Waa’ee onnee kana beektuu laata?

Onneen keenya sa’aatiitti giddugaleessaan al 72 dhikkifatti; guyyaatti si’aatii kuma 100, waggaatti si’a miliyoona 3.6, bara jiraannu keessatti immoo si’a biliyoona 2.6 dhikkifatti.

Ulfaatina giddugaleessaan giraamii 300; guddinaan immoo abootifannaa nama sanaa tokko kan ta’eefi guyyaatti dhiiga liitira kuma torbaafi 600 hidda dhiigaa kiiloomeetira kuma 96 dheeratu keessa raabsaa oola.

 Baay’inni dhiigaa onnee keessaa daqiiqaa tokko keessatti raabsamu liitira 5-30 ta’uu ni danda’a. Kunis umriifi korniyaa akkasumas sochii qaamaa irratti hundaa’a.

Guyya guyyaatti onneen keenya humna konkolaataa kiiloomeetira 32 deemsisuu danda’u ni maddisiisa. Bara jireenyaa keessatti immoo humni kun kan ittiin ji’arra ga’anii deebi’an ni ta’a.

Madda humna sochii kan mataasaatii waan qabuuf Onneen qaama irraa addaan ba’ee rukuttaa isaa itti fufa; hanga oksiijiinii ga’aa argatetti jechuudha.

 Onneen qaama hundumaatti naannawa seelii tiriiliyoona 75 ta’anitti dhiiga kan raabsu yeroo ta’u, koorniyaa qofatu dhiiga hinargatu.

Yeroo haxxiffatan rukuttaan onnee yeroo sanaaf ni dhaabatti.

Maashaan onnee maashaa qaama keenyaa caalaa sochii kan godhuudha.

Rukuttaan onnee kan eegalu micireen garaatti uumamee torbee afuraffaatti.

 Onneen dubaraa kan dhiiraa caalaa dhahatti.
Kanin dubbiserraa

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

5 Comments to “Waa’ee onnee kana beektuu laata?”

  1. Pingback: find out this here
  2. Hello there, just became alert to your blog through Google,
    and found that it is truly informative. I am going to watch out for brussels.
    I’ll appreciate if you continue this in future.
    Lots of people will be benefited from your writing.
    Cheers! Lista escape room

  3. What a information of un-ambiguity and preserveness of valuable experience about unpredicted feelings.

  4. Pingback: Uni

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *