Dubbiin namaa kan si miidhu yoo ati eyyamteef qofa. Abrahaam Lonkoliin pirezidaantii Ameerikaa ta’ee yeroo filatame muudamasaarratti haasaa taasisee erga xumuree booda namichi maatii sooressaa keessaa dhalate waamicha sana keessa jiru tokko Abrahaam Linkoliin akkas jedhe “Obbo Linkoliin abbaan kee maatii kootiif kophee hojjechaa akka ture hindagatin” jedhe.
Namootni afeerraa kana hirmaatan nina’an. Ni ajaa’ibsiifatanis. Abrahaam garuu ija namichaa keessa ilaaluun “Sirrii dha; abbaan koo maatii keetiif kophee hojjetaa tureera ta’a. Isaan qofaaf utuu hinta’in tarii as keessa namootni hedduun jiraachuu danda’u.
Sababiinsaa qophee bifa addaafi namni kamuu akkasaatti akka hojjechuu hindandeenyetti hojjeta ture. Ni uuma ture. Kophee qofa hinhojjetu; garuu of kennuun, ittiyaaduun nama hojjetu ture. Waan tokkon si gaafadha.
Kophee inni siif hojjeterratti mormii qabdaa? Sababiinsaa aniyyuu akka itti qophee hojjetan nan beeka. Yoo mormii kophee abbaan koo siif hojjeterratti qabaatte ani akka itti hojjetan beeka waan ta’eef siif nan hojjedha.
Garuu hanga ammaatti, hangan beekutti eenyu illee kophee abbaan koo hojjete irratti namni mormii qabaate hinjiru. Inni nama beekaa cimaadha. Anis baay’een ittiboona jedhe.” Kanarratti namoonni hunduu nicallisan, Abrahaam Linkoliin nama hubataa attamii akka ta’e, nama hojii abbaasaatti boonu, abbaansaa hojiisaa of eeggannoo cimaan akka hojjetu nama dubbatu akka ta’e; namni kamuu hojii abbaansaa hojjetutti akka mormii hindhiyeessin kan dubbate ta’uusaa ajaa’ibsiifatan.
Akka nama gadaanaatti akka of ilaaluuf waanti dubbatame isa miidhuu hindandeenye. Innis miidhaa kanaaf harka hinlaatne. Isa namootni nuun jedhan utuu hinta’in deebii nuti laannutu nu miidha. Isa namoonni jedhan ta’anii argamutus miidhaa qaba.
Tarii kanaan dura namni ati hindandeessu; dadhabaadhaafi kkf jedhamaa guddate ilaalcha ofiif qaburratti dhiibbaa guddaa fida. Keesumaa aadaa keenya keessatti hindandeessu nuun jechaa warri guddanne tarkaanfii keenyarratti dhiibbaa mataasaa danda’e qaba.
Dhiibbaa kana injifachuu kan danda’u ammoo nu qofa. Yeroo tokko waa’ee barataa mana barumsaa keessatti barattoota biraa wajjin walitti siqeenyaan hintaphanneefi hinoollee tokko ofii kootii carraa argadhee wajjin haasa’uuf yaalii godheera.
Barataan kun yeroo barattootni biraa wajjummaan haasa’aniifi taphatan irraa fagaatee dhaabata. Jireenyasaa keessattis abdii kutataafi gammachuu kan hinqabne, akka barattoota biroottis ofitti amanuun kan itti hindhagaa’amne ture.
Sababnisaa maatiinsaa yeroo isa guddisan akka inni nama hintaane ittihimaa waan turaniif kanarraa kan ka’e ilaalcha gadi aantummaa akka qabaatu isa taasise.
Ergan kana dhaga’ee booda ani immoo barataan kun nama dandeettii qabu; nama daree keessa jirurratti yoo geggeessummaa barattootaa kutaasaatii ta’ee kaa’ame nama geggeessuu danda’u; nama amala gaarii qabu akka ta’en ittihime.
Kutaasaarrattis akka geggeessaa barattootaa ta’uuf nan kaa’e. Waggootii muraasa booda barataan kun ittaanaa pirezidaantii Yuniversiitii tokkoo ta’ee hojjechuu isaan arge. Umrii xiqqaatti bakka cimaa galee geggeessaa ta’e.
Waan hundumaa dura dhaabannee itti yaaduun barbaachisaadha. Maaltu ilaalcha nu’i ofiif qabnutti daangaa cimaa ta’ee jira? Lafa yaadnu akka hingeenyeef daangaa guddaa kan nutti ta’e maaltu jiraa? Daangaa kana mo’annee akka hindarbineef rakkoon jiru maalii? Isa kana of gaafachuun, of gaafachuu qofa utuu hinta’in daangaa kana cabsinee darbuun filannoo hinbarbaachisu.
Waan guddaa akka hin yaadne, akka fuula duratti hinhiixanne kan nutaasise kamuu cabsuu ni dandeenya. Daandeettii Waaqayyo nukeessa kaa’e dandeettii jijjiiramaa nu keessatti ukkaamsee hadoochee hambisuuf kan yaalu mara injifachuu nidandeenya.
Ilaalacha namootni waa’ee keenyaaf qaban; nutis ofii keenyaaf fakkii fokkisaa of suurree amannee teenye yeroo dhumaatiif haxoofnee balleessuudhaan ofiifis ta’e hojii hojjennuuf ilaalcha gaarii qabaachuutu nubarbaachisa.
Sababiinsaa ilaalchi gadaantummaa, jechi namaa akka qinqinii humna jijjiiramaa keessa keenya jiru irraa jalaan horsosseessee fixa. Nama dadhabaa akka fakkaannu, akkasittis of amansiisnee akka of ilaallu nu taasisa.
Yaada akkasii hatattamaan of keessaa haqnee balleessuu qabna. Hojii hojjechuu mallu kamuu amanamummaa, jabinaafi ittigaafatamummaa fudhannee hojjechuun barbaachisaadha.
Yaada gadaantummaa utuu hinta’in waa’ee keenya waan gaarii ofitti himuun gaariidha. Ilaalcha kufaa kanaan dura namoonnis ta’e nuti ofiif qabaachaa turre geeddaruu qabna. Faallaa isa kanaa yaaduu eegaluun barbaachisaadha.
Darbees jabaannee hojjechuun amala hojjetaan jabaan qabu horachuufi dorgamaa ta’uun isa nuti ofiif qabnus ta’e isa namootni nuuf qaban geeddaruun murteessaadha. Wantoota haaraa uumuun waa’ee keenyaaf ilaalcha gadaanaa namoota qabaata turanitti agarsiisuu; isa kana ammoo yoomiyyuu gaaffii keessa galchuu hinqabnu.
Namoonni waa’ee keenya ilaalchisee akka hindubbatne gochuu hindandeenyu, garuu isa dubbatame jijjiiruu nidandeenya. Wantoonni darbaniifi wanti nuti amma keessa jirru cimsee yoo nu qabellee haalota kanneen hunda gararraa ta’uun bakka jirrutti nama jijjiiramaa cimaa ta’uu dandeenya.
Yoo namni si’a dhibba tokko hindandeessu nuun jedhe abdii kutachuu hinqabnu. Si’a dhibba tokko akka nuti of ilaallu nu godha. Si’a kuma tokko immoo akka nuti of fooyyessinuuf karaa nuu bana.
Yeroo mormitootni nuceepha’an sodaachuu hinqabnu. Yeroo isaan harka sii rukutan sodaachuu qabna. Wantootni hedduun naannawa keenyatti ta’uu danda’a. Wanti nuti hin yaadinis nurrata’uu danda’a. Inni guddaan garuu isa nu keessatti ta’utu hundumaa mo’ata.
Yeroo rakkoowwan adda addaa duraa duubaan dhufuun nutti hammaatan seesuu hinqabnu. Caalaatti hojii isa ittaanuuf nu jabeessee darba. Jireenyis ittifufa. Wal’aansoonis akkasuma.
Yeroo tokko intalatu wal’aansoon jireenyaa akka ishee nuffisiise dubbatti. Abbaanshees xuwwee sadii ibidda boba’urra kaa’ee yeroo bishaan danfuutti ka’u isa jalqabaa keessa dinnicha kaa’e, xuwwee lammaffaa keessa buphaa (killee) kaa’e, isa sadaffaatti immoo daakuu bunaa naqe.
Ittifufuun ibidda itti bobeesse. Intallis baay’ee obsa hanga dhabdutti abbaan ishee maal akka hojjetaa jiru gaafatte. Innis homaa tokkoyyuu itti himuu dide. Calliseedhuma itti bobeessee yeroo hundumtuu bilchaateera jedhee yaadetti irraa baase. Wantoonni ibiddarra oolan kunniin maali jedhee ishee gaafate. Isheenis dinnicha, buphaafi buna ta’uu ittihimte.
Mee tokko tokkoosaanii qaqqabadhuu ilaali jedheen. Isheenis yeroo qaqqabattee ilaaltu, dinnichi baay’ee lallaafeera. Buuphaa (killee) fuutee cabsitee yeroo ilaaltu inni keessisaa dura dhangala’aa ture amma cimaa ta’eera.
Bunas yeroo fuunfattu waan danfeef baay’ee kan namatti toluufi urgaa’uu ta’e. Sanaan booda akkas jedhee gaafate. Ati sadansaanii keessaa isa kami? Sadanuusaanii wanta walfakkaataatu isaan qunname.
Bishaan bulluqa keessa buufaman. Garuu sadanuusaanii bifaafi amaloota addaa addaa calaqqisiisan. Dinnichi cimaa ta’ee bulluqa seene. Achi keessatti garuu laafee ba’e. Buphaan laafaafi keessisaa dhangala’aa ta’e seene garuu ibiddarraa cimaa ta’ee ba’e. Bunni immoo amala addaa agarsiise. Bishaan itti naqameyyuu ni jijjiire. Foolii gaarii akka qabaatu godhe.
Akkasuma rakkoon balbala kee yoo rurrukutu deebii ati laattu isa kami? Deebii dinnichi, buphaan ykn bunni bishaan keessatti kenne keessaa isa kami? Rakkinni yeroo dhufu si laaffisa moo si jabeessa?
Egaa namni bor jijjiirama fiduuf qophaa’u rakkoowwan gara garaa yeroo isa mudatu deebiin inni kennu murteessaadha. Isa kana gadi fageenyaan ittiyaaduun barbaachisaadha. Namni borii wantoota isa qunnaman hundumaan ni raafama, abdii kutata taanaan jijjiirama barbaachisaa fiduu hindanda’u.
Namni tokko barumsa ykn leenjii gaarii qabaatee ilaalcha gaarii ofiif hinqabu yoo ta’e, waan qabu kamuu hojiirra oolchuu hindanda’u.
Ilaalchi hamaan nuti ofiif qabnu beekumsa qabnu akka nu’i hojiiirra hinoolchine nu taasisa. Ofii keenya akka shakkaa jiraannu nu godha. Utuma barannee jirruu, utuma geggeessuu dandeenyuu, utuma hojjechuu dandeenyuu ilaalchi nu’i ofiif qabnu gadaanaa taanaan akka dadhabaatti nu jiraachisa.
Akka namaa gadiitti akka of ilaallu nu godha. Gammachuu keenya nu sarba. Wanta qabnutti hingammadnu. Barannee digrii qabnutti, bakka geggeessummaa jiraannee akka jijjiirama hinfidneef gufuu hamaadha. Namni boriif of qopheessu tokko duraan dursee isaan kana mo’achuu qaba.
“Namni si’a dhibba tokko hin dandeessu yoo nuun jedhe abdii kutachuu hinqabnu. Si’a dhibba tokko akka nuti of ilaallu nu godha. Si’a kuma tokko immoo akka nuti of fooyyessinuuf karaa nuuf bana.”
Zarihun Gabreetiin
8 Comments to “Hubannoofi obsi dawaa injifannooti”