“Ijoollee keenya meeshaa waraanaa hinbaachifnu”
– Doktar Abiyyi Ahmad
Waraabee: Istaadiyeemiin magaalaa Waraabee Roobii darbe ummata kumatamaan lakka’amanii guutame ture. Ummanni Godina Silxeefi naannawaashee keessumaa jabaa simachuuf gariin uffataafi faaya aadaatiin miidhaganii ture kan achitti argaman. Turtiin boodas jilli Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu achiitti argame.
Maanguddoonniifi aanga’oonni godinichaas haala aadaa naannawaasiitiin simannaa ho’aa taasisaniif. Doktar Abiyyis simannaa booda ummata istaadiyeemittii argameef haasawaa taasisaniin akka ibsanitti, Itoophiyaannotaaf nagenya, tokkummaafi
wajjiin jiraachuun barbaachisaadha. Haata’u malee maqaa tokkummaafi waliin jiraachuutiin daa’imman meeshaa waraanaa baachisuudhaan waa’ee waraanaa barsiisuun barbaachisaa akka hintaane addeessaniiru.
“Ijoollee keenya peennaa, kobbee, Macaafa Qulqulluufi Quraana baachisuudha malee meeshaa waraanaa baachisuu hinqabnu” kan jedhan ministirri muummichaa, sabaafi amantiidhaan walqooduun hafee daandii tokkummaarra deemu akka barbaachisu ibsu. Waggottan 27 darban imalli ture sarara turuu kaasanii, sararrii garuu addaan cituu waan danda’uuf akkasumas, waan dhiphatee adeemsa danquuf gara daandiitti jijjiirameera; daandiin kunis ida’amuudha. Daandiin ida’amuu gara badhaadhinaattis nama geessa jedhu.
Akka Doktar Abiyyi jedhanitti, “Ida’amuun ummata baay’ee hammachuun walitti qaba. Sararri garuu baleessaa qaama xiqqootiin addaan cita. Ummanni Silxees kanatti waan amanuufi “ida’amni daandii keenya, badhaadhinni bakka ga’iinsa keenya” jechuun mirkaneesseera.
Carraa argame hundatti fayyadamuun lammilee waliin walgaafachuufi walitti dhihaatanii mari’achuun, tokkummaa biyyaaleessaa cimsuu akka barbaachisu ibsanii, ummanni Silxees jaalala gogee turetti lubbuu horuudhaan tokkummaan akka cimu taasisuusaa ibsu. Ummatichi nageenya kan jaallatuufi hojiisaa qofarratti carraaquun cimee kan hojjetu ta’us kaasaniiru.
Jiraataan magaalaa Waraabee Obbo Muuddee Nuurii gamasaaniin akka ibsanitti, bu’uuraalee misoomaa keessaa tokko kan ta’e bishaan qulqulluu argachuuf hawaasichi daandii fagoo akka deemuufi guyyaa guutuu achuma oluuf dirqamusaa himaniiru. Akkasumas, daandiiwwan magaaloota godinichaa kanneen magaalaa Waraabee walitti fidan tajaajila ala ta’uusaatiin deessuuniifi maanguddonni daran rakkachaa jiraachuu dubbatu.
Jiraattuun aanaa Sabirii, Shamarree Raabiyyaa Sabirii gamasheetiin akka ibsiteetti, godinichatti rakkinni ibsaa rakkisaa ta’uusaatiin yeroo baay’ee iyyata dhiheeffatanis qaamni isaan dhaga’u akka hinjirre ibsiti.
Keessumaa warshaaleen addaddaa, manneen daakuu, dargaggonni waldaadhaan gurma’anii hojii garagaraa hojjetan sababa hanqian ibsaatiin harkasaanii maratanii taa’uuf dirqamuusaanii dubbatti.
Rakkoolee bu’uraalee misoomaa godinichatti mul’atan hiikuuf kan hojjetamu ta’uufi milkaa’ina kanaafis mootummaa qofa osoo hintaane dureeyyiin godinichaa tumsa barbaachisu akka taasisan Doktar Abiyyi gaafataniiru.
Bariisaa Guraandhala 14 / 2012
Tashoomaa Qadiidaatiin
5 Comments to “”