Finfinnee: Ilaalchi dur, “Dubartiin golaa olitti” jedhu guutummaatti ta’uu baateyyuu wayita ammaa hawaasa keessaa hir’achaa dhufuunsaa beekamaadha.
Dubartootni hedduun gola maatiisaanii keessaa bahanii dameewwan addaddaa keessatti hirmaachuutiin fayyadamummaasaanii mirkaneeffachaa jiran lakkoofsaan xiqqaa miti.
Irra caalaansaanii sektaroota barnootaa, fayyaafi daldalaa keessatti qooda fudhachaa kan jiran yoo ta’u, gariinsaanii ammoo qorannoowwaniifi ogummaa injinariingiirratti bobba’uun ofiifi maatiisaanii, akkasumas hawaasaasaanii tajaajilaa jiru.
Daandii Qilleensa Itoophiyaatti balaliistuun xiyyaaraa ‘Booyiingi 373’ durbee Firehwoti Balaay hirmaannaa waliigalaa dubartootni misooma hawaasummaafi dinagdee keessatti qaban ilaalchisee Roobii darbee Gaazexaa Bariisaa waliin turtii taasisteetti. Haala kanaan waggoota sadan darbanirraa kaasee daandii qilleensichaa keessatti dubartoota muraasa ittigaafatmummaa guddaa fudhatanii xiyaara balaliisuun hawaasa tajaajilaa jiran muraasa keessaa tokko ta’uushee himteetti.
Naannoo Oromiyaa magaalaa Baddalleetti dhalachuusheefi Jimmaatti ammoo guddashee kan dubbattu durbee Firehwoti, erga barnootashee sadarkaa 1fafi 2fa achumatti xumurteen booda Yunvarsiitii Finfinneettis damee sivil injinariingiin digrii 1fa qabachuu dandeesseetti.
Akkasheen dubbattutti, osoo balaliistuu xiyyaaraa taatee Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti hinqacaramiin dura dhaabbilee dhuunfaafi kaampaanii konistiraakshinii Chaayinaa keessatti ogummaa injinariingiitiin muuxannoo gabbifatteetti. Hojii qabatterratti dorgomtuu cimtuu waan taateef yeroo gabaabaa keessatti xiyyaara Booyiingi 373 balaliisisuuf carraa argachuushee himteetti. Xiyyaarri Booyiingi 373 yeroo hundumaa gara biyoota baha giddugaleessaatti kan imaluudha.
Dubartootni akkuma dhiirotaa hojiilee addaddaarratti yoo bobba’an milkaa’uu danda’u kan jettu durbee Firehwoti, xiyyaaras balaliisisuuf waanti isaan daangessu akka hinjirre ibsiteetti.
Cimnee hojjennaan akkuma dubartii Ruusiyaa, ‘Valentiinaa Tarashkoovaa’ hawwaarra qubannee hawaasa idiladdunyaa raajeffachiisuuf gahumsaafi dandeettii qabna jetteetti. Tarashkoovaan ALA bara 1963tti yeroo jalqabaaf dubartii hawwaarra qubatte yoo ta’u, beekamtiifi dinqisiifannaa guddaa argachuun seenaa yoomillee hindagatamne galmeessisteetti.
Kanaaf xiyyaara balaliisisuun keessumaa dubartootaaf hojii mijataa waan ta’eef, barnootasaanii cimanii barachuutiin gara damichaatti akka seenaniif gorsiteetti. Hawwiinshee gara fuulduraas balaliistuu olaanaa ta’uutiin hawaasaafi biyyashee tajaajiluu akka ta’e himteetti.
Durbee Alamwarqi Fiixaas akkuma Firehwoti balaliistuu Booyiingi 373 yoo taatu, kanaan booda dubartootni Itoophiyaa saayinsii hawaa barachuutiin biyyasaaniirra darbanii addunyaaf bu’aa buusuu qabu jetteetti. Kutaaleen hawaasaafi mootummaanis deggarsa barbaachisu gochuufii akka qabu gaafatteetti.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 28/2012
5 Comments to “Valentinoota Itoophiyaa”