“Koottu-Dhufee” Waamicha araaraan dubbii goolabuu

Har’arraa (Sadaasa 27 bara 2013) kaasee qaamni biyya goolu, qabeenya gubu, dhala namaarratti aggaammii kamuu raawwatuufi sabaafi amantaan nama addaan qoodee miidhuudhaaf yaalu kamuu ummata Oromoo kan bakka hinbuuneefi abaaramaadha” Abbootii Gadaa Arsii.

“Koottu-Dhufee”n sirna dubbii akkaataa Sirna Gadaatti xumuruuf raawwatamuudha. Keessoon sirna kanaa waamicha araaraan dubbii goolabuu of keessaa kan qabuudha. Akka duudhaa Sirna Gadaatti waamichi araaraaf taasifamu diddaa tokko malee araaraan xumurama.

Sirni kabajamaan duudhaa Orom-ganamaa kun tibbana Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti raawwatameera. Barii ajjeechaa Artistii qaalii Haacaaluu Hundeessaatti, miira gaddaafi aarii ummataa dahoo godhatanii, murni biyya goolan, lammiilee ajjeesan, qabeenya sabootaafi sablammootaa gubaniifi mancaasan saba Oromoofi kan biroo kamuu kan bakka hinbuune ta’uun ibsameera.

Sirni kabajamaan kun bakka abbootiin Gadaa, Gadaa shananii, hawaasni magaalichaa, bakka buutonni sabootaafi sablammootaafi maatiiwwan miidhamtootaa argamanitti raawwatameera.

Sirna kanarratti abbootiin Gadaa har’arraa kaasee qaamni biyya goolu, qabeenya gubu, dhala namaarratti aggaammii kamuu raawwatuufi sabaafi amantiin nama addaan qoodee miidhuuf yaalu kamuu ummata Oromoo kan bakka hinbuuneefi abaaramaa ta’uu muraniiru.

Akka tumaa seeraa abbootii Gadaa kanatti humni tokkummaa ummata magaalaafi godinichaa diiguuf socho’u kamuu diina ummataafi raawwachiisaa ergama badii waan ta’eef balaaleffatameera. Sirnicharratti kormi gaheessi, bookni, aannaniifi cuukkoon dhiyaatee mijuu guutuurratti seerri tumameera jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oomiyaa gabaaseera.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 3/2013

Recommended For You

2 Comments to ““Koottu-Dhufee” Waamicha araaraan dubbii goolabuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *