Waamicha Araaraa Immimmaan haadholii Wallaggaa qoorsuuf dhihaate

Finfinnee: Oromiyaa takka keessatti haalli lama uumame.  Daa’imni isa tokkoo nagaan yemmuu baruumsasaa hordofutti kan isa kaanii immoo barachuu dhiisii nagaan bahee galuuf rakkate.

Qonnaan bulaan iddoo tokkoo yemmuu qotee callaasaa galfatutti kan iddoo biraa osoo ijji laalu omishasaa sassaabachuu dadhabee beelli manatti adabe. Yeroo Oromoon hedduu bilisoomne jedhee sirbutti lixni Oromiyaa bahee galuu dadhabe.

Oromootu Oromootti dhukaasee maqaa saba kabajamaa kanaa balleesse, ilaalcha siyaasaatiin wal qoodee waraana wal moo’uun hindanda’amnetti galee tokkummaa sabichaa gale. Oromoon akka waan jaarsa dhabeetti rakkoo gidduusaatti uumame furuu dadhabee quba ormaa nutti qabe. 

Waraana kan walitti bane mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru ta’us, kan itti wareegamaa jiruufi dararamaa jiru garuu ummata nagaati.

“Koreen dhimmi dararaa godinoota lixaafi Gujii na yaachisee jira waan ta’eef rakkoo kanaaf fala waaraan barbaada” jedhu tokko Oromoota quuqama sabaa qabaniin hundaa’ee hojitti galuuf qophii ta’uu dheengadda miidiyaaf ibsa kenneera.

Yeroo ammaa beekamtii qaamota barbaachisu hundaa kan argate korichi, jaarsota iddoo garaa garaa jiran ummata keessaa filachiisuun waraanni mootummaafi riphee lolaa Oromoo gidduu jiru akka dhaabbatuuf kan hojjatan ta’uu barreessaan Korichaa Obbo Lammii Taayyee dubbataniiru.

Komaandi poostii Oromiyaa lixaafi Gujitti labsame kaasuun, intarneetiifi bilbila addaan cite ture deebisiisuun, qaamootni lachuu waraana dhaabanii mariin qofa dhimmasaanii akka fixataniifi  korichi kan hojjatu ta’uu ni ibsu.

Korichi paartii siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’ee aantummaa ummataa qofaaf kan hojjatu ta’uusaafi qaamotni lachuu haal duree tokko malee waraana akka dhaabanis gaafataniiru.

Mootummaan qaama nagaa buusuu danda’u hunda kan deeggaru ta’uu kan himan immoo Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, koree nageenyaafi araaraa kanaaf mootummaan deeggarsa hunda kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

“Waggoottan darbanitti qeeerroof qarreen wareegama kanfalaa turan akka Oromoon walirratti dhukaasuufii miti” jedhanii,  waraanni mo’aafi mo’amaa hinqabne kun akka dhaabbatuuf yaalii koree kanaan cinaa kan dhaabbatan ta’uus ibsaniiru.

“Teenyee mariidhaan rakkoo nu gidduu jiru furuu dadhabnee wal dararuufi biyyaa wal baasutti ceena taanaan seenaa gadhee galmeessinee kan dabarru ta’uus beekkamuu qaba” jedhaniiru.

Korichi Artistoota, hayyootaafi Oromoota quuqama sabaa qaban 13n dhaabbata tola ooltummaa Furtuu jalatti kan hundaa’ee yemmuu ta’u, imimmaan haadholii Wallaggaa ni dhaaba jedhee abdatameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

One Comment to “Waamicha Araaraa Immimmaan haadholii Wallaggaa qoorsuuf dhihaate”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *