Finfinnee: Tatamsa’ina vaayirasii koronaatiin walqabatee hawaasni daldalaa muraasni magaalota biyyattii addaddaa keessatti qaala’insi gabaa akka uumamu gochuutiin jireenya lammiilee jeeqaa akka jiran beekameera. Mootummaanis gochicha to’achuuf tarkaanfii madaalawaa fudhachaa jiraachuusaa ibseera.
Ogeessi dinagdee Doktar Guutuu Teessoo akka jedhanitti, sirna bittaafi gurgurtaa keessatti olka’insiifi gadi bu’insi gatii gabaa uumamuunsaa kan nama raajeffachiisuufi bir’achiisu miti. Wayita rakkooleen nageenyaa, weerarri dhukkubootaafi muddamni garagaraa biyya tokko keessatti dhalatan sirni gabaa jeeqamuun addunyaarratti waanuma amaleeffatamedha jedhan.
Keessumaa wayita tatamsa’inni dhukkubootaa hammaatanitti manneen hojii daldalaafi mootummaa, dhaabbileen shaqaxoota addaddaa raabsaniifi warshaaleen hedduun omishasaanii addaan waan kutaniif, daldaltootni waan ofharkaa qaban gatii dabalanii akka gurgurataniif kan dirqaman ta’uusaa ibsan. Kunimmoo fedhiin fayyadamtootaa ykn bittattootaa si’a dabalu gatiin gabaas akkasuma qaala’aa deemuusaa kan mul’isu ta’uusaati. Ta’us wayita muddamni qaqqabu akka carraatti lakkaa’anii miidhamarratti miidhama dabaluun lammii ofii ganuu waliin walqixadha jedhan.
Yeroo ammaa akkuma addunyaatti tatamsa’inni vaayirasii koronaa daran
hammaachaa jira kan jedhan Doktar Guutuun, Itoophiyaa keessattis vaayirasichi mul’achuusaan walqabatee hawaasni daldalaa muraasni keessumaa ammoo faddaaltotni seeraan alaa sirna gabaa biyyattii jeequurratti argamu. Kunis tatamsa’ina vaayirasii koronaa akka carraatti fudhatanii lammiilee sadarkaa hiyyummaa keessa jiran saamuu, imaammata gabaa biyyattii jeequufi ummata miidhuu waan ta’eef gocha garaa jabinaa ta’uusaa addeessan.
Hawaasni daldalaas hordoffiifi to’annaa mootummaan taasisu eeguu qofa keessaa bahee ofumaan ittigaafatamummaa lammiifi biyyasaanii fudhatanii qaala’insa gabaa uumuurraa ofqusachuu akka qaban gorsan. Lammiilee saamuuf karoorfachuu osoo hintaane waa’ee nageenyaafi fayyaa maamiltootasaaniif dhimmamuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
Hawaasni daldalaa seeraafi heera biyyattiin qabduun bitamanii hojjechuu qabu jedhanii, seermaleessummaan daldaltootaa yeroo booda guddinumasaanii kan quucarsuu ta’uu kaasu. Fayyadamtootni ykn bitattootnis tatamsa’ina vaayirasii koronaatiin bir’achuu osoo hintaane sirna gabaa walta’insaan tasgabbeessuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranis qophiilee barbaachisan gochuurraa kaasee sirna gabaafi gurgurtaa hordofuu, to’achuufi deggarsa gochuun murteessaa ta’uusaas ibsaniiru. Hundarra ammoo wayita muddamni biyyattii keessatti dhalatutti hir’isuuf ykn furuuf gaheen abbootii qabeenyaa olaanaa waan ta’eef, hirmaannaasaanii cimsuun dirqamadha.
Vaayirasii koronaatiin walqabatees manneen daldaltoota seeraan ala qaala’insi gabaa akka uumamu taasisanis saamsuun furmaata waaraa mitii jedhanii, kanarra hawaasa daldalaa waliinis walitti dhiyeenyaan hojjechuutu murteessaadha. Daldaltoota kabaja ummataa cinaatti dhiisanii lubbuu lammiileerratti murteessanirratti ammoo seera yakkaatiin akka gaafataman gochuun barbaachisaa ta’uu eeran.
Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Dheengee Booruu tibbana gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, daldaltoota tatamsa’ina vaayirasii koronaa sababeeffachuun seeraan ala meeshaaleefi tajaajila addaddaarratti gatii dabalanii lammiilee saamaa jiranirratti tarkaanfii sirreessaa fudhachaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Kanaanis hanga ammaatti magaalota addaddaa keessatti manneen hojii daldaltootaa 200 ol ta’an saamsuun danda’ameera.
Manni Maree Waldaalee Damee Daldalaa Itoophiyaas tatamsa’inni vaayirasii koronaa wayita ammaa daran hammaachaa waan jiruuf, rakkoo fayyaa hawaasa idiladdunyaa isa yaaddessaa ta’uusa ibseera. Kunis walta’insaan ittifamuu waan qabuuf, hawaasni daldalaa martuu karaa haqaqabeessa ta’een hojjechuu akka qaban yaadachiiseera.
Qaala’insi meeshaalee bu’uuraa addaddaa, shaqaxootaafi omishaalee garagaraarratti akka hinuumamneefis hawaasa daldalaa, fayyadamtootaafi qaamolee mootummaa waliin ta’uun kan hojjetu ta’uus beeksiseera
Takkaalliny Gabayyootiin
11 Comments to “Daldaltootni vaayirasii koronaa akka carraatti fudhachuu hinqaban”