“Hanga ani koree raawwachiiftuu hojii keessa turetti naannolee hunda kan bulchaa ture murna ABUT” -Obbo Eeliyaas Guyyoo

Bayyanaa Ibraahimiin

 Finfinnee: Waggoota 27 darban kan naannoleen ofiisaaniitiin ittiin of bulchan osoo hintaane gareen tokko warreen hafan akka ofii fedhetti bulchaa waan tureef federaaliizimii maqaan malee akka hinturre miseensi raawwachiistuu duraanii BMNO Obbo Eeliyaas Guyyoo ni dubbatu.

Bara 1984  kaasee hanga bara 1987tti miseensa koree hoji raawwachiiftuu Oromiyaa damee dinagdee ta’uun tajaajilaa turuu Gaazexaa Bariisaatti kan himan Obbo Eeliyaas, turtii sana keessatti taajjabbiin isaan qaban heddu akka ta’e ibsu.

Mirgi ofiin of bulchuu sabootaafi naannolee ifaan taa’ee osoo jiruu murni TPLF mirga kana sarbuudhaan naannolee hunda keessatti gidduu galaa waan ummattootni fedhan osoo hintaane waan ofiisaatiif qofa fedhu raawwachaa turuu himu.

Akka ibsa Obbo Eeliyaasiitti;  akkuma naannoo Oromiyaattuu yemmuu ilaallu yeroo hunda gaafa koreen hoji raawwachiiftuu naannichaa wal ga’ii taa’utti namootni shan shan kan TPLF ergu isaan waliin hirmaataa turan.

Jarri shanan kunniin garuu afaanuma Oromoo hinbeekan, haa ta’uu garuu akka fedhanitti “taa’aa, ka’aa” nuun jedhu turan jedhu.

Kun immoo walga’ii koree raawwachiistuu hojii Oromiyaa qofarratti osoo hintaane, mirga ofiin of bulchuu sabootaafi naannolee hundaa bifa kanaan sarbaa akka turan beekamaadha.

Dhiibbaa irratti taasifamaa tureen hojii irraa kan ari’aman ta’uu kan himan Obbo Eeliyaas, maqaa miseensa ABO jedhuun doorsisaafi dararawwan garaa garaatiif saaxilamaa turuu ibsu.

Jarri kaleessa ummattoota biyyattii hunda federaalizimii sobaatiin miidhaa turan har’a seeratti dhihaachuu jalqabuunsaanii immoo kan isaan gammachiise ta’uus ni ibsu.

Keessattuu mootummaan waggaa lama keessatti humnasaa ijaarratee warreen waggoota hedduuf biyya saamaafi dararaa turanirratti olaantummaa seeraa mirkaneessuu danda’uunsaa kan isaan ajaa’ibe ta’uu dubbataniiru.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

4 Comments to ““Hanga ani koree raawwachiiftuu hojii keessa turetti naannolee hunda kan bulchaa ture murna ABUT” -Obbo Eeliyaas Guyyoo”

  1. Pingback: หวย LSM99
  2. Pingback: fuck boy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *