Miidiyaa keessatti qajeelfamni koorniyaa idileessuuf gargaaru Afaan Oromootiin qophaa’aa jira

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Abbaan Taayitaa Birodkaastii Itoophiyaa miidiyaa biyyattii keessatti korniyaa idileessuuf qajeelfama Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaan qopheessuusaafi afaanota biroottis dhiheenyatti kan hiikamu ta’uun ibsameera.

Daarektarri Dhimma Korniyaa abbaataayitichaa Aadde Dureettii Taaddasaa ibsa kaleessa dhimmciharratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waajjirrisaanii rakkooleen korniyaa akka furamaniif dhaabbilee garaagaraa wajjin hojii bal’aa hojjechaa kan jiru yoo ta’u, miidiyaalee biyyattii keessatti rakkoo walfakkaataan waan mul’atuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.

Waggoota sadan darbanitti dhaabbata ‘UN Women’ jedhamu waliin rakkoolee jiranirratti erga qorannoo gaggeessee booda, argannoo argamerraa ka’uun, karoora qabatee hojjetaa akka jirus ibsaniiru.

Miidiyaa biyyattii keessatti keessumaa dubartoota gara hoggansaatti fiduurratti hanqinni jiraachuus eeranii, kun akka furamuufi dhaabbilee hunda keessatti haala walfakkaatuun akka hojjetamuuf qajeelfamni qophaa’uu addeessaniiru. Qajeelfamicharrattis ogeessota miidiyaaf yeroowwan garaagaraatti leenjiin kan kenname ta’uufi leenjiin hoggantoota miidiyaaf kenname garuu quufsaa waan hintaaneef kallattiin fuulduraa kaa’amuu  daarektariittiin beeksisaniiru.

Keessumaa qajeelfamni Afaan Oromootiin sadarkaa gulaallii xumuraarra jiraachuufi dhihootti maxxanfamee miidiyaaf kan raabsamu ta’uu Aadde Dureettiin ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013

Recommended For You

3 Comments to “Miidiyaa keessatti qajeelfamni koorniyaa idileessuuf gargaaru Afaan Oromootiin qophaa’aa jira”

  1. Pingback: spin238
  2. Pingback: luckyvip77

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *