“Sirna siyaasa Itoophiyaa okkolaa jiru qajeelchuuf filannoo walabaa adeemsisuun dirqama”-Paartiilee morkattootaa

Finfinnee: Sirna siyaasa Itoophiyaa okkolaa har’a gahe  wal’aanuuf ykn qajeelchuuf furmaatni filannoo walabaa karaa hundumaan guutuu ta’e adeemsisuun dirqama ta’uu paartileen morkattootaa ni ibsu. Xinxaltootni siyaasaas yaaduma kanarratti waliigalu.

Miseensi hoggansa Paartii Dimokraatawaa Tigiraayi Doktar Aragaawwii Barihee akka jedhanitti, filannoon heera biyyattiin qabdurratti hundaa’uun kan adeemsifamuufi ummatni dhiibbaa tokko malee karaa ifaafi dimokiraatawaa ta’een bakka bu’ootasaa akka filatu kan taasisuudha. Filannoo walabaa adeemsisuun  sirna siyaasa biyyattii okkolaa ykn raafamaa jiru waan qajeelchuuf paartiin biyya bulchaa jiruufi paartileen morkattootaa waliin akka hojjetaniif kan dirqisiisu ta’uu himu.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo waliigalaa baranaa karaa walaba ta’een adeemsisuuf guyyaa filannoo beekisus akka paartiisaaniitti rakkoo keessa jiraachuusaaniis dubbatu. Keessumaa Naannoo Tigiraayitti sochiin dimokraatawaa ta’e waan hinjirreef, hanga ammaatti aanaaleefi magaalota Tigiraayi keessatti waajjira banachuu hindandeenye. Sadarkaa rakkoon kun irra jirus ji’oota sadii dura boordichaaf dhiyeessinullee deebii argachuu hindandeenye jedhu.

Kanarraa kan ka’e kaayyoofi sagantaa, akkasumas mul’ata paartichi qabu gurra ummataan gahuuf rakkachaa jiraachuu himanii, kun guyyaa qabametti Itoophiyaatti filannoo walabaafi haqaqabeessa ta’e adeemsisuuf hangam ulfaataa akka ta’eefi siyaasa biyyattii okkolaa jiru daran  kan hammeessu ta’uusaa mul’isa jedhu.

Sirna siyaasa biyyattii kana qajeelchuudhaaf filannoo walabaa karaa guutuu ta’een adeemsisuun dirqama waan ta’eef, boordichi har’umarraa eegalee karaa bilisa ta’een gahee hojiisaa bahachuu akka qabu gorsu. Paartiin biyya bulchaa jirus paartilee morkattootaa qarqaratti dhiibuuf jecha karaa mul’atuufi hinmul’atneen dhiibbaa gochuurraa ofqusachuu akka qabu yaadachiisu.

Hundarra ammoo lammiileen bilisaan yaadasaanii akka ibsataniifi paartileen morkattootaas  karaa seeraan ummata waliin akka mari’ataniif daangeffamuu ykn ittifamuu akka hinqabnes hubatamuu qaba jedhan. Sochiin taasifamu marti heeraafi walta’insa ummattootaa kan diigu taanaan garuu  daangessuun filatamaadha jedhu.

Ittigaafatamaan Waajjira Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Xurunaa Gamtaa gamasaaniin akka ibsanitti, filannoo walabaa adeemsisuun rakkoo siyaasaa biyyattii bu’uurarraa furuuf shoora guddaa kan qabuudha. Kana gochuuf ammoo raawwachiistotni filannoofi dhaabbileen dimokiraasii dhiibbaafi loogii tokko malee bilisaan yoo kan hojjetan ta’eedhaa jedhu.

Filannoo waliigalaa asiin dura gaggeeffamaa ture keessatti Boordiin Filannoo Biyyaalessaa walaba hinturre kan jedhan Obbo Xurunaan, ha’as karaa bilisa ta’een hojjechaa jira jechuuf haalotni nama rakkisan jiraachuu eeran. Keessumaa caasaaleen boordichaa hanga gandaatti jiru hanga ammaatti waan hinijaaramneef walabummaasaa dursanii dubbachuun rakkisaadha jedhu.

Obbo Wandasan Tashoomaa ammoo miseensa hoggansa Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaa (Izeemaa) yoo ta’an, akkaataa heera biyyattiin qabduun filannoon waliigalaa biyyaalessaa waggaa shan shaniin karaa walaba ta’een adeemsifamuu qaba. Siyaasa biyyattii dhukkubsachaa jirus guutummaatti fayyisuun kan danda’amu filannoo walabaafi haqaqabeessa ta’e adeemsisuudhaan qofadha jedhu.

Filannoo walabaa adeemsisuun sirna siyaasaa Itiyoophiyaa okkolaa jiru kan qajeelchu waan ta’eef, milkeessuudhaaf caaseffama aangoo siyaasaa sirreessaa deemuun murteessaa ta’uu himu. Hoggansi mootummaas ummataafi paartilee morkattootaa waliin ta’uun jijjiiramoota argaman kunuunfachaa, kan hafe ammoo guuttachaa deemuun murteessaadha jedhu.

Filannoo walabaa badhaadhinaafi tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsu adeemsisuuf mootummaa ce’umsaa hundeessuun ykn heera mootummaa RFDI jijjiiruun ammaaf barbaachisaa miti jedhanii, paartileen morkattootaa ejjennoo akkasii qaban dogoggora ta’uusaa hubachuu akka qaban gorsu. Kanarra dhaabbilee dimokraasii  cimsuuf hojjechuun murteessaadha jedhu.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo walabaafi dimokraatawaa ta’e adeemsisuu danda’uusaa adeemsaafi raawwii murtee ummata Sidaamaa, akkasumas galmeessa paartilee siyaasaarratti argineerra kan jedhan Obbo Wandasan, kan fulduraas abdii qabeessadha. Tumsiifi walta’insi qaamolee maraa garuu murteessaa ta’uufibiyyattii gara sirna siyaasaa fooyya’aatti ceesisuuf filannoon waliigalaa marsaa 6fa baranaa karaa walaba ta’een adeemsisuun dirqama ta’uu addeessu.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

8 Comments to ““Sirna siyaasa Itoophiyaa okkolaa jiru qajeelchuuf filannoo walabaa adeemsisuun dirqama”-Paartiilee morkattootaa”

  1. Pingback: check it out
  2. Pingback: หวย

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *