Adaamaa: Miseensotni Caffee Oromiyaa adeemsa sirna filannoo waliigalaa marsaa 6faf barana adeemsifamu nagaa qabeessa taasisuuf qaamolee mootummaafi paartilee morkattootaa waliin ni hojjennaa jechuun Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Aadde Baqqalach Keeyruu godina Arsii Lixaatti ummata aanaa Naansaboo bakka bu’uun tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, filannoon waliigalaa biyyaalessaa marsaa 6faf barana adeemsifamu karaa nagaan akka xumuramuuf miseensotni Caffee Oromiyaa qooda olaanaa qabaachuusaanii dubbatu. Isaanis kanuma hubachuun hawaasa bakka bu’aniifi paartilee siyaasaa Oromoo waliin walta’insaan hojjechuuf qophaa’uusaanii eeran.
Keessattuu ummatni Oromoo Arsii Lixaa nageenyaaf, jaalalaafi tokkummaaf iddoo guddaa waan qabuuf, adeemsa filannoo waliigalaarratti rakkoon akka hinuumamneef ykn yoo uumamellee karaa nagaqabeessaan akka furamuuf wabiidha jedhan. Mootummaanis paartilee siyaasaa Oromoo qarqaratti dhiibuun furmaata waan hintaaneef walta’insaan hojjechuuf murteessuun hojiirra oolchuu akka qabullee yaadachiisaniiru.
Aadde Murshidaa Abbaagissaa ammoo akkuma Aadde Baqqalach miseensa Caffee yoo ta’an, godina Buunnoo Baddalleetti ummata Oromoo aanaa Dhidheessaa bakka bu’uun tajaajilaa akka jiran himu.
Filannoon barana adeemsifamus hiree Itoophiyaa kan murteessu waan ta’eef karaa nagaan akka raawwatuuf kutaaleen hawaasaa marti, paartileen morkattootaafi paartiin biyya bulchaa jiru qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.
Mootummaanis sababoota addaddaa uumuutiin paartilee siyaasaa akkuma asiin duraa qarqaratti baasuun bu’aa argamurra miidhaasaatu caalaa jedhanii, rakkoolee uumaman maraa mariin furuuf eeyyamamoo ta’uun dirqama ta’uusaa hubatamuu qaba jedhan. Keessumaa paartileen siyaasaa Oromoo paartii biyya bulchaa jiru waliin jibbiinsa uumuurraa of qusachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Bulchaan Godina Arsii(kan amma Hogganaa Biiroo Misooma Manneeniifi Magaalotaa ta’an), Obbo Jamaal Aliyyiis yaaduma walfakkaatu kennaniiru. Kanaanis adeemsi filannoo waliigalaa biyyaalessaa karaa hundumaan nagaqabeessa akka ta’uuf keessumaa hoggansi jijjiiramaafi miseensotni Caffee Oromiyaa gahee guddaa qabaachuusaanii dubbatu.
Adeemsi filannichaa nagaqabeessa akka ta’u hojjechuun hiikkaansaa guddaadha jedhanii, hundarra nageenya, misooma, ijaarsa dimokiraasii ceesisuufi hariiroo ummattoota Itiyoophiyaa cimsuu ta’uusaa himu. Tokkummaa biyyaalessaa eenyummaa ummattootaaf eegumsa taasisus ijaaruu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf martuu gaheesaa bahachuu akka qabu dubbataniiru.
Filannoon waliigalaa biyyaalessaa marsaa 6faf Haggayya 23 bara 2012 adeemsifamu karaa nagaan xumuramnaan bu’uurarraa seenaa biyyattii kan jijjiiru ta’uus miseensota Caffee Oromiyaatiin itti amanameera. Gaheesaanirraa egamus kan bahatan ta’uus dubbataniiru.
Bariisaa Guraandhala 14 / 2012
Takkaalliny Gabayyootiin
5 Comments to ““Adeemsi filannoo waliigalaa nagaqabeessa akka ta’uuf ciminaan hojjenna” Miseensota Caffee Oromiyaa”