Qophiilee filannoo biyyaalessaa baraanaafi rakkoolee mudachaa jiran

Finfinnee: Boordiin Filannoo Biyyaales­saa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa barana Hagayya 23 bara 2012 adeemsifamu nagaa, bilisaafi dimokraatawaa taasisuuf yeroo ga­ragaraa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achaa jira. Boordichi marii torban darbe Finfinneetti adeemsiseen filannoo baranaa Hagayya 23 bara 2012 adeemsifamu milkees­suuf qophii taasisaa jiraachuu ibseera.

Walittiqabduun boordichaa Burtukaan Mid­hagsaa akka jedhanitti, filannoo baranaa nagaa, bilisaafi dimokiraatawaa taasisuuf boordichi qophiilee barbaachisan taasisaa jira. Paartiileen morkattootaa sodaa tokko malee bilisummaan akka socho’aniif mootummaan qaamolee nageenyaa waliin rakkoo nageen­yaa bakkeewwan garagaraatti mul’achaa jiru furuu akka qabu gaafataniiru.

Lakkoofsi addaa kaardii filannoof ken­name akkaataa namni biraan maxxansuu, baay’isuufi koppii gochuu hindandeenyeen qophaa’a kan jedhan walittiqabduun boordi­chaa, kanaafuu filattoonni, filatamtoonniifi paartiileen siyaasaa sodaafi shakkii keessa galuu akka hinqabne yaadachiisaniiru.

Filannoo baranaa kanarratti namootni kanaan dura raawwachiisaa filannoo turan kan irratti hinhirmaanne ta’uu himanii, boordichi na­moota hawaasa biratti amanamoofi fudhata­ma qaban kuma 250 filatee leenjisuudhaan raawwachiisaa filannoo taasisuuf hojjechaa jira. Paartiileen siyaasaa namoota filataman irratti yaada kennuufi mormuu kan danda’an ta’uus himaniiru.

 Godinaalee komaandi poostiidhaan bulan keessatti filannoo gaggeessuun rakkisaa akka ta’u boordichi ni hubata kan jedhan walit­tiqabduun tun, Sidaamaan utuu komaandi poostiidhaan bulaa jiruu garuu filannoo gag­geessinii bu’aa gaarii argachuu kaasaniiru.

Dubbi Himaan ABO Obbo Qajeelaa Mardaasaa gamasaaniin akka jedhanitti, boordichi waltajjii marii qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin taasisuun isaa bu’aa guddaa qaba. Filannoo barana adeemsifamuuf jiru milkeessuu keessattis gahee olaanaa qaba.

Filannoo gaggeessuun hojii guddaa dorgom­miiwwan hedduu of keessaa qabu tapha si­yaasaa waan ta’eef seera filannichaa eeguun barbaachisaadha. Paartiileen siyaasaas daan­gaa keessatti taphachuu qaban keessaa ba’uu hinqaban. Dorgommii mootummaa uum­mataan filatame hundeessuuf taasifamu kees­satti waliin mari’achuun barbaachisaadha.

Mariin filannoo baranaa milkeessuuf taas­ifamaa jiru haaluma kanaan kan itti fufu yoo ta’e gara ifaatti deema kan jedhan dubbi himichi, waanti guddaan waan wal­iin mari’atamu hojiirra oolochuu akka ta’e ibsu. ABOnis sagantaa isaa waltajjiiwwan addaddaarratti beeksifachaa jirachuu kaasa­nii, yeroo duula nafiladhaatti tokko lamaan ummataaf akka dhiheessan ibsu.

ABOn filannoo biyyaalessaa baranaatiif qophiilee garagaraa taasisaa jiraachuu hima­nii, hanga ammaatti koree filannoo hundees­suu, waajjiraalee dhibbaan lakkaa’aman naan­noo Oromiyaafi Amaaraa keessatti banuu, kaadhimamtootas adda baafachaa jiraachuufi paartiilee siyaasaa addaddaa waliin gamtaa uummachuun filannochaaf qophaa’aa jiraachuu himu.

Filannoo jechuun mootummaa ijaaruudha, mootummaa ijaaruun ammoo biyya ijaaru­udha kan jedhan dubbi himichi, mootummaafi biyya ijaaruuf kan murteessu ammoo ummata waan ta’eef hundumtuu filannoo irratti hir­maachuu akka qabu yaadachiisu.

Filannichi ganna keessa gaggeeffamuun­saa filattootaaf keessumaa miidhamtoota qaamaatiif daran rakkisaa ta’uufi sagaleerrat­tis dhiibbaa kan uumuu ta’uu eeranii, filannoo keessatti sagaleen nama tokkoyyuu yeroon itti murteessaa ta’u waan jiruuf filattoonni haalli rakkisaa ta’us dammaqinaan hirmaachuuf akka of qopheessan dhaamaniiru.

Ittaanaa Durataa’aa paartii Kongirasii Fed­eraalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gam­machuu Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, qophii Boordiin Filannoo Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa Hagayya 23 bara 2012 adeemsi­famuuf taasisaa jiru baay’ee duubatti harkifa­taadha.

Yeroon hafes baay’ee gabaabaa ta’uu, filannichi ganna keessa adeemsisuunis rak­kisaa ta’uufi nageenyi mirkanaa’uu dhabuunis dhiibaa uumuu akka danda’u eeru.

Ummati Oromoo filannoo kana irratti of eeggannoodhaan hirmaachuu akka qabu yaadachiisanii, paartiinsaaniis filannicha na­gaa, dimokraatawaafi bilisa taasisuudhaaf qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu ad­deesu.

Shirri ummatni bilisaan fakka hin­filanneef xaxamaa jiruufi ajjeechaa, hidhaa, sodaachisiifi reebichi ummata Oromoorratti raawwatamaa jirus dhaabbachuu akka qabus ni hubachiisu.

Hojii guddaan filannoo adeemsisuu utuu hintaane filannicha nagaa, bilisaafi dimokiraatawaa gochuudha kan jedhan Obbo Mulaatuun, gama kanaan mootummaan hidhaa, reebichaafi dhiibbaa garagaraa geesisaa jiru gamanumaa dhabauu akka qabu kaasu.

Godinaaleen Gujii, Qellem Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu komaandi poostiidhaan bulaa waan jiraniif paartiileen godinaalee kunneen keessa bilisummaan socho’uu hindanda’an jedhu.

Miseensi Paartii Badhaadhinaa Doktar Alamuu Simee akka jedhanitti, paartiileen siyaasaafi aktivistoonni bilisummaafi dimokiraasii hanga isaan shaakalanitti mootummaan obsaan ilaalaa tureera.

Haalli kun nageenya, tasgabbiifi birmadummaa biyyattii balaaf saaxiluufi filannoo biyyaalessaa kan gufachiisu ta’uu hinqabu. Mootummaafi qaamoleen hundinuu qindoominaan yoo hojjetan rakkoolee nageenyaa bakka gara garaatti mudachaa jiran furuun filannoo baranaaf haala mijeessuun ni danda’ama.

Mootummaan bakkeewwan rakkooleen nageenyaa itti mudatanitti tarkaanfii cimaa fudhachuu waan jalqabeef haalli nageenyaa akka fooyya’u taasisaa jira kan jedhan Doktar Alamuun, paartiinsaanii filannoo baranaa karaa nagaafi dimokiraatawaa ta’een akka adeemsifamuuf hojjechaa jiraachuu himu..

Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Qophiilee filannoo biyyaalessaa baraanaafi rakkoolee mudachaa jiran”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *