“Ummanni jibbiinsaan badhaadhee jaalalaan hiyyoome hinjiru” -Doktar Abiyyi Ahmad

Dubaay: “Ummanni jibbiinsaan badhaadhee, jaalalaan hiyyoome hinjiru; biyyi adda ba’uun mo’ate, tokko ta’uusaatiin akeeknisaa fashalaa’ees seenaa keessatti mul’atee hinbeeku. Hawaasni hattummaafi dhibaa’ummaan ulfaate, gaarummaafi tattaaffiidhaan kasaares hinjiru” jedhan Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad.

Ministirri muummeen kaleessa wayita Istaadiyeemii Dubaayitti Itoophiyaanotaafi dhalattoota Itoophiyaa kuma 15 ta’aniifi biyyoota baha giddugaleessaarraa baba’aniif haasawa taasisan akka jedhanitti, haaloofi jibbiinsi hafee jaalalaafi tokkummaan jiraachuun yoo eegalame Itoophiyaa fakkeenya addunyaa taasisuun ni danda’ama.

Itoophiyaan biyyoota baha giddugaleessaa wajjin hariiroo waggoota dheeraa akka qabdu eeranii, carraa gaariin kun ammoo badhaadhina biyyattiifi kabaja ummataatiif kan fayyadu ta’uus ni ibsu.

Lammiilee biyyoota baha giddugaleessaa keessa jiraataniis mirgi namummaasaanii eegamee akkasumas, faayidaansaanii eegamee damee hojii irratti bobba’aanirratti nagaan akka jiraataniif mootummaan Itoophiyaa mootummaa biyyootaa kanneenii wajjin akka hojjetus mirkaneessaniiru.

Nageenyiifi badhaadhinni Itoophiyaa dhiheenyatti dhugoomee jireenyi mijataafi gammachuu, jireenya guyyuu ummattootaa akka ta’us abdii qaban ibsaniiru.

Lammiileen biyyoota baha giddugaleessaa jiraatanis irree ida’ameen badhaadhina biyyattiitiif seenaa hindabarre akka galmeessisan waamicha dhiheessuusaanii Rippoortarri Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Dilnassaawu Minwuyyeellat Dubaayirraa gabaaseera.

Doktar Abiyyi daaw’annaa guyyoota sadiitiif dheengadda gara Imireetota Araba Waltaniitti qajeeluunsaanii ni yaadatama.

Suurri Daanyee Abarraatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Ummanni jibbiinsaan badhaadhee jaalalaan hiyyoome hinjiru” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: altogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *