“Barataan kaayyoo tokkoof waliin qabsaa’aa ture har’a sanyiifi amantiin walqooduu hinqabu”Dr. Abaatee Geetaahun

Dasee: Barataan barootaaf jijjiirama biyyaaf waliin hiriiraa ture amantiif sanyiin walqooduunsaa sirrii akka hintaane Pirezidaantiin Yunivarsiitii Walloo beeksisan.

Pirezidaantii yunvarsiitiichaa Doktar Abaatee Geetaahun ibsa addatti gaazexaa Bariisaaf Wiixata darbe kennaniin, dhaabbileen barnootaa olaanaa wiirtuu miirri tokkummaaf walqixxummaa itti ijaaramu ta’uu eeranii, kufaatii sirna mootota abbaa irree saffisiisuu keessatti barataan sanyiifi amantiin walqoodee qabsaa’aa akka hinturre dubbataniiru.

Miirri tokkummaafi walkabajuun waan tureef sirnoonni lammiileetti daranyoo ta’aa turan kufuu danda’uu yaadatanii, har’as miirri obbolummaa cimuu akka qabuufi waldhabdeen iddoo garagaraatti mudachaa jiru miira tokkummaa kaleessaa kan faallessu waan ta’eef sirrachuu qaba jedhaniiru.

Barataan gabatee tokkorraa nyaatuufi biyya tokko ijaaruuf deemu gara jabummaan wal ajjeesuun dogoggora ta’uufi yeroo ammaatti dhaabbileen barnoota olaanaa bakka qorannoofi qo’annoo ta’uu osoo qabanii yaaddoo biyyaa ta’aa jiraachuun isaanii kan nama yeellaasiisu ta’uu ibsaniiru.

Ilaalchi hamaa akkasii akka dhaabatuuf yunvarsiitiiwwan keessatti dura buutota barattoota amantii garagaraa jidduutti marii bal’aa gaggeessaa turuu kaasanii, dura buutonni kunneenis hawaasa yunvarsiitichaafi abbootii amantaa waliin marii bal’aa taasisuun jijjiiramni gaarii mul’achaa jiraachuu himaniiru.

Kana malees wiirtuu nageenyaa Lij Iyyaasuu jedhamu hundeessuun barattoonni sabaafi sablammii garagaraa keessaa babba’an nageenyarratti qorannoof qo’annoo akka gaggeessan taasisneerra jedhu.

Akka ibsa Doktar Abaateetti, nagaan amma bu’e kun itti fufiinsa akka qabaatuuf hordoffiifi deggarsi walirraa hincinne jiraachuu ni mala. Ammallee barattoonni tasgabba’anii akka hinbaranneef hudhaaleen hinfuramne jiraachuufi yunivarsiitiiwwan tokko tokko barattoota baqatanii maatiitti galan deebisuurratti harkifannaa agarsiisuusaanii kaasaniiru. Kunimmoo Kan keenyi barnoota dhaabee Kan naannoo biraa barachaa jira ilaalcha jedhu maddisiisuun rakkoo nageenyaa ta’aa jiraachuu dubbatu.

Rakkinichi guutuutti akka furamuuf ejjennoon walfakkaatu yunvarsiitiiwwan keessatti fudhatamuu qaba kan jedhan pirezidaantichi, yeroo ammaatti barattoonni Walloo Kibbaa yunvarsiitiiwwan biroorraa barnootasaanii addaan kutanii dhufan 280 ol akka jiran ibsaniiru.

Kanneen keessaa 70 ol dhalattoota Dasee ta’uufi maatiin barattoota kanneenii yeroo yerootti egeree ijoolleesaaniirratti gaaffii kaasaa jiraachuu dubbataniiru.

Rakkoon kun akka furamuuf yunvarsiitiiwwan biroo waliin sochii eegaluu kaasanii, yunvarsiitiin Dasee barattoota sodaa nageenyaan naannoosaaniitti deebi’aniif waamicha walirraa hincinne nitaasisa. Barnoota gubate bakka buusaa baruu barsiisuu milkeessa jira jedhu. Barattoota hanga har’aa harkifataniifis balballi yunvarsiitichaa banaa ta’uu ibsaniiru.

 Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

8 Comments to ““Barataan kaayyoo tokkoof waliin qabsaa’aa ture har’a sanyiifi amantiin walqooduu hinqabu”Dr. Abaatee Geetaahun”

  1. Pingback: hotmart login
  2. Pingback: กงล้อ888
  3. Pingback: fuck girldice

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *