Jimmaa: Omishaalee Itoophiyaan gabaa addunyaaf dhiyeessitu keessaa omishni bunaa sadarkaa duraa irratti eerama. Gabaa addunyaarratti dorgomaa ta’uuf ammoo qulqullina omisha kanaa mirkaneessuun dirqamadha. Qulqullinni omisha bunaa kan waldarbu irra caalaa yeroo sassabamu, geejjibaan socho’uufi kuufamu waan ta’eef asirratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha.
Gaggeessaan hojii Gabaa Omishaa Itoophiyaa Damee Jimmaa Obbo Bayyanaa Alamaayyoo garee gaazexeessitootaa dheengadda damicha daawwatetti akka himanitti, omishni bunaa biyyattiif galii sharafa alaa guddaa fidaa waan jiruuf qulqullinaafi ofeeggannoon qabamuu qaba. Qulqullinni omisha bunaa mirkaneessuun gama biraadhaan gatii bunaa guddisuu waan ta’eef qaamoleen dhimmichi ilaallatu qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisu.
Akka ittigaafatamichi jedhanitti, sadarkaan qulqulina omisha buna miiccamee gara damee gabaa omishichaa dhufu yeroo gara yerootti fooyya’aa jira. Hanqinni qulqullina bunaa irra jireessaan buna hinmiiccamne irratti mul’ata. Buna miiccamaa barana gara damichaa dhufe keessaa dhibbantaan 20 qulqullina sadarkaa tokkoffaa, 70 sadarkaa lammaffaa kan hafe ammoo sadarkaa sadaffaafi afuraffaa argateera. Irra caalaan sadarkaan qulqullina buna utuu hinmiiccamiin dhiyaate garuu ja’affaafi torbaffaadha. Sadarkaan qulqullina bunaa gadi bu’uun gatii bunaa irrattis dhiibbaa waan qabuuf sadarkaa qulqulina bunaa fooyyessuun dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu eeranii, fooyya’iinsi sadarkaa buna miiccameerratti mul’ate buna hinmiiccamne irrattis akka mul’atuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuun dhimma murteessaa ta’uu himu.
Damee omisha gabichaatti suppervaayzariin qulqullinaa Obbo Muluqan Kabbadaa akka jedhanitti, sadarkaa qulqullina bunaa kennuu qofa osoo hintaane qulqullina omisha bunaa fooyyessuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaafi leenjii kennaa jiraachuu himanii, omishni bunaa fooyya’aan gara damee omisha gabichaa akka dhufuuf yaalii cimaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Godina Jimmaatti Bulchaan Aanaa Gommaa Obbo Tofiiq Raayyaa akka jedhanitti, aanichi waggaattii bunaa toonii 18 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessa. Aanichi omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa fooyyessuuf qonnaan bultoota bira gahee hojjechaa jira. Kunis qonnaan bultoonni omisha bunaa baay’inaafi qulqullinaan gabaaf akka dhiyeessan taasisaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni aanichaa hedduun yeroo ammaa omisha bunaa qulqullina qabu gabaaf dhiyeessa jiraachuu himanii omishtummaa bunaa guddisufis waggaa waggaadhaan biqiltuuwwan miliyoona 30 hanga 40 qiphaa’anii gatii madaalawaan gabaaf dhiyaachaa jira. Hundee bunaa dulloome muruun akka haara’uufi biqiltuu haaraadhaan akka bakka buusan taasifamaa juraachuu hinaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
URL News 1
https://bzmos.hashnode.dev/pornhub-audio
URL News 210
URL News 40
URL News 460
URL News 441
URL News 209
https://justpaste.me/Hsg62
URL News 293
thanks good jobs
thrown out the window meme original
verifye supplier shoes