Baddallee: Godinni Buunoo Beddellee waggaa tokkoo as komaandipoostiidhaan bulaa kan jirtu yoo ta’u, yeroo ammaa haalli nageenya godinichaa sadarkaa gaariirra jiraachuu waajjirri bulchiinsa godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tolasaa Biilloo dheengadda Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, haalli nageenya godinichaa yeroo ammaa sadarkaa gaariirra kan jiru yoo ta’u, aanaalee godinichaa Cawwaaqaafi Daaboo keessa qaamoleen seeraan ala hidhatan dhokatanii socho’aa turan.
Sababa kanaan lubbuun namoota nagaa yeroo garagaraatti darbaa turuu eeran. Aanaalee lamaaniin ala haalli nageenya godinichaa amansiisaa ta’uu himanii, mootummaan rakkoo nageenyaa kana guutummaatti furuuf ummata waliin hojjechaa jira.
Ummannis mootummaa waliin ta’uun nageenya naannawasaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Ummatni misooma, nageenyaafi jijjiirama barbaada kan jedhan Obbo Tolasaan, mootummaanis jijjiirama ummatni barbaadu mirkaneessaa jiraachuu ibsan.
Ummatnis nageenyaafi jijjiirama mul’achaa jiru ceessisuuf mootummaafi qaamolee nageenyaa wajjin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaan dura Cawwaaqqaafi Daaboon rakkoo nageenyaa tureen caasaan mootummaa sadarkaa diigamuurra gahee turuu himanii, yeroo ammaa tarkaanfii mootummaan fudhateen fooyya’iinsi guddaan mul’achaa jira jedhan.
Gandoota aanaalee lamaanii muraasaan ala rakkoo nageenya ture furameera. Ummata
waliin walitti dhiyaannee hojjechuu keenyaan nageenyaa godinichaas ta’e magaalaa Beddellee mirkaneessuun danda’ameera jedhu.
Ummatni vaayrasii Koroonaarraa akka of eeggatuufis ogeessota fayyaa waliin ta’uun hojjechaa jirra kan jedhan Obbo Tolasaan, ummatni yeroo gabaa dhaqu ofeeggannoo barbaachisu akka taasisuuf leenjiifi barumsa barbaachisu akka argatu ta’aa jira. Sababuma kanaan walga’iiwwan guguddoon sadarkaa godinaafi aanaatti geggeeffamuuf turan haqamuu himan. Hojjetaas ta’e abbaan dhimmaa gara waajjiraalee dhufanis utuu harka isaanii saamuunaafi bishaaniin hindhiqatin akka ol hinseenne taasifameera jedhu.
Obbo Waaggaarii Ayyalaa magaalaa Beddellee, ganda Abbaa Bokkuu keessa jiraatu. Akka isaan jedhanitti, nageenyi magaalattii sadarkaa gaariirra jira. Ummatnis nagaan bahee galaa jira. Poolisiin magaalattiis hawaasa wajjin ta’uun boordii nageenyaa hundeessee hojjechaa jira.
Boordiin nageenyaa kunis ji’a ji’aan walargee gabaasa dhiyeessa. Hawaasni magaalattiis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannawaasaa eeggachaa jira.
Magaalaa Beddellee ganda Goota Shooramuu kan jiraatan Obbo Buzaayyoo Warqinaa akka jedhanitti, nageenyi magaalattii sadarkaa gaariirra jira. Ummatnis qaamolee nageenyaa waliin ta’uudhaan nageenya naannawaa isaa eeggachaa jira. Daandiiwwan keessoo magaalattiis haala gaariidhaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
6 Comments to “Haalli nageenyaa Buunnoo Baddallee fooyya’aa jira”