerraa nyaataa maal akka ta’e waanti isiniif ibsame jiraa?

Daanyee Abarraa: Akka qindeessaan miidiyaa addichaa gaazexeessitootaaf ibsetti, kaayyoon affeerrichaa waggoota dheeraaf imaanaa raayyaan ittisa biyyaa ummata Tigraayirraa qabu maqaa galateeffachuu jedhuun ture. Kaayyoonsaanii dhokataan garuu kana hinturre. Sababa affeerraa galataatiin hoggantoota raayyaa ittisa biyyaa ugguruudhaan miseensota raayyaa ittisa biyyaa damee kaabaa waliigalaan bittinneessuu ture. Kun garuu walta’insaafi tokkummaa raayyaa ittisaatiin milkoofne.

Baay’isee kan nama gaddisiisu ammoo raayyaan ittisaa kaabaa ummata Tigraayiif waan hintaane hinqaban. Daanshaa, Humaraarraa hanga Adigraatiifi Shireetti humnaafi horii qabaniin ummaticha gargaaruusaanii anumtuu nan beeka. Turtii koo keessattis raayyaan ittisa biyyaa harka qal’eessotaaf manneen jireenyaa ijaaraa akka ture odeeffadheera.

Bariisaa: Duula juunticharratti fudhatamaa ture ilaalchisuun akkaataa itti miidiyaaleen gabaasaa turan akkamitti ilaalte?

Daanyee  Abarraa: Waliigalaan haala miidiyaa yoo ilaallu gabaasa waraanaarratti ykn olaantummaa seeraa kabachiisuurratti muuxannoo kan qabanis kan hinqabnes ni jiru. Akka Itoophiyaattis muuxannoo gabaasa waraanaa hinqabnu. Kana jechuun qajeelfamni itti waraana gabaasan ni jira. Fakkeenyaaf, odeeffannoowwan hariiroofi walta’insa ummataa miidhan gonkumaa gabaafamuu akka hinqabne qajeelfama gabaasa waraanaa keessatti eerameera. Odeeffannoon dhimma nageenyaafi walabummaa ykn birmadummaa biyyattii waliin walqabatanis ni jiru. Isaan kunneen ammoo ofeeggannoo guddaa barbaadu.

Gama kanaan ani akka dhuunfaa kootti waanan taajjabe qaba. Isaan kunneen ammoo karaa miidiyaa kamuu gadi lakkifamuu kan hinqabne, garuu ammoo dogoggora uumamaa tureen hangi tokko gadi lakkifamaa turuu ilaaleen jira. Akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti garuu haaluma ofeeggannoo qabuun gabaasaa akka turame nan beeka.

Kanaaf mootummaan gara fuulduraatti miidiyaalee haala itti walitti bu’insiifi waraanni gabaafamuu qaburratti leenjii gahaa kennuu qaban jedha.  Ogeessota kaameraa suuraafi viidiyoofis haaluma walfakkaatuun leenjii kennamuun irra jiraata.

Akka waliigalaatti garuu gabaasni odeeffannoo Tigraayi haala ofeeggannoo qabuun karaa Sakretari’aatii Waajjira Ministira Muummee akka bahu taasifamaa ture. Odeeffannoowwan marti karuma  foddaa tokkootiin gurra ummataan akka gahu hojjetamaa ture jechuudha. Kun milkaa’ina guddaa ta’uusaan hubadha.

Bariisaa: Turtiikee keessati waanti addatti si mudate jiraa?

Daanye Abaraa: Eeyyee. Guyyaa tokko waaree booda Qollaa Tambeen deemne. Achi yoo geenyu lamaan keenyayyuu dadhabneerra. Loltootni raadiyoodhaan walqunnamaa turan. Koloneelli ajaja dabarsaa ture gara holqaatti seenaa jedhee wayita nu ajaju gareen juuntichaa marsaa jahaan boolla dahannaa qotachuusaanii adda baafanne.

Tulluu marsaa jahaan qotame san agarsiisuuf seennee suura akka kaasnu ajajamne. Humnooti juuntichaas tooruma sana akka jiran nutti himamee ture. Taatee kana suuraadhaan agarsiisuun murteessaa  waan ta’eef dirqamnee itti seenne. Kanaaf yeroo san lubbuu koo qabsiiseen itti gale. Garuu haala rakkisaa keessaan baraaramnee baaneera. Kun mudannookoo yoomiyyuu hindaganneedha.

Bariisaa: Suurawwan kaasaa turte keessaa caalaatti hawataadha kan jettu kami?

Daanyee Abarraa: Hanga ammaatti suuraawwan ani kaasee keessaa caalaatti miira namaa kan tuqan hedduudha. Isaan keessaa kanan yaadadhu, guyyaa tokko otuma raayyaan ittisaa humnoota badiirratti tarkaanfii fudhachaa jiruu madfiin gamasirraa dhukaafame wayita mataa keenyarra darbu suuraa kaaseera. Taateen sun daran na dinqa.

Guyyaa biraas gamoo guddaa tokko fuulduratti baqattootni Humaraa walitti qabamanii turan. Hedduunsaanii dargaggoota waan ta’niif maatiinsaanii eessa akka deeman hinbeekan. Ijoolleen waggaa afuriifi sagal ta’an lamas isaanuma waluma wajjin turan.

Raayyaan ittisaa ijoollee kanneen gara maatiisaaniitti erguuf wayita konkolaataa korsiisanitti ijoolleen sun fiiganii morma miseensota raayyaa ittisa biyyaarratti marmuun nagaa dhaammatan. Kana suuraa kaaseera. Suuronni kunniin hedduu natti tolu.

Bariisaa: Kallattii adda waraanaa kam kamfa’irratti bobbaate?

Daanyee Abarraa: Jalqabaaf kallattii Gondariin Daanshaarraa jalqabnee Ba’akar, Humaraafi Adigoshuurraan ammoo Takazee ce’uun Shiraaroo geenyeerra. Shiraarootti aansee Addahagaraayi jirti. Achumaan Addaribiilirratti waraanni yoo adeemsifamu dhukaasni meeshaalee guguddoo mataa keenyarra darbeera.

Yeroosan uffata siviilii uffannee waan turreef osuma miidhamneeyyuu namni abbaa kanaa nuun jedhu hinturre. Boodarra garuu uffata loltuu akka uffannu ajajamne. Achuma gaheen hojiilee hojjechaa turre qabachuun gara Gondaritti deebine jechuudha. Ergan Finfinneetti deebi’ee guyyoota sadii booda marsaa lammaffaaf gara Shireetti akkan deemu qajeelfamni naa kenname.

Bariisaa: Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dirqama biyyaa bahachuurratti akkamitti ibsita?

Daanyee Abarraa: Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa dirqama biyyaa ofitti fudhatee bahachuurratti miidiyaalee kaanirra filatamaadha jedheen amana. Miidiyaalee maxxansaa keessaa pireesii tokkicha qofatu ture. Miidiyaaleen biroodkaastii kanneen akka EBC, OBN, FBC, Waaltaafaan deemaniiru. Odeeffannoo miidiyaaleen kunneen dabarsan yeroo murtaa’eef qofa ture. Kan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa garuu gaazexaa waan ta’eef yeroo dheeraaf tureera.

Kunis sanada seenaa ta’ee tajaajiluuf gahee guddaa qabaata jedheen yaada. Kanaaf hoggantootni dhaabbatichaa caalaatti onnatanii hojjechuu qabun jedha. Hanga har’aatti Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa kaameraa suuraa dijitaalaa hinqabu. Maashinoota maxxansaa dhuunfaasaas hinqabu. Sochiiwwan gaggaariin eegalaman akkuma jiranitti ta’ee waantota hedduutu hafa. Kanaaf hoggansiifi hojjetootni dhaabbatichaa walta’insaan hojjechuun irraa eegaman jedha.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013

Recommended For You

531 Comments to ““Ummati Tigraay bal’aan mootummaa federaalaa deggara” -Ogeessa suuraa, Daanyee Abarraa”

  1. Pingback: fn exploit
  2. пин ап официальный сайт [url=https://1winci.icu/#]пинап зеркало[/url] пин ап официальный сайт

  3. en iyi casino siteleri [url=http://1wintr.fun/#]cazino[/url] dunyan?n en iyi casino siteleri

  4. пин ап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап официальный сайт

  5. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] medication from mexico pharmacy

  6. indian pharmacy online [url=http://indianpharm1st.com/#]india online pharmacy[/url] top online pharmacy india

  7. buy medicines online in india [url=https://indianpharm1st.com/#]top online pharmacy india[/url] Online medicine order

  8. пинко [url=https://pinupzerkalo.fun/#]Официальный Сайт[/url] pin up zerkalo

  9. Пин Ап Казино Официальный Сайт [url=https://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казахстан[/url] пин ап казино

  10. пин ап казино онлайн [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] пин ап кз

  11. reputable indian pharmacies [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] pharmacy website india

  12. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico online

  13. best online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] best online pharmacy india

  14. online medications [url=http://pharm24.pro/#]cheap medication[/url] comfortis without vet prescription

  15. indian pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] top 10 pharmacies in india

  16. reputable indian online pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]indian pharm 24[/url] best india pharmacy

  17. best ed supplements [url=http://pharm24.pro/#]cheap prescription drugs[/url] sildenafil without a doctor’s prescription

  18. en kazancl? slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]slot tr online[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  19. ultrabet bonus [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet tr online[/url] ultrabet guncel

  20. az parayla cok kazandiran slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  21. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]GabaPharm[/url] gabapentin GabaPharm

  22. buy gabapentin india [url=http://gabapharm.com/#]cheapest Gabapentin GabaPharm[/url] buy gabapentin india

  23. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharmgate.com/#]Mexican Pharmacy Gate[/url] mexican drugstore online

  24. mexican rx online [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexicanpharmgate.com[/url] mexican mail order pharmacies

  25. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy online medications[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  26. indianpharmacy com [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Best online Indian pharmacy[/url] best india pharmacy

  27. buy Clopidogrel over the counter [url=https://plavixclo.com/#]Plavix Clo[/url] Cost of Plavix on Medicare

  28. buy Lisinopril 1st [url=http://lisinopril1st.com/#]buy Lisinopril 1st[/url] discount zestril

  29. pinup kazi [url=http://pinup-kazi.ru/#]пин ап вход[/url] пин ап зеркало

  30. пин ап зеркало [url=https://pinup-kazi.ru/#]пин ап казино[/url] пин ап вход

  31. top 10 pharmacies in india [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] india pharmacy mail order

  32. buy prescription drugs from india [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] pharmacy website india

  33. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  34. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Pharm Easy[/url] mexican mail order pharmacies

  35. reputable indian online pharmacy [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] online shopping pharmacy india

  36. buy medicines online in india [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] india pharmacy

  37. top 10 online pharmacy in india [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  38. Misoprostol 200 mg buy online [url=https://cytotec.top/#]buy cytotec pills[/url] buy cytotec

  39. lisinopril cost canada [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril 125 mg[/url] lisinopril 5 mg for sale

  40. zithromax capsules [url=https://azithromycinus.com/#]generic zithromax medicine[/url] zithromax z-pak price without insurance

  41. buy cipro without rx [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]buy generic ciprofloxacin[/url] buy cipro online canada

  42. Misoprostol 200 mg buy online [url=http://cytotec.top/#]buy misoprostol over the counter[/url] cytotec buy online usa

  43. zithromax buy [url=https://azithromycinus.com/#]generic zithromax medicine[/url] buy cheap generic zithromax

  44. clomid pill [url=https://clomid.store/#]how to get clomid without prescription[/url] where to get clomid without rx

  45. buy cytotec over the counter [url=https://cytotec.top/#]Abortion pills online[/url] buy cytotec over the counter

  46. ciprofloxacin 500mg buy online [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]where can i buy cipro online[/url] cipro online no prescription in the usa

  47. cytotec online [url=https://cytotec.top/#]cytotec abortion pill[/url] п»їcytotec pills online

  48. ciprofloxacin generic [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]ciprofloxacin mail online[/url] where can i buy cipro online

  49. Purchase Cenforce Online [url=https://cenforce.icu/#]Cenforce 100mg tablets for sale[/url] cenforce

  50. пин ап зеркало [url=http://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап казино

  51. пин ап казино [url=http://pinup2025.com/#]pinup2025.com[/url] пин ап казино зеркало

  52. 100 tl deneme bonus veren bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]video siteleri listesi[/url] gercek para kazandД±ran casino oyunlarД±

  53. slot siteleri [url=http://slottr.top/#]slot siteleri[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  54. пин ап [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап казино официальный сайт

  55. bonus veren yasal bahis siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]en yeni bet siteleri[/url] en iyi bet siteleri

  56. slot tr online [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  57. пинап казино [url=http://pinup2025.com/#]пин ап казино зеркало[/url] пин ап зеркало

  58. en saДџlam bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]deneme+bonusu+yeni[/url] +18 canli yayin siteleri

  59. reputable indian online pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]Top online pharmacy in India[/url] india pharmacy

  60. best india pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]Online medicine home delivery[/url] cheapest online pharmacy india

  61. errectile dysfunction [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada pharmacy online[/url] natural ed cures

  62. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacies that ship to the United States[/url] buying from online mexican pharmacy

  63. india pharmacy mail order [url=http://indiapharmi.com/#]Best online Indian pharmacy[/url] indian pharmacy

  64. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]mexicanpharmi[/url] buying prescription drugs in mexico online

  65. indianpharmacy com [url=http://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] pharmacy website india

  66. cheap clomid pills [url=http://clomidonpharm.com/#]how to get generic clomid tablets[/url] how to get clomid without a prescription

  67. prednisone 10mg for sale [url=http://prednibest.com/#]PredniBest[/url] prednisone 20 mg generic

  68. where to get prednisone [url=https://prednibest.com/#]prednisone 475[/url] prednisone canada pharmacy

  69. cheap amoxicillin 500mg [url=https://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] where to buy amoxicillin 500mg without prescription

  70. prednisone 10mg [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] no prescription prednisone canadian pharmacy

  71. online prednisone [url=https://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone 20mg price in india

  72. where can i buy amoxicillin without prec [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin 500mg for sale uk[/url] amoxicillin tablet 500mg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *