“Piroppoozaala bocanii fiduun invastara ofiin jechuun dur hafe” -Obbo Solomon Alamuu

Dasee: Gahee invastarootni rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuufi dinagdee biyyaa saffisiisuu keessatti qaban salphaa miti. Invastaroonni ga’umsaan hojiisaanii mo’atanii hojjetan baay’inaan dhibamuun garuu hawaasa biratti komii bal’aa uumaa jira.  Komiin hawaasaa akka bal’atu kanneen taasisan keessaa tokko invastarootni hojiilee misoomaa garagaraa irratti hirmaatan irri jireessi ulaagaa invastimantii guutuu dhabuusaaniiti.

Ittigaafatamaa Qajeelcha Invastimantiifi  Misooma Magaalaa Dasee Obbo Solomon Alamuu ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, haaromsaan dura simannaa invastarootaa irratti rakkoon mul’achaa tureera. Inni qabus inni hinqabnes piroppoozaala dhiyeessuun maqaa invastarummaan lafa misoomaaf fudhatetti dallaa ijaaree kaa’aa ture. Lafti bifa kanaan fudhatame hedduunsaa dallaan itti ijaaramee waggoota dheeraaf misooma malee taa’uusaan rakkoo nageenyaa ta’aa akka ture himaniiru.

Haromsaan booda garuu qaamni maqaa invastarummaan dhufu kamiyyuu piroppoozaalaafi maallaqa hojigaggeessituu dhibbantaa 30 baankiirraa qabaachuu isaa ragaa agarsiisuun dirqama ta’uu himanii, kana malees qabeenya dhaabbataafi socho’aa kaappitaala piroppoozaalasaa dhibbantaa 50n caalu qabaachuun ulaagaa dabalataa ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan invastaroota lafa fudhatanitti dallaa itti ijaaranii utuu hinmisoomsin waggaa dheeraa lakkoofsisaa 25 keessaa 15 tarkaanfiin fudhatamuu eegallaan gara hojiitti seenaniiru. Invastaroonni lafa invastimantiif fudhatanii dallaa itti ijaaranii utuu hinmisoomsin tursan  irri jireessisaanii invastaroota biyya keessaa ta’uu himanii, kanneen maqaa invastimantiitiin lafa fudhatanii utuu hinmisoomsin tursan irratti tarkaanfii irratti fudhachaafi akeekkachiisa itti kennaa jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan lafti Hoteela Xoosaa Daseef fudhatamee tureefi utuu hinmisoomin waggoota dheeraa lakkoofsiseef akeekkachiisni kennameefii jennaan   ijaarsisaa jalqabee gamoo 3ffaarra gaheera kan jedhan Obbo Solomoon, qajeelfamni invasimantii haaraa bahes invastaroota fakkeessanii jiraachuu barbaadan kan hin hammanne waan ta’eef komiin dur gama kanaan ture hir’isaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Magaalaan Dasee invastaroota misoomawaa ta’an kamiyyuu simachuuf karrishii banaadha kan jedhan Obbo Solomon, kanneen maal nadhibdeen qabeenya uummataarratti yeroo dabarsuu barbaadaniif garuu obsa kan hinqabne ta’uu hubachiisaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

6 Comments to ““Piroppoozaala bocanii fiduun invastara ofiin jechuun dur hafe” -Obbo Solomon Alamuu”

  1. Pingback: pglike
  2. Pingback: Food Recipes
  3. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *