Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaan Bariisaa tibbana miseensa raayyaa ittisaa duraaniifi rogeessa ammaa Masfin Fayyisaa wajjin gaafdeebii bal’aa tasiseera. Yaadni inni keessumaa dhimma diyaaspooraarratti nuu kenne akka ittaanutti dhiyaateera.
Jeequmsa akka madda galiitti
Diyaaspooraa ilaalchisee yoo Itoophiyaan jeeqamte malee warra jiraachuu hindandeenyetu jira. Akkuma kan dhama’ee jireenyasaa geggeessu jiru kan jeequmsa biyya keessatti uumamutti fayyadamee hawaasa Oromoo qofa gowwoomsee qarqara galaanaatti mana ijaarrattuufi konkolaataa ammayyaa akkamii bitatu jira. Nama akkanaatiif jeequmsi daldala jechuudha.
Kanaaf yoo biyya kanatti dhiigni lammiilee dhangala’e isaaniif achitti qarshiitu sassaasabama. Kun amaluma baratameedha. Warra jeequmsa uumuu jireenya ofii godhatetu jira. Yoo qabsoon dhumee nagaan bu’e kan nagaa hinarganne jira. Warri maaliin nyaadhee bula jedhee kana raawwatus jira.
Otoo Oromoon akkuma jirutti waliigalee qe’eesaa guutummaatti nagaa godhatee isaan waa barbaadanii jeequmsa uumuuf tattaafachuunsaanii hinoolu. Kanarratti amma Oromoon biyya keessa jiru dammaqeera jedheen amana. Otoo dammaquu baatee waamciha badii isaan taasisan dhaga’a. Warri hiriira waamanii kana godhi, sana raawwadhu jedhanmee miseensota murna ABUT.
Isaantu akka waan dhala Oromootiif quuqameetti maqaa namaa dha’anii waa jedhu. Har’a namni Oromoo dhugaa ta’ee Oromoodhaaf quuqamu ykn Oromoo qulqulluun jijjiirama kana yoo Abiyyarratti amanuu baatellee Oromoorratti hinqabsaa’u. Amma kan kana godhu warra maqaa Oromootiin daldalee jiraachuu barbaaduudha.
Warri kun warra gaafa Oromoon Irreecha Harsadiitti dhumu wuskii buusanii sirbaa turaniidha. Warri amma maqaa Oromoo qabatanii feesbuukiifi miidiyaalee adda addaarratti as bahan warra qabsoo waggaa 27 keessatti mul’atanii hinbeekneefi warra erga Oromoon qabsoosaatiin jijjiirama fidee as bahaniidha. Warri kun warra kaleessa Wayyaanee wajjin waa argachaa tureedha.
Eenyummaa jara kanaa
Baay’eensaanii warra Doktar Abiyyirraa aangoo dhabanii mufataniidha. Afeeramaniis warra didaniidha. Gara ejjennoosaanii ammaatti kan isaan geesses kana. Fakkeenyaaf namni tokko gaafa aangoon kennameef dhufee biyya kana ittifufsiisuuf Mootummaan Abiyyi diktaararii (abbaa irree) ta’uu qaba jedhee ture.
Kana kan jedhe aangoo qabateeti. Gaafa lammummaa Ameerikaa deebisiitii diippilomaatummaa kee ittifufta jennaaniin idaan doolaara kuma 50 waan narra jiruuf isa narraa kanfalaa jedhee mootummaaf deebii kenne.
Mootummaanis idaa hanga ammaatti jiru kanfaluu hindandeenyu, imaammata kanfaltichi ittiin raawwannus hinqabnu. Yoo dhimma kana ofirraa kaastee fixxee dhufte si ramadna jedhanii xalayaa barreessaniif.
Namni kun gaafuma sana naa bilbilee, “Mootummaan Abiyyi aangoorraa na ari’e” naan jedhe. Maal aangoorraa si ari’e, lammummaa kee deebisi siin jechaa turan mitiin jedheen, waanin dhimmicha quba qabuuf. Dhimma kanarratti Ambaasaaddar Fitsum Araggaa (Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa) wajjin haasa’aa turre.
Seera Wayyaaneen jallate sirreessina jennee, lammummaa Ameerikaa qabattee asitti dippiloomaatii Itoophiyaan ta’a jechuun seeraanis deemsisuu hindanda’u, kun sirrii mitin jedheen.
Achiin bariidhuma san gadi bahee nafxanyaa jedheetoo arrabsoo jalqabe. Namoonni akkanaa kun lammii Oromootiif yaadanii osoo hinta’in faayidaa ofii ittiin lakkaawwachuufi. Kan Yunivarsitii Finfinneetti pirezedaantii ta’ee muudamuu barbaadee dhabee mufatee deebi’es jira.
Jijjiiramichi kan Oromooti
Sanas ta’e kana akka Oromoo tokkootti jijjiiramni kun jijjiirama Oromooti. Wareegama ilmaan Oromootiin kan dhufeedha. Doktar Abiyyi akka nama tokkootti dogoggora qabaachuu danda’a. Garuu akkamitti wareegama kaleessa waliin itti wareegamne galateeffannee osoo hinfixin qabsoo biraatitti deebina?
Kun adeemsa Oromoo salphisiiseefi diinota ammoo gammachiiseedha jedheen amana. Kanarratti waan Haacaaluun jedhe tokko eeruuf, “Yoon hamma fedhe Abiyyi jibbellee Wayyaanee wajjin ejjedhee garuu isarratti dhagaa hindarbadhu. Hanga Wayyaaneen boolla seentee awwaalamtutti seexanallee yoon argadhe isa wajjin ta’een dhagaa ittidarbadha” jechaa ture.
Maanguddoon Harar tokkos haala amma jiru kana ilaalanii, “Oromootu cabe. Oromoo Oromoorratti dhagaa darbitu arguun nurraa hineegamu ture. Garuu Oromtichatu abaarame. Abaarree qabna” naan jedhan.
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013
6 Comments to ““Diyaaspooraa tokko tokkoof jeequmsi daldala” – Rogeessa Masfin Fayyisaa”