Waraabessa hamuummachaa jiruuf ulaan banamuu hinqabu

Nageenyi, nama dhuunfaaf, maatiif, hawaasaafi biyyaaf dhimma daran barbaachisaafi murteessaadha. Haalonni jireenyaa mijaa’oofi fayyaalessi kan itti dhugoomeefi qabsoo dhalli namaa jireenyasaa guyyuu mo’achuuf ofiisaafi uumama wajjin taasisu milkeessuu keessatti nageenyi bakka olaanaa qabaata.

Nageenyi jireenya wajjummaafis bu’uura. Fedhiiwwan bu’uuraa dhala namaa kanneen akka nyaataa, dahannoofi uffata caalaa gatiin nagaa daran olaanaafi qaala’aadha. Fedhiiwwan bu’uuraa irranatti eerreefi kanneen biroo akka guutamuuf duraan dursee dhalli namaa nagaadhaan jiraachuu qaba.

Faallaa kanaatiin jeequmsa uumameen dhaabbileen hawaasummaafi dinadgee yoo barbadaa’an, nagaadhaan bahanii galuun yoo yaaddoo ta’e, dhukkubsatanii wal’aanamuun, hinjiru. Ogeessonnis jiraachuu hindanda’an.

Yoo hojiin hojjetame malee nyaatas ta’e mana jireenyaa argachuun hindanda’amu. Kunniin jiraatanis bakka nagaan boora’etti seerriifi sirni waan hinjiraanneef harka saamtotaafi seermaleeyyiitti kufuun waan hinoolleedha.

Akkuma dhimmi nageenyaa kun yaa’ii Caffee Oromiyaa tibbana taa’amerratti ciminaafi xiyyeeffannaan irratti mari’atame nageenya bu’uura waan hundaa ta’e kana akka qaroo ijaatti tiksuu keessatti gumaachi lammii tokko tokkoo olaanaafi murteessaa ta’uudha kan eerame.

Adeemsa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf taasifamu keessatti tokko tokkoon namaa qoodasaa bahachuu qaba. Keessumaa akka Oromiyaatti humnoonni muraasni naannicha wiirtuu fincilaa gochuuf karoorfatanii wixxirfatan jiru. Kanaafis tattaaffii mootummaan nagaa dhugoomsuuf taasisaa jiru gufachiisuun ummatoota godinaalee Oromiyaa lixaafi kibbaa rakkoof saaxiluusaanii akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama.

Barri amma keessa jirru kun yaada mo’ataa qabachuun ummata of maddii hiriirsuun yeroo itti gaaffiileesaa deebisuuf kaka’amuudha malee yeroo itti meeshaa waraanaatiin fedhii itti milkeeffatan akka hintaane sirnaan hubatamuu qaba. Kanaaf adeemsa nagaa mirkaneessuuf taasifamu keessatti gumaachi ummataa murteessaa waan ta’eef lammiileen akkuma kanaan duraa olaantummaa seeraa dhugoomsuuf yeroo kamuu caalaa qoodasaanii xiyyeennaa cimaadhaan bahachu qabu.

Akkuma Pirezidaantiin BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa, “Mootummaan naannichaa faayidaa, mirgaafi fedhii ummataa kabachiisuun, olaantummaa seeraa mirkaneessuuf ni hojjeta. Hariiroo naannolee ollaa wajjin jiru

 cimsuudhaan gara badhaadhinaatti ce’uuf tattaafataa jira” jedhan lammiileen karoorri mootummaan nageenya mirkaneessuurratti qabate onnee guutuudhaan utubamuu qaba.

Walumaagaalattuu rakkoo nageenyaa Oromiyaas ta’e biyyattiitti mul’atu keessaa bahuuf olaantummaa seeraa mirkanessuun murteessaa ta’us keessumaa akka Oromootti qoodni jaarsummaafi araaraa bakka bu’iinsa waan hinqabneef duudhaa kanattis dhimma bahuun daran barbaachisaadha.

Nagaan malee waa’een jiraachuu dhala namaa waan tasumaa hin yaadamneef rakkoolee nu mudatan furuuf seerota ammayyaa maddiitti duudhaalee ciccimoo qabnutti fayyadamuun gonkumaa dagatamuu hinqabu.

Paartiileen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’anis ummanni isaan socho’aniif fayyadamaa kan ta’u yoo nageenyi bu’uura waa hundaa ta’e haala amansiisaadhaan jiraate qofa ta’uu hubatanii hunda caalaa dhugoomuu nageenyaatiif cichanii hojjechuu qabu.

Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Recommended For You

4 Comments to “Waraabessa hamuummachaa jiruuf ulaan banamuu hinqabu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *