Firummaafi jaalala ummatootaa cimsuun biyya sabdaneessa taate ijaaruu qabna” Obbo Indaashawu Birhaanuu

Fiichee: Saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa gidduutti firummaa, jaalalaafi nageenya amansiisaa ta’e cimsuun biyya sabdaneessaafi afdaneessa taate ijaaruu qabna jechuun Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa ibsan.

 Bulchaan godinichaa Obbo Indaashawu Biraanuu kana kan ibsan kaleessa wayita jiraattotni magaalaa Fiicheefi naannawaashee Paartii Badhaadhinaa deggaruun hiriira bahanitti ture. Maanguddootni, abbootiin amantii, dargaggootniifi hojjettootni mootummaa jaalalaafi deggarsa paartichaaf qaban kennaa addaddaa dhiyeessuutiin ibsataniiru.

Akka ibsasaaniitti, biyya badhaatuufi waan hundumaan cimtuu taate ijaaruuf dhimmoota eenyummaa sabootaafi sablammootaa murteessaadha.

Kana gochuuf ammoo dogoggoroota kaleessaafi dheengaddaa sirna mootummoota qabachuu gurraacheessaniifi hacuucanirraa fagaachuun murteessaadha. Kana gochuuf ammoo dogoggoroota kaleessaafi dheengaddaa sirna mootummoota darbaniin raawwatan yaadachuutiin gadoo qabachuu osoo hintaane ummatoota gidduutti firummaafi jaalala cimsuutu qaroomina jedhan.

Tokkummaa biyyaalessaa bu’uura cimaarratti ijaarame fiduufis dogoggoroota gita bittootaan lammiileerratti raawwatamaa turan dhaadhessuu mannaa waliin jireenya, nageenyaafi jaalala uumuun hundarra murteessaa ta’uus ibsan.

Hoggansi paartiisaaniis kanuma dhugoomsuuf seerota, gurmaa’inaafi caasaalee mootummaa walxaxaa turan sirreessuuf kutannoo olaanaatiin hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Gaggeessummaan Doktar Abiyyi Ahmadis falaasama ida’amuutiin yeroo gabaabaa keessatti lammiilee biyyattiitti gammachuufi jaalala uumuurra darbee biyyoota Afrikaa bahaafi hawaasa idiladdunyaatti abdii horuu danda’eera jedhan. Kunimmoo Doktar Abiyyiifi paartiinsaanii hangam yaada mo’ataa qabatanii Itoophiyaa ceesisuuf dandeettiifi gahumsa qaban kan mul’isu ta’uusaa eeran.

Kaayyoon Paartii Badhaadhinaas biyya gama hundaan badhaate uumuudha kan jedhan Obbo Indaashawu, fedhii bu’uuraa gama hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaan jiran guutuutiin fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf kan hojjetuudha.

Dhaabbilee dagaagina dimokiraasii cimsan diriirsuutiin walqixxummaafi mirga namoomaa lammiilee dhugoomsuunis galma paartiisaanii ta’uu dubbataniiru. Kanaafis ummatootni marti deggarsa maraa taasisuu akka qaban gaafataniiru.

Jiraattuun magaalaa Fiichee Shaggituu Mokonnoon ammoo namoota deggarsa hiriiraaf bahan keessaa tokko yoo taatu, walta’insi sabootaafi sablammootaa magaalittii keessa jiru bu’uura cimaarratti kan ijaarame ta’uu ibsiti. Paartiin Badhaadhina tokkummaa ummattootaaf iddoo waan kennuuf hiriira deggarsaa akkan bahuuf nadirqisiiseeraa jetti. Paartileen morkattootaa biroos waldhiibuurra walta’insaan hojjechuu akka qaban dhaamti.

Sannaayit Mirataabis akkuma Shaggituu jiraattuu magaalaa Fiichee yoo taatu, tattaaffii hoggansi jijjiiramaa tokkummaa biyyaalessaa uumuuf taasisaa jirutti guddaa gammaduushee dubbatti. Magaalaan Fiichees jaalalaafi nageenyaan waan beekamtuuf kanuma ittifufsiisuuf qoodashee hundumaa kan bahattu ta’uu himti. Lammiileen martis nageenyaafi jaalala biyyasaaniif dhimmamuu akka qaban ergaa dabarsiti.

Hiriirri deggarsaa kun torban darberraa eegalee magaaloota garagaraa keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, guyyoota ittaananitti itti fufee kan adeemsifamu ta’uu sagantaa jirurraa hubachuun ni danda’ama.

Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

6 Comments to “Firummaafi jaalala ummatootaa cimsuun biyya sabdaneessa taate ijaaruu qabna” Obbo Indaashawu Birhaanuu”

  1. Pingback: this link
  2. Pingback: Webb.org
  3. Pingback: bk8
  4. Pingback: slot88
  5. Pingback: webcam chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *