Doktar Sisaay Raggaasaa: Jireenya daandiirraa hanga hayyummaatti

Doktar Sisaay Raggaasaa Yunivarsitii Finfinneetti, pirofesara gargaaraa ikkonomiksiiti yoo ta’an, hayyuu dhimmoota taaksiifi dinadgee ilaallatanirratti qorannoowwan adda addaa geggeessaniidha. Jireenyisaanii bu’aa ba’ii hedduu keessa kan darbe yoo ta’u daandiirra jiraachuu, fira bira jiraachuu, loltummaafi kkf keessa darbaniiru.

Sababa rakkinaatiin yeroo dheeraaf barnoota addan kutanis booda itti deebi’uun jireenya akka haaraatti wal’aansoo ittiin qabaniiru. Wayita ammaas hayyuu dame dinagdeetiin biyyattiin qabdu keessaa isaan tokko ta’aaniiru. Gaazexaan Bariisaas Keessummaa torban kanaa isaan taasisuun muuxannoo isaanii isin dubbistootaaf qooduu filateera; dubbisa gaarii.

Bariisaa: Doktar eenyurraa, eessatti dhalatan, barattan?

Doktar Sisaay: Sisaay Raggaasaa Sanbataan jedhama. Haati kiyya ammoo Muluu Mi’eessaa jedhamti. Haadha kiyyaaf sadaffaa abbaa kiyyaaf ammoo ilma jahaffaadha. Ani abbaa ijoollee afuriiti, (dhiira tokkoofi dubara sadii). Ijoolleen koos barumsaan ciccimoodha. Mana barumsaasaanii keessatti maqaansaanii yeruma hunda gabateerratti maxxanfama, waamama.

Kanin dhaladhe Arsii, Asallaatti. Kanin guddadhe Muunessaatti. Barumsaa sadarkaa jalqabaa Araxaa Cufaatti, sadarkaa lammaffaafi jiddugaleessaa Katar Fuwaafuwaateetti, kan Magaalaa Aburaa (Ogolchoo) jedhamuttin baradhe. Kutaa 8fa Mana Barumsaa Ciqee Taraaraatti, sadarkaa 2a Mana Barumsaa Qarsaattin hordofe.

Bariisaa: Sana booda hoo?

Doktar Sisaay: Ani ilma qonnaan bulaati. Barumsaaf iddoowwan adda addaa deemuun koo seenaa mataasaa qaba. Asallaa sababii buqqaaneefi. Manni oggaa boorataadhaan diigamu televezhiniidhaan yeroo tokko tokko mul’atu seenaa dhugaa warra kootiifi fakkaattotasaaniiti. Maatiin koo Asallaarraa buqqa’anii naannawa hara Laangaanootti galan. Yeroo sana naannawa Laangaanoo warri abbaa lafaa gara makaanaayizeeshiniitti waan hin yaadneef lafti waan jiruuf ciisanyaa ta’anii jiraachuuf achi deemame. Laftisaa daran gammoojjiidha. Yeroo sana qorichi akka barbaadamutti waan hinargamneef haati koo busaadhaan duute. Sababa kanaan  adaadaa kiyya biratti gara Araxaatti deebi’e. Isaan biratti deebi’ee hanga kutaa 6fattis  achitti baradhe. Akkuman siin jedhe kutaa 7fa Katara Fuwaafuwaateettin baradhe. Kutaa 8fa irraa kaasee ammoo bakka abbaan koo jirutti deebi’een baradhe. Kutaa 9fa irraa kaasee ani mana barumsaa keessa hinturre. ‘Amraachi Hibrat Siraa Maahibariin’ qonnaan bulaan marti wajjummaan qota. Jiruun baay’ee hammaatte. Nuti ammoo magaalaatti gareedhaan mana kireeffannee waan nyaannu ofumaa bilcheeffachaa barachaa turre. Haala maatii keessatti barre wajjin oggaa ilaalamu  haala kanaan nyaata qopheeffachaa barachuun daran ulfaataa ture. Maatiin waan nu barbaachisuun nu gargaaruu hindandeenye. Otumaan kanaan jiruu kutaa 8fa irraa loltuu ta’ee deeme.

Bariisaa: Haala kamiin gara loltummaatti seentan, fedhiidhaanimoo dirqamaan?

Doktar Sisaay: Fedhiidhuma kiyyaanin deeme. Sana duras seenaan wayii jira. Oggaan biyyaa deemu kallattummaan gara loltummaatti hinseenne. Waanin rakkadheefin biyyaa bahe. Bishooftuutti nama daandiirra jiraataa tureedha.

Akkitti Bishooftuu deemes akkuman sitti hime rakkinarraa kan ka’e barachuu hindandeenye. Warri haalicha obsee dandamatee duubatti hafe. Ani biyyaan bahe. Garuma lukti naan dhaqetti qajeeluuf baheen Bishooftuu dhaqe. Achitti hojii guyyaas hojjedheera. Guyyaa guutuu qarshii tokkoofi saantima 92n hojjedheera. Waan baatamu baachaatuma waan arganne hojjetaa turre. Kan fe’amus ni feena, karaadhumarra rafaa jechuudha.

Kana boodan gara loltummaatti seene. Oggaan loltuu ta’ee deemu dhaabbata ‘Ayyar Walladii Itoophiyaa’ warra paaraashuutiidhaan xiyyaararraa bu’anittin makame. Isaa keessaa ammoo filatamnee ‘ispaartaa’ kan jedhamaa turetti ‘illiit army of Dargi’. Isa keessatti Ertiraan ture. Yeroo Dargiin kufu Ertiraan ture. Baqataa ta’ees Sudaan tureera. Achiiyin gara biyyaatti deebi’e. Achii deebi’een qonna jalqabe. Kanas waggoota lamaaf hojjedheera. Innis na deemsisu didnaaanin barnootatti deebi’e. Hiriyoonni koo duraan na beekan akkan barnootatti deebi’u na onnachiisaa turan. Hiriyoota keessaa kaan barsiisaa, kaan hakimii, ta’aniiru. Ani ammoo deebi’een qonnaan bulaa ta’e.

Baradhee eessan gaha jedhee bakkan dhiisee jirutti gorsa hiriyyoota koos fudhadhee gara mana barnootaatti qajeele. Bakki manni barumsaa itti argamu Qarsaan Laangaanoorraa fagoodha. Ta’us dhaqee gaafannaan yeroo dheeraaf waanin addaan kuteef barumsatti deebi’uun rakkisaa ta’uun natti himame.

An kanin yaadaa ture kutaa 9tti deebi’uufi. Garuu rakkisaa ture. Eessa turte, waan loltuu turteef leenjii haaromsaa fudhachuu keetiif yoo ragaa fidde malee jedhanii na didan. Kunis xiiqii keessa na galche. Akkamitti kun ta’a, anu nan baradha jedhee dhufee isin kana fidi, sana fidi jettanii na didduu jedhee aare. Isaanis seera mootumaan waan nutis ni rakkanne naan jedhan. Anis karuma ta’een ragaa gandarraa barreessifadhee kutaa 9fatti deebi’e jechuudha.

Kutaa 9fa irraa jalqabee barumsa koo ittifufuun qabxii gaarii galmeessisee yunivarsitii Finfinnee seene. Yunivarsitiittis barumsa waggaa jalqabaatti kennamurraa kaasee qabxii olaanaa galmeessisaan ture. Hanguma dhumaattuu qabxiin koo olaanaa ture. Yunivarsitichis kanumarraa ka’ee asitti na hambifate. Asumattin baradhee asumattin barsiisaa jira.  Hojiin ani beeku lama. Isaanis barsiisummaafi loltummaadha.

Barsiisaa: Oggaa lotummaadhaan tajaajilaa turtanitti sadarkaan hinargannee doktar? Jireenyi loltummaa hoo akkamitti ibsama?

Doktar Sisaay: Argadheera malee, Kurnaalaa Ittaanaan ture. Yeroo sana Ertiraafi Itoophiyaan afaaniin wajjummaan jiru jedhama malee qabatamaan walbira hinturre. Lukaan deemuu hindandeessu. Konkolaataan ammoo asii achi hindhaqu. Sooranni xiyyaaraan Asmaraa geeffama. Sababiinsaas jidduu kanatti (Tigraayitti) Wayyaaneen jira.

Kaan ammoo dooniidhaan Asabirraa dhufaa ture. Isa booda Mitsiwwaanis waan qabamteef tajaajilli geejibaa kennamaa kan ture xiyyaara qofaani. Jireenyisaa jireenyuma biyya biraa fakkaata.

Haallisaa daran rakkisaa ture. Lola qofa otoo hinta’iin hariiroon jiru kan addaan cite waan ta’eef daran gidirsaa ture. Lubbuun gaafa Rabbi jedhe malee waan homaa hintaaneef sana bira darbamee as gahameera. Ijoolleen wajjin duulle oggaa na biraa du’an oggaan ilaalu dhugaadhumatti abdii nama kutachiisa. Koloneel Mangistuun asii bade jennaan gara Sudaanitti baqachuun dirqama ta’e.

Bariisaa:  Jireenya dabarsitan har’a duubatti deebitanii oggaa yaadattan akkamitti ibsitu mee? Miira akkamiitu isinitti dhagahama? Bu’aa ba’ii olaanaa keessa darbuun nama qarinnaa?

Doktar Sisaay: Jireenya bu’aa ba’ii nama qaruu keessatti gumaacha olaanaa qabaata. Fakkeenyaaf oggaan baradhu  kanin dorgomaa ture barattoota wajjin otoo hintaane barumsichuma mataasaaiini. Hangamin beeka, hangam ammoo hinbeekne kan jedhuudha akeekni koo. Fakkeenyaaf oggaa kutaa 11fa xumurru korsiin hindhumu. Warri humna qabu yeroo gannaa gara magaalota guguddoo geessee ijoolleesaa barsiifata; kutaa 12fatti ce’uuf jechuudha. Asii barnoota kutaa 11fa fixee 12fatti darbeera. Garuu barumisi uwwifamuu qabu hinxumuramne.

Naannawa ani itti baradhetti yeroo gannaa magaalaa guddaa deemanii barachuun hinturre. Ani barumsa hafu sana ijoolleen wajjin baradhu yeroo gannaa ittiqophaa’een barsiisaa ture. Isaanis uffata naa bitu. Ijoolleen wajjin baradhu wajjin dorgommii keessa seenurra hammamin hubadhe, barumsi kennamuu qabu hammam itti deemameera kan jedhuudha madaalliin koo.

Ammas ennaa barsiisu miiruma kanaani. Muuxannoo ykn naamusa guddaa kana jireenyan keessa darberraan fudhee dhufe. Rakkoo guddaa keessa darbuun akka danda’amus qabatamaan hubadheera. Oggaa rakkoo guddaa keessa dabartu ittiquufiinsa dhabda. Nama tokko tokkotti waan rakkoo keessa dabarteef waan gammaddu fakkaata. Bu’aa ba’ii keessatti jireenyi duwwaa namatti taati. Rakkoon dammarra mi’oofti jedha mitii Oromoon.

Bariisaa: Keessumaa ijoollee har’aa barumsatti jiran haala isin keessa dabartanii barattan oggaa walbira qabdanii ilaaltan maaltu isinitti dhagahama?

Doktar Sisaay: Namni si’anaa dafee harka kennata; abdiis kutata. Kan na gaddisiisus kana. Carraa baay’een otoo si harka jiruu carraa sana hinfayyadamtu. Asirratti iccitii tokko sitti himuuf oggaan biyyaa dhufu lafa abbaan koo naa kenne bishaan hinseenu. Biyyi keenya biyya jallisiiti. Garuu bishaan hinseenu. Oggaan kana hubadhu halkan halkan qoteen bishaan dabsuun bishaan akka seenu gochaa ture. Namoonni mala kana hinbeekne guyyaa guyyaa natu obaafataarratti wallolu. Oggaan halkan ka’ee qonna koo obaafadhu “Seexanni si rukuta”faa jechuun na qeequ turan.

Ani garuu sanaaf gurra hinkennine. Kanaanis yeruma sana jireenya koo jijjiirame. Namoonni liqiifuu na bira dhufuu eegalan. Ani duraan nama homaa hinqabne, harka qullaan ture. Kutadhee malaan hojiitti seenee otoo waggaan hinguutiin waa na harka galuu eegale. Timaatimiifi qaaraafaa dhaabeen gurguraan ture. Yeroonsaas yeroo tsooma faasikaa waan ta’eef muduraan dhaabuu waan dafee naa qaqqabeef gurguradhee maallaqan qabu ofirra bira darbee namaafuu ta’uu eegale.

Haaluma keessa jirurratti carraalee jiran uumuufi ittifayyadamuuf tattaafachuunis daran gaariidha. namni carraa naannawasaa jirutti waan hinfayyadamneef rakkata. Otoo kun ta’ee har’a namni hojii dhabe jedhee hinrakkatu. Gargaarsi barbaachisus garuu kaka’umsi ofii iddoo olaanaa qaba. Jireenya ofii mo’achuufis xiiqiifi kaka’umsa qabaachuun murteessaadha.

Fakkeenyaaf dhugaa dubbachuuf ani oggaan baradhu barsiisuuf jedhee hinbaranne. Waanti tokko garuu sammuu koo keessa tureera. Otoo harka namaa hinilaaliin of danda’ee jiraachuu ture abjuun koo. Yoon baradhes hojjetaa misoomaafi barsiisaa ta’uudha hawwiin koo; kanin argu isaan waan ta’eef. Keessumaa hojjetoota misoomaa mindaasaanii maddiitti oggaa isaan loon horsiisaniifi hojiilee qonnaa adda addaa hojjetan waanin arguuf anis akkumasaaniitti jiraachuuf hawwuu malee as dhufee barsiisaa yunivarsitii ta’a waan jedhu sammuu keessaa hinqabun ture.

Gaafanu as dhufu jireenyi salphaa hinturre; namni na gargaaru waan turreef. Obboleessa koo tokkotu hanga tokko na gargaaraa ture malee bu’aa ba’iidhumanaanin baradhe. Oggaan yunivarsitii seenu meeshaalee barumsaaf barbaachisan guuttachuufuu guddaan rakkadhe. Hidhannoo ispoortii bitachuuf humni koo hindanda’u ture. Kanaaf kophee barabaasoo hiriyaan koo tokko fidee dhufe. Surreewwan lama qabu keessaa tokko mureen ispoortiif oolfadhe. Barabaasoon yeroo aduu waan nama gubuuf baafadheen miila qullaa asfaaltiirratti ispoortii hojjechaa baradhe. Oggaa barsiisan qajeelfama kennu ani bakka tokko dhaabadhee dhaggeeffachuu hindanda’u, waan lafti faana koo gubuuf.  Nama oggaan kana godhu argeef waanuman jaalala ispoortiitiif socho’aa jiru ittifakkaata. Semistarri tokko kanumaan xumurame.

Ijoollee kuma 600 keessaa afur taanee qabxii 4:00 galmeessisnaan qarshii 150 badhaafamne. Semistara lammaffaatti qarshiin badhaafameen sharaa bitadhee itti seenee namaan qixxaadhe. Yoo namni shaayiin sii bita jedhee na waames dhaqaa hinturre, har’a shaayii yoon affeeramee ani ammoo boru affeeruu waanin qabuuf. Ani ammoo kana gochuu waanin hindandeenyeef tole jedhee hindhaqun ture. Namoonni kana naa hinhubanne tokko tokko akka jibba wayiitti ilaalaa turan.  Ani garuu gaafa hunda namarraa shaayii dhuguun waan hindanda’amneefin alaalumatti dheesse.

Jireenya loltummaa keessatti dabarsuun koo oggaan baradhu daran na fayyade. Bakka dhaloota keetti haalli jireenyaa walirraa fagoo waan hintaaneef si hinrakkisu. Oggaa gara yunivarsitii dhuftu garuu garaagarummaa guddaatu jira. Akkaataa jireenyaafi uffannaa keetiin nama wajjin of ilaaluun jira taanaan daran nama miidha. Ijoolleen baadiyyaa baay’een kanaan miidhamu. Garuu anatti homaa hinfakkaanne, wayittuu hinlakkoofne. Akeekni koo barumsaafi barumsa qofa. Akkuman irranatti sii ibse semistara tokkoffaatti qabxii 4.00n fide. Hanga dhumaattis ciminuma kanaan waan ittifufeef Kolleejii Bizinasiirraa badhaasa warqiitiin eebbifame. Qabxii 3.86n badhaafamaa meedaaliyaa warqiin ture jechuudha.

Bariisaa: Yunvarsiitii Finfinnee waggoota meeqaaf barsiistan?

Doktar Sisaay: Bara 1993 irraa eegalee barsiisaan jira.

Bariisaa: Ijoollee amma barsiisaa jirtan keessumaa gama naamusaatiin haala kamiin qaraa jirtu?

Doktar Sisaay: Ijoollee baay’ee wajjin ni haasofna, muuxannoo koorraas daree keessatti nan qoodaaf. Ijoolleen dura yunivarsitii seenan oggaa kana godhi jedhaniin ni dheekkamu. Garuu kun kan ta’u hammuma si baranitti. Ijoolleen ammaa hojii kennameef  hojjechuurratti obsa hinqaban. Mirga malee dirqama ofii hangana  hinilaalan. Kun ammoo rakkoo qaba. Nu, barsiisota biraas waanti hafu jira. Barattoonni waan barachuu dhufaniif waan baay’ee hojjechuun nurraa eegama. Ijoollee kanneen gara isaan qofa otoo hintaane gara deemuu qabu jennee nuti itti amannutti deemsisuun hojii keenya ta’uu qaba. Gama kanaan nu bira hanqinni jira. Namnis ni sodaata. Kanaan dura fidanii waan barattoota jiddugaleeffate jedhamee hiikaansaa addaan bade.

Ijoolleen yoo barbaadde akka barattu ta’uu baannaan akka dhiistu haala akkanaatu ture. Namoonni tokko tokko akkanatti hiikan. Kun rakkoo guddaa fide. Garuu barattootarraa kanin hubadhe yoo ati to’annoofi hordoffii cimsitee waan isaan fayyadu jettee itti amante isaan jibbanis suutuma jettee amanansiisaa itti deemte dhuma semistariirratti si galateeffatu. Garuu kanaaf kutannoo qabaachuu qabda. Kanarratti hanqina guddaatu jira.

Gama biraatiin yoo ilaalamu ijoolleenis dhugaa qabdi. Biyya kana keessa hojiidhabeeyyii danuutu jira. Kanaaf kun xiyyeeffatanii qayyabachuurratti dhiibbaa qabaata. Hojii kennamuus hojjechuurratti yeroo baay’ee “maalan ittiin godha, maalan argadhaatu” dhufa. Ijollee baratanii bahanii hojii dhaban oggaa argan abdi kutu. Kana kan jijjiiru nu, barsiisota. Sammuusaanii jijjiiruun barbaachisaadha. Kan itti himamuu qabu waan asii bahani argatan otoo hintaane isumaan asittuu waanuma ati barsiistu jaalatanii akka isaan yeroo kennanii barnootarratti xiyyeeffatan gochuun ni danda’ama. Ani gama kiyyaan barattoota koo wajjin haala kanaanin hojjetaa jira. duubdeebiin barattoota namoota haala kanaan eebbifamanii ba’aniifi dhuma semistaraarratti barattootarraa argattu si gammachiisa.

Bariisaa: Isin waa’ee guddina dinagdee gooroo biyyoota guddataa jiranii qorattaniittuu mee gama kanaan biyyi keenya akkamiin ibsamtti? Haala kamiinis qorattan?

Doktar Sisaay: Qorannoon dhimma kanarratti taasise daran natti tola. Barnoonni ikkonomiiksii amala namaa qorata; amala namaa akka nama tokkoottis akka gareettis. Kanaaf amalli namaa ammoo haala jireenyasaarratti hundaa’a.

Akkuma carraa qabu hanqinas (constraint) qaba. Fakkeenyaaf namni tokko mindaa ji’atti kanfalamuuf qaba. Fedhiiwwan baay’ees qaba. Fedhiiwwansaa sana hunda ammoo waliin gahuu hindanda’u. Kan hudha itti ta’u murtaa’ummaa mindaansaati.

Kanaaf waan murtaa’aa ofharkaa qaba, fedhiinsaammoo guddaadha. Akkamittan tartiiba qabachiisee kam dura godhachuun narra jira, kamin ittaansa, kamin dafee hojjedhu jedhee lafa kaawwachuun amaluma dhala namaati.

Haa ta’u malee amalli nama Itoophiyaa keessa jiruufi Ameerikaa ykn Awurooppaa keessa jiruu tokko miti. Haalli nuti keessa jiraannuufi carraafi hudhaan nu mudatan garaa garummaa guddaa qabu. Nama ta’uu keenyaan nutis isaanis waan namni tokko argachuu barbaadu barbaadna. Nama ta’uu keenyaan tokko jechuudha.

Garuummoo haalli nuti keessa jirru, hudhaan nu qunnamuufi carraan argachuuf jennu kan warra lixaa wajjin garaagarummaa guddaa qaba. Kitaabonni nuti asitti irraa barsiisaa jirru Ameerikaa ykn Awuroppaatti barreeffaman. Amala ofii ilaalanii barreeffatan jechuudha. Imaammatasaaniis haaluma kanaan bocatan. Yaaxxinnisaaniis (tiyoorii) isarratti hundaa’e. Oggaa akka biyyaattis ilaalamu biyyi tokko guddachuuf maal gochuu qaba?

Dhimmichi waan asirraa ka’uuf qorannoon kiyya, barattoota koos kanin cimsee barsiisu yeroo hunda waanti asitti barattan akkuma jirutti lafa bu’ee kan hojiirra oolu akka hintaaneedha. Sababiinsaas kun kan bocame amala dinagdeefi ummata biyyoota guddatanii waan ta’eef.

Biyyi keenya ammoo amalootaan (carraas ta’e hudhaa) garaagarummaa waan qabduuf ‘moodifaayi’ gochuu qabna. Bakka kamitti qabatamaa goonee akka nuu ta’utti mijeeffanna kan jedhurratti xiyyeeffadheeni yeroo baay’ee kanin hojjedhu. Ammas achirratti hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa bakkuman carraasaa argadhe hundatti kanin ibsuu barbaadu kana. Sababiinsaas yeroo baay’ee dogoggorri akka biyyaattis uumamu yaaxxinni kun Kooriyaa, Taayiwaan, Chaayinaa keessatti hojjeteera kan jedhuudha.

Bariisaa: Kana hojiitti hiikuuf maaltu ta’uu qabaree?

Doktar Sisaay: Dhalli namaa dirqamuu ykn sirni onnachiistuu jiraatu malee hintattaafatu ykn hinhojjetu waan ta’eef kun jiraachuu qaba. Akka nama dhimma dinagdeerratti hojjetuuttis adeemsa kanatti nan amana. Adeemsa kana keessatti onnachiistuun ykn adabbiin jiraachuu qaba.

Yoo kana hojjete kana argatta, yoo kana hinhojjenne ammoo hinadabamta jedhamuu qaba. Biyyoota guddatanitti onnachiistuutu jijiirama argamsiiseef. Biyyoonni tokko tokko ammoo adabbiidhaan as gahan. Bakka seentan seenaatii kana fidaa, yoo fiduu baattan ni adabamtu jedhanii kanneen dirqisiisanii yaada burqisiisan jiru.

Bariisaa: Kallattii fooyyeessa dinagdee kaa’amee itti deemamaa jiru akkamitti ibsitu?

Doktar Sisaay: Sochiin gama kanaan taasifamu guddaa miti. Sochiin dhimma kanarratti gama namoota siyaasaatiin taasifamaa jiru gama ogeessota damichaatiin deggarsa barbaachisaa hinarganne. Haallitti namoonni siyaasaa kunniin ogeessota dinagdee hirmaachisuuf itti deemantu tarii rakkina qaba.

Fakkeenyaaf riiformii dinagdee kan yaada biyya keessaa burqeedha jedhama. Yaada biyya keessaa burqeen kun amma dhimma mootummaa qofa malee saayinsiinsaa hintuqamne. Saayinsiin dinagdee saayinsii hawaasaa waan ta’eef akka fiiziksii ykn baayolojii miti.

Bariisaa: Qorannoo guddina dinagdee biyyoota guddataa jiranirratti adeemsistan maal agarsiisuurratti xiyyeeffate?

Doktar Sisaay: Qorannichi biyyoota dinagdeedhaan itti dhiyaannurratti kan hojjetameedha. Kan otoo hanga tokko sochoonee bira gahuu dandeenyu jechuudha. Biyyoonni nuti dafnee bira gahuu dandeenyu kanneen galii jiddugaleessa qabaniidha.

Maal keessa akka turaniifi maal hojjetanii eessa akka qaqqaban kan agarsiisuudha. Biyya keenyatti rakkoo guddaan waan mootummaan hojjetu ummanni kiyya jedhee fudhachuurratti duubatti jechuusaati. Waanti hojjenne sun ummatarraa ka’ee ummatumatti deebi’ee bu’ee fedhiisaa wajjin walitti dhufee garaa guutuudhaan kan kiyya jedhee fudhatee yoo hojjete malee waan mootummaan karoorfateef qofa bu’aa qabaachuu hindanda’u.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

6 Comments to “Doktar Sisaay Raggaasaa: Jireenya daandiirraa hanga hayyummaatti”

  1. Pingback: lpbwifipiso.com
  2. Pingback: MPoker

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *