Obbo Asfaawu Tunee: Nama MNO hundeessuu keessatti shoora guddaa taphatanii amma dagataman

Saamraawiit Girmaatiin

Keessummaan keenya maxxansaa kanaa hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti nama qooda olaanaa bahataniifi ammaan tana maanguddoo waggaa 65ti. Garuu jireenyisaanii bu’aa ba’ii hedduu keessa kan darbeefi amma dagatamanii jiraniidha. Mudannoofi muuxannoo jireenyasaanii isaan nutti himan akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Bariisaa: Mee walhaa barru.

Obbo Asfaawu: Maqaan koo guutuun Asfaawu Tunee Qixxeessaa jedhama. Kanin dhaladhe Magaalaa Naqamtee, iddoo Bakkee Jamaa jedhamutti. Barnootakoos hanga kutaa 12fatti achumattin baradhe. Bara 1964 qormaata 12fa fudheen bara 1965 Yunvarsitii Qadaamaawii Haayilasillaasee (Yunvarsitii Addis Ababaa ammaa) seene. Akkuma waggaa tokko baranneen barri 1966 yeroo qabsoo barattootaa waan tureef sagantaa Dargiin “Idigat Bahibrat” jedhuun naannawa Bulgaa jedhamu deeme. Haala kanaan bara 1969 dabballee ‘Ma’eesoon’ ta’ee waggaa tokkoof Naqamteetti hojjedhe. Baruma sana dhuma waggaarratti Dargiin na hidhe.

Bariisaa: Maaliif hidhamtan?

Obbo Asfaawu: Mormii Dargiitiin Bosona Joorgoo jedhamu keessatti hiriyootakoo waliin qabsoo hidhannoo jalqabuuf waan sochooneef nu hidhe. Qabamnees Finfinnee dhufne. Bakka ‘Araattanyaa Kiflaxoor’ jedhamutti waggaa shan hidhamne. Waggaa shan booda jaalleewwan keenya kaan ajjeefamanii warri hafne baanee bara 1975 barumsatti deebine. Bara 1978 eebbifamee barsiisummaadhaan akka moggaasa yeroo sanaatti Sidaamootti ramadame.

Hiriyootakoo koo wajjin, “Akkuma eebbifamnee baaneen Wallaggatti deebinee qabsoo ittifufna jennee” turre. Sababuma kanaan bakka barsiisummaaf ittiramadame dhiisee ijoollee biroo wajjin maallaqaan waljijjiirree Wallaggatti galee hanga bara 1982tti Gimbiitti barsiisaa ture.

Isas namoota ‘Isapaa’ (Paartii Hojjettoota Itoophiyaa) keessa jiran wajjin waan walii hingalleef bara 1983 jijjiiramee Naqamteetti galee mana barumsaa yommus ‘Maskaram Hullat’ (amma Biiftuu Naqamteetti) barsiisuu eegale. Utuman achii barsiisaa jiruu mootummaan Dargii kufee ADWUIn seene. Yeroo kana ani rakkina keessan bu’e. Kun anaaf seenaakoo siyaasaa isa lammaffaadha jechuudha.

Bariisaa: Maaltu rakkina keessa isin buuseree?

Obbo Asfaawu: Yeroo sana naannawa sana kan ture DhDUOfi ABOdha. Jaarmiyaaleen lamaanuu dhaaba Oromooti. Lamaanuu ofitti na dabalachuu barbaadu. Yeroo sana ejennoo lamaanittuu hindabalamu jedhuun qaban ture.Sababnisaas ABOn ejjennoo, “Barnoonni Bilisummaa Booda” jedhu qaba ture. Animmoo “Bilisummaan Barnoota Booda” jedheen morma.

Kanarraa kan ka’e yeroo sanatti haala guutuu Itoophiyaa jechuun danda’amutti manni barumsaa cufaa ture. Ani garuu yeroo sana ijoollee kutaa 10fa dareewwan shan Baayoolojii barsiisaan ture. Barattoonni koo gaaftokkollee barnoota hindhaabne. Waan daran na jaallataniif naa abboomamus turan.

Sababniisaas barnoonni Baayoloojii Ingiliffaan kennama. Ani garuu akka galuufiif Amaariffatti, darbees Afaan Oromootiin ibsaafiin ture. Kunimmoo seeraan ala. Gochi koo kun ABO wajjin walitti na buuse. Ijoolleen ABO baay’een warra yeroo yunvarsitiitti waliin turre waan ta’aniif akka namoota biroo tarkaanfii narratti fudhachuun hinbarbaanne. Garuu  akkan barsiisuu dhaabu dhiibbaa narratti taasisan.

Kanumaan otoon kallattiin miseensa hinta’iin ‘OPDO’tti makame. Isaanis gammachuudhaan na fudhatan. Raawwachiiftuu hojii ta’ee filatamees Finfinnee dhufe. Ana malee namoonni 18bakkawwan garagaraatii filatamanii dhufaniiru. Kanaanis Obbo Hasan Alii Pirezdaantii, Obbo Katamaa Wayyeessaa Pirezdaantii ittaanaa, animmoo Barreessaa taanee filatamne.

Namoota 19nkanneen keessaa Katamaan amma hinjiru, Hasan ammoo biyya alaa jira. Namoonni hedduun lubbuusaanii dhabaniiru. Warreen lubbuudhaan jiranis jireenyisaanii nama gaddisiisa. Maaliif nama gaddisiisa seete namoonni kunneen Birokraasii Oromoo ammayyaawaafi kan hunda hammate ijaaraniiru. Oromiyaan yommuus Gadaa Gadaadhaan haa bulu malee bulchiinsa tokko jala hinturre. Nuti garuu seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif mootummaa Oromoo tokko ta’e ijaarre.

Bariisaa: Mee haala yeroo sana ture akkamiin yaadattu. Waan haaraa lafaa kaasanii ijaaruun hinulfaatuu?

Obbo Asfaawu: Kan nama dinqu namoonni raawwachiisummaa hojiitiif filatamanii dhufan kunneen filatamaniidhuma dhufan malee akka Finfinneetti hafanillee hinbeekan. Maatiinsaanis hinbeekan. Xiqqooshee barnootaafi muuxannoo siyaasaatiin fooyyee kan qabu anaafi Hasan Alii turre. Wanti ‘Ihaadeg’ (ADWUI) nuu kenne ibsa qofa. Isa kaan nutu hojjete jechuudha. Hojii hojjennuuf garuu biiroon nuuf hinkennamne, bajatni ramadame hinjiru.

Hojjechuuf rakkannaan waajjira OPDO yeroo sana Gullallee turerraa kutaa tokko namoota 19f nuu kennan. Namni hammi kun kutaa tokko keessatti hojjechuu hindanda’u. Namni baay’een maallaqa of harkaa hinqabu, wayyaadhuma jijjiirratullee fidatee hindhufne.

Mindaan hinjiru, manni jireenyaa hinjiru. Kanarraan OPDOdha jedhamanii rukutamuus miidhamuus ni danda’u. Yeroo kana ani, Hasan, Baacaa Dabalee, Baqqalaa Nurfataafi Taaboor Dhaabaa qofti hafnee warri kaan gara dhufanitti deebi’an goone.

Yommuu hojii kana hojjechuuf murteessinu manas ta’e konkolaataa hinqabnu. Yeroo kana ministira muummee yeroo sanaa (Taammiraat Laayinee) bira deemee waan jiru hunda ittihimnaan xalayaa naa barreessee waajjirri naannawa Filaamingoo jiru (maqaasaa sirritti yaadachuu baadhus Biiroo Teekinika Qonnaa jedhamu) akka nuu gadhiifamu ajaje.

Kaniin jiraadhu qabsaa’ota gara 15 ta’an waliin Xoorhaayiloochi. Dhimma kana raawwachiisuuf qofa gara torban lamaa miila kootiin manakoorraa ka’ee waajjira ministira muummee, achii Filaamiingoo deddeebi’aan ture. Haala kanaan ifaajjii guddaadhaan biirichi nuu kenname.

Isaa boodammoo danqaa biraatu nu mudate. Warri dura keessa turan meeshaalee mana fincaanii keessaallee osoo hinhafiin caccabsanii deeman. Furtuullee balbalarraa buqqisanii bilbila tokkittii dhiisanii deeman.

Bariisaa: Maaliif laata?

Obbo Asfaawu: Biirichi harkaa fuudhamuusaarra Oromoof kennamuusaatu isaan aarse. Haa ta’u jennee fudhanne. Wanti irra taa’anii hojjetanis rakkisaa ta’e. Yoona kana Markaatoo deemee daldaltootan beekurraa qarshii kuma tokkoofi 500 liqiffadhe. Isaan konkolaataa fe’umsaa kireeffadheen Gullalleedhaa minjaalota lamaafi barcumoota saddeet eeyyamsiifadhee, taayippiraayitarii tokkommoo humnumaan fe’ee fide. Meeshaalee kanneen namootuma achi hojjetan kadhadheen fe’adhee. Amma egaa waajjira qabna, barcuma qabna, garuu furtuu hinqabu. Ta’us akkuma jirutti dabareedhaan itti hojjechuu eegalle. Namoota geggeessines waamnee mana jireenyaa kontiraata fuuneef.

Bariisaa: Bajata eenyuutiin?

Obbo Asfaawu: Waanuma qabnuun kontiraata fudhanne. Maal goonaree, Filatamnee dhufnee gatamne hoo? Kana booda waajjiraalee adda addaa keessa hojjetan akka naa sassaabanin godhe. Hojii kana keessatti Obbo Hayilee Gabree deggarsa guddaa taasisan. Namoonni akka Asaffaa Afataa (Hogganaa Biiroo Qonnaa isa jalqabaa), akkasumas Kaffaaloo Balaachoo (hogganaa Biiroo Haqaa kan tuan) jedhamamnis  hojii guddaa hojjetan.

Waa’een bajataa waan bowwoo guddaa nutti ta’eef nama yeroo sana ministira maallaqaa turan Obbo Alamaayyoo Dhaabaa jedhama. ittaanaanii Wandoosan Kabbadaa jedhamuufi Koree Giddugala ‘Bi’aadeen’ (Sochii Dimokraasummaa Saba Amaaraa) biran deeme.

Bariisaa: Hamma kana lafoodhuma deddeebi’aa turtan moo konkolaataa wayii argattan?

Obbo Asfaawu: Kana giddutti Ibraahim Malkaa konkolaataa lama qaba ture. Tokko akka naa kennu gaafadhee naa kenne. Ani waanin konkolaachisuu hindandeenyeef hiriyaakoo tokko Naqamteedhaa fidadhee isa wajjin waan hunda hojjechuu eegalle.

Wandoosan qarshii liqii gaafannaan, “Isin Oromoonni baay’ee ariifattan” naan jedhe. Mallasis, “Gammoojjii teessanii caasaa ijaarrattaniiyi”? nuun jedha ture. Nuti ji’a afuritti mootummaa ijaaruu kan fixne.

Wandosan ministiricha haasofsiisi naan jennaan waanin sodaa hinsodaanneef dhaqee Obbo Alamaayyoo dubbise. Innimmoo gara Wandosanitti na deebise. Booda lamaansaanii walitti fidee qarshii miliyoona tokko liqiidhaan akka argannu murteessan.

Gaafa qarshicha nuu kennan koree faayinaansii ijaarreen herrega baankii banannee akka isaan sochoosan goone. Gaafan kana raawwachiiftuu hojiitti gabaasu daran dinqisiifatan. Erga qarshicha argannee biirolee hundeessuutti ceene. Baay’ina biiroleefi hoggantoonni godinaalee hundarraa akka qooda fudhatan murteessine.

Otoo haaluma murteessineen ramadaa jirruu ijoollee Jimmaa dhabne. Kanaanis biiroleen lama ji’oota ja’aaf hoggantoota malee turanii booda federaalarraa namoonni lama ramadaman.

Ji’a Mudde bara 1985 walga’ii Caffee isa jalqabaa qopheessine. Achirratti murtoowwan guguddaa dabarsine. Inni jalqabaa alaabaa naannoo Oromiyaa murteessuudha. Alaabaa sana qopheessuuf koreen ani hogganu hundeeffamee ture. Koricha keessa pirezidaantiin Itoophiyaa duraanii, Girmaa Waldagiyoorgiis, Doktar Abarraa Ashinee, Taaboor Dhaabaafaa miseensa turan.

Ani amma gaafa namni alaabicha tuffatu baay’ee natti dhaga’ama. Sababnisaa alaabichi akka laayyootti kan kalaqame waan hintaaneef. Doktar Abarraan huccuu moofaa ciccittuu xiqqoo tokko fidee dhufe  waraqaa moofaa mana murtii Konyaan Cilaaloo nutti kenne. Amma sirriitti hin yaadadhu, garuu xalayichi baroota 1950ta keessa barreeffame.

Innis namoonni sadii otoo alaabicha qabatanii deemanii poolisiin qabee ‘alaabaa ebeluuti’ (maqaa Oromoo hinibsine dhahee) jedhee mana murtiitti dhiheessee waggaa shan shan kan itti murteesseedha. Ka’umsi keenya isa ture. Alaabichi gurraacha, adiifi diimaa yoo ta’u, nuti kan itti daballe kan Oromoo ta’uunsaa salphumatti akka adda ba’uuf Odaa qofa. Kanaafis ittigaafatamummaasaa fudhee hiikasaa qopheesse.

Lammaffaa, Aasxaa murteessine. Isas anumatu boce. Koree raawwachiiftuu hojiifis ibsa kennee fudhatama argate. Yeroo sana Oromiyaan naannoo afur jedhamee waamama ala wanti ragga’e hinturre. Maqichis kan ragga’e walga’iidhuma jalqabaa kanarratti. Akkasumas Caffee Oromiyaas yeroosuma ragga’e. Jechi ‘Caffee’ jedhamu yeroo sana mormii guddaa nutti kaasisee ture.

Murtoo seena qabeessi biroon Afaan Oromoofi qubee Afaan Oromootiin hojjechuudha. Kanarratti waliigaluuf guyyoota sadii nutti fudhate. Akkasumas teessoon Oromiyaa Finfinnee ta’uunis ni murtaa’e.

Bariisaa: Yaa’icharratti kan hirmaatu miseensota OPDO ta’ee otoo jiruu akkamiin dhimma Oromoorratti falmiin hamma kanaa ka’uu danda’e?

Obbo Asfaawu: Miseensonni OPDO Oromoo qofa miti. Kan dhokatee achi keessa taa’ee nu basaasus tureera.

Gaafa guyyaa sadaffaa kilaasarii bitadheen qaqal’isee muree Amaariffa keessaa jecha qubee lamaan barreeffamu tokko fudhe. Jechichi gaafa Afaan Oromootiin barreeffamu haala addaddaatiin barreeffama. Jecha ‘በላ’ (Ballaa/balaa/bal’aa) jedhamus guddisee barreesse. Yoo qubee Saabaatiin barreessine  jecha dheeratu, gabaabbatu, jabaatuufi laafu addaan baasuun rakkisaadha ta’uu waltajjiirratti ibseef. Yoona kana mormii tokko qofaan yaadichi ragga’e.

Heerris walga’iidhuma kanarratti ragga’e. Kanas Hasan ittigaafatamummaasaa fudhatee Mohaammad Qopheetiif kenne.

Biirolee hundaa’aniif labsiifi danbiin qophaa’eera. Kana labsuuf ammoo Gaazexaan Magaalataa akka qophaa’u murteessine. Jecha kana anatu dhiheessee ragga’e. Jechichi Booranatti kan beekamu yoo ta’u, hiiknisaa ‘Nagaariit’ jechuudha.  

Yommuu murteewwan kanneen murteessinuu rakkoolee booda dhalachuu malan dursinee adda baasne furmaata keenyeerra. Fakkeenyaaf gaafa afaan hojii naannichaa Afaan Oromoo ta’u, kan barnootaas ni dabalata. Oromiyaa keessammoo sabootaafi sablammoota garagaraatu jira.

Kanaaf isaanirratti dhiibbaa uumuu akka hinfakkaanneef mana barnootaa hawaasaa ofiisaanii akka banachuu danda’an; yoommoo humnasaa hinqabne manneenuma barnootaa Afaan Oromoo keessatti kutaan addaa akka qophaa’u kallattii keenye.

Bariisaa: Walga’iin jalqabaa Afaan Oromootiin taa’amee? Dokimantooni hoo qubee kamiin dhiyaatan?

Obbo Asfaawu: Walga’iin Afaanuma Oromootiin adeemsifame. Wantoonni barreeffamanii dhihaatanis akkanuma. Ani durseedhuman ijoollee qubee barsiisuu danda’an qopheessee biiroo keessatti hojjettoonni galgala sa’aatii 10:00 hanga 11:00tti akka baratanin taasise.

Hojiiwwan kanneen hunda yommuu raawwannu quuqama Oromummaatiin malee kanfaltiin addaa argannu hinturre. Anis hanga kana of kennee kanin hojjedhe isaa booda akkan achi hinturre waanin hubadheefi. Dhumarratti anaafi ADWUI gidduutti walitti bu’iinsi uumame.

Bariisaa: Walitti bu’iinsa akkamii?

Obbo Asfaawu: Yeroo sana naannoleen hundi hundaa’anii Naannoo Somaalee qofti waan hafeef isa hundeessuu eegalan. Kanaafis yaa’ii hundeessitootaa waamuuf qophiirra akka jiraniifi Dirre Dhawaa magaalaa guddoo naannichaa taasisuuf akka yaadan odeeffannoon na ga’e. Koree raawwachiistuu hojii waamee kun tasumaa ta’uu akka hinqabne irratti waliigallee, qaboo yaa’iirratti mallatteessine adda baane.

Odeeffannoo nu ga’e ka’umsa godhachuun xalayaa, ‘Lafti kan Oromoo waan ta’eef murtii akkanaatti yoo seename ummataaf waamicha goona’ yaada jedhu eeree Mallasiif ba ykan jedhu barreesseen Mallasiif barreesse. Kunis dubbii guddaa ta’e; Hasan waamanii doorsisan. Kana booda mallattoo Asfaawuun xalayaan tokkollee akka hinbaane jedhaniis akeekkachiisaniin.

Hasan raawwachiiftota hojii waamee dheekkame. Anis wiixinee xaliyichaa argee akkan qajeelcheefi miseensonni hundi yaada irratti kennanii qaboo yaa’iirratti mallatteessuusaanii itti hime. Kanaaf yoo ittigaafatamatu dhufa ta’e hunda keenyatu gaafatama. Kanarraa kan hafe eenyuyyuu ajaja akkanaa dabarsuu akka hindandeenye ittihime. Sababnisaas seera ittiin bulmaataa keenya raggaasiifanne keessatti xalayaan Waajjira Caffee kamuu kan ba’u karaa barreessaatiini jedhu qabna. Yoo hinta’u jettan hojiin dhaaban jedheen. Kunimmoo isaaniif rakkisaadha, hojii baay’ee kan hojjetuuf waan ana tureef.

Akka waliigalaatti mootummaan federaalaa dhiibbaa addaddaa nurratti taasisa. Wanti barreeffamee taa’e hinjiru, deggarsi nuu taasisan hinjiru. Garuummoo nu ajaju barbaadu. Keessumaa ‘TPLF’ dhiibbaawwan garagaraa nurratti taasisa. Yeroo biraammoo maashinaroota ijaarsaa Oromiyaa keessa jiran hunda hammam akka ta’an barreeffamaan akka isaanii kenninuufi yeroo barbaadametti akka fudhataman nuu ibsan. Ani hindanda’amu jedheen dhawwadhe.

Guyyaa biraa ittaanaan Mallas, Tawalda jedhamu naa bilbilee, Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaadhaan gatiin bunaa meeqa akka ta’e akkan gabaasuuf natti hime. Kanas jalaa hinqabne..

Inni cimaan bara 1986 walakeessa ji’a Fulbaanaatti utuun waajjira keessa jiruu, galgalaa naannawa sa’aatii 12:00 utuun hin yaadiin balballi biirookooti banamee namni ol seene. Ani hojii ganamaan seenee dhiisifadheen ba’a. Waajjirri keenyammoo waardiyyaas hinqabu. Kanaaf namni si miidhuu barbaade haaluma salphumatti si argata.

Dubartiin guddoon tokko fiigaa dhufanii miilakootti kufanii “maaloo na oolchaa” jedhanii na kadhatu, Amaariffaan. Anis miila koorraa kaasee maal akka ta’an gaafadhe. Baatuudhaan dhokodhee dhufe, na ajjeesuuf na barbaadaa jiru naan jedhan. Eenyuu akka ta’an gaafannaan raayyaa ittisaa  ta’uufi ABOdha ittiin jedhanii akka isaan qabuuf ka’an natti himan. Tasgabbeessuuniin jalqabe.

Mee waan isinirra ga’e Afaan Oromootiin natti himaa jennaan hinbeeku naan jedhan. ‘Isinoo afaan hinbeektanii akkamiin ABO isiniin jedhuree’ jedheen shakkiitti gale. Dhaloonnisaanii Salaalee akka ta’eefi ijoollummaadhaan achii ba’anii Baatuudhaa Hoteela Wubituwaa Salaalee jedhamu akka qaban natti himan.

Akkumasaanii namoonni hedduu ABOdha jedhamanii akka hidhamaniifi isaanis hojjettuu fakkataanii miliqanii akka ba’an, magaalota ollaattis namoonni 980 hidhamanii akka hidhaman natti himan.

Ergan tasgabbeessee konkolaatadhuma kootiin mana firasaanii geessee, ganamatti isaan beellamee gale. Taatichas Siyyeetti bilbilaan hime. ‘Maaree ABOn hinhidhamumoo’ naan jedhe. Namni kan hidhamu yakka hojjeteen malee ilaalcha siyaasaatiin miti, yoo balleesse OPDOn iyyuu ni hidhaman jedheen.

Kan biraa gaafa raayyaan seenee namoota hamma kana hidhu ani beekuu hinqabuu? jedheen. Kanaaf adeemsichi sirrii akka hintaaneefi jarri akka hiikaman, ta’uu baannaan ofiikoo akkan hiiksisu itti hime.

Akkuman jedhe ganamasaa waajjiratti koree ijaaree unka qopheessee wabiidhaan hiiksise. Kun ta’ee guyyoota sadii booda hojiirraa na dhaaban.

Kan daran nama gaddisiisu mana jireenyaa mootummaa keessa jiraadhu guyyoota sadii keessatti akkan gadhiisee ba’u taasifamuu kooti. Kun akka ta’uuf kan gaafate Oromiyaadha. Yeroo baay’ee orma komanna malee rakkoon numa bira jira. Gaafa Siyyeenfaa hojiirraa na dhaabsisanis ta’uu yeroo dhiibbaawwan addaddaa narra ga’u utuu warri keenya narraa dhoowwaniiru ta’ee homtuu hinta’u.

Utuu namni ija jabinaan dura dhaabbatu jiraatee jarri akka Oromoo sodaatan kan biraa hinsodaatan. Gaafa yaadni tokko dhufu Oromiyaan maal jedhe jedhanii hojiisaanii achiirraa ka’u, hamma kana nu sodaatus, nu kabajus turan. Kan of tuffachiise garuu numa, mataa keenya. Haala kanaanin hojiikoos Finfinnees dhiisee baadiyyaatti galee jiraachaa turee dhiheenya kana Finfinneetti deebi’e.

Bariisaa: Baruma sanaa kaatanii baadiyyaatti galtanii?

Obbo Asfaawu: Lakki takka tureera. Ikkolojistii ta’een Komishinii Jijjiirama Qilleensaafi Eegumsa Naannawaa keessa ogummaa kootiin hojjechaa ture; isumayyuu dhiibbaa keessatti.

Yeroo tokko leenjiin Afrikaa Kibbaatti taasifamu tokko dhufnaan nama ramadan. Booda leenjichi Itoophiyaatti jijjiirame. Leenjichi ji’oota lamaaf kan turu yoo ta’u, namni isaan ramadan didnaan anaan dhaqi jedhan.

Ani garuu carricha ittinfayyadame. Leenjicharratti biyyoota 24tu hirmaata. Carraa gaggeessuus argadhee achumaan neetworkiin tokko akka hundaa’u godhe. Isa keessatti miseensa hundeessaa ta’e. Carraan yeroos uummadheenin hojjechaan jira, sababa kootiin qonnaan bultoonni 30  Jarman deemanii leenjii fudhataniiru.

Bariisaa: Gara baadiyyaa yoom deemtan, baadiyyichoo eessa?

Obbo Asfaawu: Utuun garas hindeemiin dura digrii lammataa ‘Regional Local Development Studies’ barachuufan Yunvarsitii Finfinnee seene. Kun bara 1997, gaafa Abbaan Duulaa pirezdaantii ta’eedha. Yeroo kana akkan kominikeeshinii hogganu na gaafatan. Kan nama dhibu kana dura si’a torba carraa barnoota bilisaa argannaan na dhawwataniiru. Kanaaf waamichasaanii hinfudhanne.

ADWUIn dhaabbata beeksisaa ‘Shaalaa’ jedhamu qaba. Dhaabbatichi waan nama barbaada tureef Mallas na eere. Dubbii keenyarratti Mallas wajjin walitti dhihaanna. Bara tokko yunvarsitii tokko seenne. Gaafa isaan qabsoo barattootaatiin biyyasaaniitti deebi’anii bosona seenan nutis bosona seennee turre. Dandeettiikoofi si’aa’inakoo sirriitti beeka ture. Achii sagaleen itti kennamee namni hundi deggaree Abbaa Duulaa qofti sagalee hinkennine.

Yommuu sagalee kennuu dhiistummoo waan sababa gaafatamtuuf, “Asfaawu hojicha ni danda’a, garuu tole nuu hinjedhu” jedhaniin. Hundaafuu hojmanee kana Abbaa Duulaan fudhatanii akka na gaafatu waliigalan.

Galgalasaa akkan hindidneef namoonni adda addaa natti ergamnaan innumti maaf na hingaafatu jedheen. Torban lama guutuu Abbaan Duulaa otoo na hingaafatiin turanii gaaf tokko naa bilbilanii didnaan ‘ni mari’anna koottu’ naan jennaan ‘ani birookraasii waajjirichaa waanin hinbarbaanneef guyyaa Sanbataan dhufan’ jedheen. Isaanis haala kanaan waajjirasaanii na dubbisan.

Isa booda hojiilee addaddaa naa kenname. Ministira Dargaggootaafi Ispoortii, Dhaabbata Raadiyoofi Televizhinii Itoophiyaafaatti akkan hojjedhu na filachiisan. Isa kaan dhiisee kan Shaalaa garuu dhaabbata dhuunfaa waan ta’eef nan hojjedha, garuu kaappitaala dhaabbatichaa qarshii miliyoona 45 keessaa sheerii (qooda) qarshii miliyoona tokkoo naa kennaan jedheen.

‘Akkamitti dhaabarraa sheerii gaafatta’ naan jennaan ‘dabbaloonni baay’een qabeenya ijoollee ijoollee keessaniif ga’u horattanittu, ani garuu baankiidhaa dumbulloollee hinqabu. Ijoolleen koo utuu mindaan narraa dhaabbatee waan nyaatan hinqabanin’ jedhe. Innis aniifi Ibraahim akka paartii mormiituu ijaarre socho’aa turre natti kaasnaan, kunis sababa ADWUItiin akka ta’een itti hime. Kanaan waliigaluu dadhabne.

Bariisaa: Dhuguma paartii dhaabdanii turtan moo?

Obbo Asfaawu: Eeyyee, anaafi namni Ibraahim Malkaa jedhamu Paartii   Bilisummaa Oromoo jedhamu hundeesinee turre. Ibraahim nama cimaa barreessaa ittaanaa OPDO tureedha. Ta’uus kara maatii, haadha warraa ta’anii nu diigan. Kunis dubbii natti cimse. Sababa kanaan haadha ijoolleekoo lamaa waliin adda baaneerra. Ibraahimis akkasuma maatiisaatiin adda ba’eera.

Kanaa booda waa hundi natti cimnaan bara 1999 barnootakoo xumuree kitaabaafi wayyaakoo qofa fudhee bakka dhaloota koo, Limmuu Gannat deeme. Qorannoo digrii lammaffaakoos achumattin gaggeesse. Argannoo qorannookootiin naannawichi humna guddaa akka qabu adda baaseera. Bunnisaanii beekamaadha. Garuu waggoota 24f gabaa addunyaatti dhihaachaa hinturre maqaasaatiin. Buna Limmuu kuntaala tokko bitanii isa kaaniin makanii gurguru.

Kanaaf gaafan qorannookoo hojjedhu sana isan furmaata jedhee kaa’een hojiitti hiikee fandii itti barbaade. Ejensiin Misooma Gabaa Oromiyaammoo pirojektii kana hojiirra akka naa oolchun taasise. Kana Abbaan Duulaas waan beekaaniif isaantu eeruu naa kenne. Haala kanaan waggaa tokkoof qarshii miliyoona 1.8 argadhe.

Gaafa qarshiin kennamu sana, daarektarri dhaabbata ‘OXFAM’ kan fandii nuu gadhiisan ayyaana Qilleetiif biyyasheetti galuuf jetti. Galgala deemuuf sa’aatii 8:00tti akka dhaqne qarshicha fudhannu nu beellamte. Na dhiisanii warri misooma  gabaa deeman. Isheenis Asfaawu dirqama dhufuu jetteen. Booda dhufanii na gaafatan. Haala kanaan darbe jechuudha.

Bariisaa: Bara 1999 erga Limmuu deemtanii booda waggaa 12 turtanii akka as deebitan natti himtaniittu. Maaliif deebitan? Pirojektiin keessanoo?

Obbo Asfaawu: Pirojektichi rakkoo baay’ee keessa na buuse. Yeroon deeme bunni kiiloon qarshii tokkoofi saantima 50. Erga pirojektichi deemee faranjiin buna bituutti kaatee waggaa tokko keessatti qarshii torba gale. Har’a garuu 27 galeera. Daldaltoonni naannawa sanaa nan hubanne. Waanin faayidaakoof hojjedhu itti fakkaate. Ani garuu miindaakoo malee waanin argadhe hinqabu.

Yaadni koo qonnaan bultoonni sadarkaadhaan akka fayyadamaniidha. Haala kanaan qonnaan bultoonni xixiqqoo haalan fayyadamaniiru; jireenyisaanii jijjiirameera. Inni biraammoo warri lafa guddaa qaban immoo caalaatti fayyadamoo akka ta’an ture, walitti naa qabachuu hindandeenye.

Achii abbaa qabeenyaa wajjin waliigallee ani ogummaakootiin lafa bunaa fudhachuutti kaane. Ta’us dhiibbaan duraa na biraa hinhafne. Hogganaa Waajjira Invastimantii Godina Jimmaatiif lafti akka nuu hinkennamne akeekkachiisni kenname. Kanaaf lafichi seeraan nuu mirkanaa’uu hindandeenye. Garuu buna dhaabneerra. Bunni kun dhaabbatee waggaa shan booda tasa utuun  hinbeekiin Kaleen daran na dhukkube.

Yeroo bunni misiraachoo kennee funaanamuu ga’utti hospitaalan gale. Warri na wajjin hojjetan buna funaannatanii gurguratan. Booda gaafannaan qarshii hedduu waan baasneef gurgurre jedhanii waanin qarshii hinbaasneef na dhoowwatan. Homaa miti isa ittaanutti ilaalla jedheen dhiise. Waggaa ittaanus na dhowwannaan himadhe. Garuu natti murtaa’e, oliyyadhus furmaata hinarganne.

Garuu durumaa namicha humnaafi seeraan akkan mo’achuu danda’uufi ogummaakootiin mindeeffamee mindaa gaarii argachuu akkan danda’u waanin itti himeef ittin dhiise. Booda garuu yeroo qabsoo qeerroo inni dhiisee ba’e. Ani wayita ammaa Faawundeeshini Qabsaa’ota Oromoo keessan hojjetaa jira.

Bariisaa: Paartiin isin hundeessitanoo achumaan badee hafee?

Obbo Asfaawu: Jalqabuma paarticha hundeessuuf kan na kakaase, yommuu filannoo bara 1997, paartiileen duula na filadhaa taasisuuf imaammatasaanii ummatatti ibsachaa turan baay’ee dhaggeeffadheen yaadannoo qabachaa ture. Yaada mormitoonni kaasaniif garuu deebii OPDOs ta’u, ADWUIn kennu garaa na hinga’u ture.

Deebii isaan kennuu dadhaban harkakootiin barreessee gaazexaa dhuunfaa tokkoof kennaan ture. Kun na dadhabsiisnaan namootan ‘OPDO keessaa itti dhihaadhu waamee deebii isaan kennuu qaban akkan kennaafii jiru ibseefii ‘kutaa tokko naa kennaatii isinin gargaaran’ jedheen. Garuu naa hinfudhanne.

Kanarraa ka’uun aniifi Ibraahim haalduree hunda xumurree paartii haaraa dhaabuuf Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf galchinus nuu mirkaneessuu hindandeenye. Sagantaafi seera ittiin bulmaata keenya ministira muummee bira ga’ee mirkaneessaaf jedhame. Garuu sagantaaleen sirreeffamuu qaban akka jiran agarsiisan.

Nutimmoo iyyata mana murtiitti galchinee hojiitti seenne. Isa booda garuu dhiibbaa cimaan nurra ga’e. Haala kanaan paartichas dhiisnee jiruu dhuunfaa keenyatti deebine.

Bariisaa: Ammawoo ejjennoon siyaasaa keessan maal fakkaata?

Obbo Asfaawu: Amma paartiin deggaru hinqabu. Kanin mormu qaba. Ofii kootii garuu kana booda paartii ijaaruus keessatti hirmaachuus hinbarbaadu.

Bariisaa: Egaa akka seenaa keessanirraa hubannetti, keessumaa hundeeffama mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti gahee guddaa bahattaniittu. Mee gama kanaan deggarsas ta’u beekamtiin argattan jiraa?

Obbo Asfaawu: Ani amma kaleefi onneen dhukkubsadha. Akka mootummaan na gargaarus hinbarbaadan, na hingargaarres; namooti yeroos na jibban ammas mootummaa keessaa ga’ee waan qabaniif. Anis gargaarsa hingaafadhu. Kan nama gaddisiisu ammallee dhiibbaadhuma keessattin hojjedha.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa dabarsuu barbaaddan yoo qabaattan?

Obbo Asfaawu: Utuu ta’ee kanin barbaadu Oromoon waggoota 150 darbaniif kitima hinbarbaachisne kanfaleera. Bilisummaa jechuun namaan qixxaatanii buluu jechuudha. Gama kanaan aarsaan hinbarbaachisne hintaane kanfalameera. Kunimmoo tokkummaan Oromoo dhabamuusaatiin kan dhufeedha. Utuu kun dhufee baay’ee natti tola.

Inni biraan Oromoo miira keessa seena. Siyaasa keessatti waa lama of ajjeesuudha. Isaanis ofitti amanamummaa humnaa oliifi gaditti of ilaaluudha. Oromoon immoo rakkoo ofitti amantummaa humna olii qaba. Nuti ummata guddaadha jedha, ummta xiqqaadhaan bula, nuti sooreessa jedha, hiyyeessi akkasaa hinjiru. Yaada kanammoo kan burqisiisu namootuma baratani. Hamma yaadni kun Oromoo keessaa hinbaanetti Oromoon yoomiyyuu injifachuu hindanda’u.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

292 Comments to “Obbo Asfaawu Tunee: Nama MNO hundeessuu keessatti shoora guddaa taphatanii amma dagataman”

  1. Pingback: fox888
  2. pet meds without vet prescription canada [url=https://canadiandrugsgate.com/#]canadiandrugsgate.com[/url] erectional dysfunction

  3. can i buy cheap clomid [url=https://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] can i buy generic clomid without insurance

  4. buying generic clomid tablets [url=https://clomidrexpharm.com/#]clomid purchase online rex pharm[/url] clomid without a prescription

  5. where to buy prednisone uk [url=http://prednisoneraypharm.com/#]prednisoneraypharm[/url] 10 mg prednisone tablets

  6. where to buy cheap clomid without prescription [url=https://clomidrexpharm.com/#]generic clomid pills[/url] how to get cheap clomid without rx

  7. buy minocycline 100 mg otc [url=https://iverfast.com/#]generic Stromectol[/url] ivermectin cost australia

  8. Lisinopril 1st [url=https://lisinopril1st.com/#]order lisinopril from mexico[/url] buy Lisinopril 1st

  9. п»їcytotec pills online [url=http://cytpremium.com/#]buy cytotec online[/url] п»їcytotec pills online

  10. pinup kazi [url=http://pinup-kazi.kz/#]пинап казино[/url] пин ап казино

  11. pinup kazi [url=https://pinup-kazi.ru/#]пин ап зеркало[/url] пин ап казино

  12. buy prescription drugs from canada [url=http://canadianpharm1st.com/#]canadian pharmacy[/url] what causes ed

  13. indian pharmacy online [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] best india pharmacy

  14. mexican mail order pharmacies [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  15. purple pharmacy mexico price list [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharm easy[/url] best online pharmacies in mexico

  16. AmoxilPharm [url=https://amoxilpharm.store/#]Amoxil Pharm Store[/url] amoxicillin 750 mg price

  17. buy cytotec [url=https://cytotec.top/#]п»їcytotec pills online[/url] cytotec abortion pill

  18. cheap zithromax pills [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax price south africa[/url] zithromax price south africa

  19. lisinopril 1.25 mg [url=https://lisinoprilus.com/#]zestril medicine[/url] price lisinopril 20 mg

  20. drug lisinopril [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril pill 40 mg[/url] zestril brand

  21. order clomid tablets [url=https://clomid.store/#]how to buy cheap clomid price[/url] can i get generic clomid online

  22. cipro for sale [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]cipro pharmacy[/url] where to buy cipro online

  23. Misoprostol 200 mg buy online [url=http://cytotec.top/#]buy cytotec over the counter[/url] cytotec pills buy online

  24. zithromax 500 mg lowest price pharmacy online [url=http://azithromycinus.com/#]generic zithromax online paypal[/url] buy zithromax no prescription

  25. zestril 2.5 mg [url=https://lisinoprilus.com/#]cost of lisinopril 40mg[/url] lisinopril 50 mg

  26. пин ап зеркало [url=https://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пин ап казино

  27. kazino online [url=http://casinositeleri2025.pro/#]bonus slot[/url] 100 tl bonus veren bahis siteleri

  28. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  29. tГјrkiye yasal bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]yasal kumar oyunlarД±[/url] en iyi bahis uygulamasД±

  30. purple pharmacy mexico price list [url=https://mexicanpharmi.com/#]Best online Mexican pharmacy[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  31. ed pills that really work [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] over the counter erectile dysfunction pills

  32. india pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]India pharmacy delivery[/url] Online medicine home delivery

  33. mail order pharmacy india [url=https://indiapharmi.com/#]indiapharmi[/url] buy medicines online in india

  34. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]Online Mexican pharmacy[/url] mexican mail order pharmacies

  35. prednisone 60 mg [url=http://prednibest.com/#]60 mg prednisone daily[/url] prednisone uk over the counter

  36. buy cipro online usa [url=http://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] cipro pharmacy

  37. buy cipro online usa [url=http://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] ciprofloxacin 500 mg tablet price

  38. cheap prednisone online [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone 10 mg tablet cost

  39. amoxicillin capsule 500mg price [url=http://amoxstar.com/#]where can i buy amoxicillin over the counter uk[/url] over the counter amoxicillin canada

  40. amoxicillin 250 mg capsule [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin online without prescription[/url] amoxicillin buy canada

  41. ciprofloxacin 500mg buy online [url=http://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] ciprofloxacin

  42. order generic clomid prices [url=http://clomidonpharm.com/#]where can i get generic clomid without a prescription[/url] can i buy clomid for sale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *