“Indastiriiwwan babal’achaa jiran rakkoo faalama qilleensaan dhufu giddugaleeffachaa hinjiran” – Doktar Ayyalaa Eeganaa

Bishooftuu: Indastiriiwwan babal’achuun hudhaalee hawaas dinagdee lammiilee furuu keessatti bakka ol’aanaa qabaatanis rakkoo faalama qilleensaan dhufu giddugaleeffatanii deemuu dhabuunsaanii dogoggora sirraa’uu maludha.

Indastiriiwwan Itoophiyaa keessatti babal’achaa jiran faayidaa abbootii qabeenyaa guutuun alatti rakkoo faalama qilleensaan qaqqabaa jiru giddugaleeffatanii hojjetaa akka hinjirre Komishiniin Kunuunsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama Haala Qilleensaa beeksise.

Komishinichatti  Daarektara Walii Galaa Qophii Qorannoo Seeraafi  Imaammataa Sadarkaalee kan ta’an Doktar Ayyalaa Eeganaa marii gaazexeessitoota waliin magaalaa Bishooftuutti Kamisa gaggeessaa turanirratti akka dubbatanitti, rakkoon faalama qilleensaa balfaalee indastiriin qaqqabaa jiru olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa misoomni indastiriiwwanii akka biyyaatti babal’achaa jiru faayidaa abbootii qabeenyaa muraasaa eeguun alatti balaa faalama qilleensaan qaqqabaa jirurratti xiyyeeffannoo inni laataa jiru laafaa ta’uu kaasaniiru. Faalama qilleensaa qaqqabaa jiru kanaan miidhaan uumamarratti qaqqabaa jiru olaanaa ta’uusaa ibsanii damichi rakkoo qaqqabaa jiru kanaaf xiyyeeffannoo laachuu akka qabu dubbataniiru.

Indastiriiwwan tokko tokko teknolojii balfawwan qulqulleessu qabna jedhanis hagas mara quubsaa akka hintaane kaasanii, dhimmi kunimmoo madaala uumamaa hubuun lubbu qabeeyyiirratti miidhaa qaqqabsiisaa waan jiruuf seera invastimantii guuttachuu akka qaban dhaamaniiru.

Balfawwan warshaalee keessaa ba’an miidhaa kan hinqaqqabsiine fakkaatanis deemsaan dhibee hamaaf kan nama saaxilan ta’uufi indastiriiwwan ulaagaa invastimantii osoo hinguutiin babal’achaa jiran irratti hordoffiin karaa mootummaa taasifamuu qabu cimuu qaba jedhu. Kun ta’uudhaa baannaan egereen jiruufi jireenya lammiilee balaa keessa akka ta’es ni ibsu.

Balfawwan warshaalee gara garaa keessaa ba’aniin alattis keemikaalonni tajaajila gara garaaf alarraa galan hordoffii gahaan taasifamaafii akka hinturres ibsanii inni kunis dhaabbachuu akka malu yaadachiisaniiru. Yeroo ammaattis keemikaalota akka feeteen alarraa gara biyya keessaa seenanirratti hordoffiin taasifamuu eegaluunsaa jajjabeessaa akka ta’es himaniiru.

Rakkoo faalama qilleensaan walqabatee addunyaan haala sodaachisaa keessa akka jirtullee kaasanii tarkaanfiin to’annoo fudhatamuudhaa baannaan balaa ta’uu dubbataniiru.

Akka ibsa Dr. Ayyalaatti balfawwan hedduunsaanii lageen itti dabalamuun gogsuurra darbanii bishaan dhalli namaaf biqiloonni dhugaatiif itti fayyadaman tajaajila ala gochaa jiru. Omisha qonnaan bulaarrattis dhiibbaa kana hinjedhamne qaqqabsiisaa jiraachuusaatiin dhimmichi hordoffii cimaafi kutannoo siyaasaa kan barbaadudha.

Warshaaleen kunneen ulaagaa barbaachisu hunda osoo guuttatanii rakkoon kun akka hinhammaanne kan eeran daarektarichi, xiyyeeffannoon kana booda taasifamuu qabu fooyya’uu akka malu ibsaniiru.

Itoophiyaa magariituufi faalama qilleensaarraa bilisa taatee ijaaruuf tumsi miidiyaalees murteessaa akka ta’u akkasumas, galma ga’iinsa misooma magariisaa mootummaan eegalame kana saffisiisuu keessattis lammiileen harka walqabatanii socho’uu akka qabanis dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

One Comment to ““Indastiriiwwan babal’achaa jiran rakkoo faalama qilleensaan dhufu giddugaleeffachaa hinjiran” – Doktar Ayyalaa Eeganaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *