Sabdaneessummaa keessaan ijaarsa biyyaa dhugoomsuu gaafata

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Guyyaan sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa si’a jalqabaatiif mirgi ofiin ofbulchuusaanii heera mootummaa RFDItiin raggaasifame waan ta’eef bara 1988 irraa kaasee Sadaasa 29 akka kabajamuuf murtaa’e.

Ergasii kaasee wagguma waggaatiin qopheessummaa naannolee biyyattii saglaniifi bulchiinsota magaalaa lameenitti kabajamaa kan ture yoo ta’u, baranas qindeessummaa Mana Maree Federeeshiniifi walta’insa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin magaalittiitti kan kabajamu ta’uu beekuun danda’ameera. Sadarkaa naannoo Oromiyaatti garuu Kamisa darbe biirolee Oromiyaa, Finfinneetti haala ho’aan kabajameera.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirna kabaja guyyichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Sadaasi 29 sabootaafi sablammoota Itoophiyaaf guyyaa heerri mootummaa RFDI itti bu’uureffame waan ta’eef hiika guddaa qaba.

Yeroowwan darban keessa garuu mirgi heeraan argame afaanumaan odeeffamuurra darbee qabatamaatti hojiitti hiikamaa waan hinturreef, mirga ofiin ofbulchuu sabootaafi sablammootaa heerarra kaa’ame mirkaneessuu hindandeenye jedhan. Hiree heddummina sabootaanis afaanuma qofaan daldalaa kan turame yoo ta’u, hundarra ammoo fedhii garee tokkoo galmaan gahuuf qabeenyi ummataa seeraan ala saamamaa tureera.

Erga hoggansi jijjiiramaa gara aangootti dhufee as garuu jijjiiramni waliigalaa galmaa’aa kan jiru yoo ta’u, gareen juuntaa ammoo jijjiiramichi akka hindhugoomneef danqaa ta’aa tureera jedhan. Kanaanis iddoowwan garaagaraatti jeequmsaafi walitti bu’iinsa uumuutiin gaaga’ama guddaa geessiseera; lubbuun lammiilee nagaa hedduus akka galaafatamuuf sababa ta’eera.

Mootummaan yeroo dheeraa booda obsa fixachuutiin olaantummaa seeraa mirkaneessuuf jecha dirqamee duula Tigiraayitti taasisaa tures injifannootiin goolabuurratti akka argamus himaniiru. Wayita ammaas miseensota

 seeratti dhiyeessuuf adamsuurratti argamna jedhanii, kunis hariiroo obbolummaa sabootaafi sablammootaa cimsuurratti gahee guddaa kan qabudha.

Humni badii kun afaaniin mirga sabootaafi sablammootaa kabajamuu qaba jedhee sobaan faarsaa, gochasaan garuu dararsaa, walitti bu’iinsaafi jeequmsa uumuutiin martinuu karaa nagaatiin waliin akka hinjiraanne hojjechaa turuusaa yaadataniiru. Kanaaf guyyaan sabootaafi sablammootaa barana marsaa 15faf Finfinneetti kabajamu qabatamaatti walqixxummaafi tokkummaa sabdaneessummaarratti hundaa’e kan mirkaneessu ta’uusaa addeessaniiru.

Kanaan boodas karaan biyyattii gara fulduraatti tarkaanfachiisu walqixxummaa, haqummaa, walta’insa, nagaafi jaalala, akkasumas misoomaafi dimokraasii fayyadamummaa sabootaafi sablammootaa mirkaneessu ta’uus himaniiru. Kana dhugoomsuuf ammoo hunduu mootummaa cinaa hiriiruu akka qabus hubachiisaniiru. Guyyaa sabootaafi sablammoota marsaa 15fa baranaanis baga ittiin isin gahe jedhaniirus.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuziifi keessummaan kabajaa guyyichaa Obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin akka ibsanitti, kaayyoon guyyaa sabootaafi sablammootaa kabajuu duudhaalee waliin jireenyaafi hariiroo obbolummaa ummatootaa cimsuudha.

Sirna mootummoota darbanii keessatti keessumaa ammoo walqixxummaan sabootaafi sablammootaa waan hinturreef duuchaatti eenyummaan isaanii hacuucamaa tureeraa jedhan. Ergasiis sirni walqixxummaafi dimokiraasii heera mootummaa RFDItiin waraqaarra kaa’amus qabatamaatti hojiitti hiikamaa akka hinturre yaadataniiru.

Caasaaleen mootummaa humna ABUTtiin seeraan ala mootummoota naannolee hunda keessatti diriiree tures fedhii waliigalaa garee muraasaa guutuuf hojjetaa ture malee sabootaafi sablammootaaf hangas mara faayidaa kennaa akka hinturre kaasaniiru. Sirni federaalizimii tures maqumaaf diriireera jedhamuurraa kan hafe sabootni biyyattii ofumasaaniin ofbulchaa akka hinturre dubbataniiru.

Guyyaan sabootaafi sablammootaa marsaa 15faf barana kabajamu wayita raayyaan ittisa biyyaa humnoota badiirratti injifannoo gonfachaa jirutti waan ta’eef ijaarsa biyyattii kan saffisiisu ta’uus eeraniiru. Kana dhugoomsuuf ammoo martinuu qooda isarraa eegamu bahachuu akka qabus yaadachiisaniiru. juuntichaa

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013

Recommended For You

3 Comments to “Sabdaneessummaa keessaan ijaarsa biyyaa dhugoomsuu gaafata”

  1. GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES

    We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials  from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel.

    Global business elite
    copper cathode
    aluminium wire scrap
    scrap processor
    scrap cpus
    waste paper scrap
    fridge compressor scrap
    cable scrap
    scrap copper wire
    waste paper for sale
    ceramic cpu scrap
    icumsa 100

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *