Pirojektii nageenyaa ummattootaa caalaatti cimsu

Diillaa: Ummatni Gujiifi Geedi’oo ilmaan hortee Kuush yoo ta’an, ummatoonni lamaan gaa’elaan, dhiigaan, daangaadhaan, hariiroo hawaasdinagdeetiin walitti hidhamanii jaalalaan baroota dheeraaf waliin jiraachaa kan turaniifi jiraniidha.

Ummattoonni lamaan sirna Gadaatiin bulu. Sirni Gadaa ammoo nagaadhaan akka waliin jiraatan, qabeenya uumamaa akka kunuunsan, yoo walitti bu’iinsi uumamellee akka sirni Gadaa jedhutti araara buusanii dhiifama walii godhanii waliin jiraatu.

Bara 2010 qaamoleen dantaa siyaasaa dhuunfaasaanii tarkaanfachiisuuf socho’an ummattoota jaalala, nagaafi tokkummaan waliin jiraatu kannen dhimma daangaa fakkeessanii walitti buusuun lubbuun lammiilee hedduu akka darbu, qabeenyi miliyoonaan lakkaa’amu akka barbadaa’uufi lammiileen kuma 800 ol qe’eesaaniirraa akka buqqa’an taasisaniiru.

Abbootiin Gadaa, Abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa sabootni sababa walitti bu’insichaatiin buqqa’an qe’eesaaniitti akka deebi’an, saboota lamaan gidduutti araarri bu’ee nagaa, jaalalaafi tokkummaan akka waliin jiraatan taasisuu keessatti gaheen isaan bahachaa turaniifi sochii isaan lammiilee buqqa’anii turan akka dandamataniif taasisaa jiran kan jajjabeeffamuudha.

Dhaabbilee mitmootummmaa nageenya saboota Geede’oofi Gujii Lixaa gidduu jiru caalaatti cimsuuf hojjetaa turaniifi jiran keessaa tokko Dhaabbata ‘World Vision’dha. Dhaabbatichi pirojektii ijaarsa nageenya saboota lamaanii caalaatti cimsuuf gargaaruu kan ji’oota 18f turu ifatti jalqabuusaa Wiixataafi Kibxata darbe Godina Geede’oo Magaalaa Diillaafi Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti iftoomseera.

Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Godina Geede’oo Obbo Addisuu Ayyalaa haasaa sirna baniinsa pirojektichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, dhaabatni ‘World Vision’ godinicha keessatti hojiilee misoomaa gara garaa hojjechuudhaan akkasumas yeroo balaan uumamaafi namtolchee mudatu dafee qaqqabee deggarsawwan gara garaa taasisaa jira. Lammiilee godinichaa sababa walitti bu’iinsaatiin bara 2010 qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deggersa dhiyeessuufi deebi’anii akka dandammatan gochuun deebii hatattamaa kennaa jira. Pirojektichis nageenyi waaraan godinichatti akka mirkanaa’uuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Bulchaa Ittaanaa Godina Gujii Lixaa Obbo Hoxeesaa Galgaloo akka jedhanitti, dhaabbatni ‘World Vision’ godinichatti hojiilee misoomaa gara garaa hojjechaa jira. Lammiilee godinichaa sababa walitti bu’iinsa bara 2010/11n qe’eesaaniirraa buqqa’an gargaaruuf dursee kan qaqqabe dhaabbaticha ta’uu himu.

Lammiileen sababa walitti bu’iinsichaatiin buqqa’anii turan yeroo ammaa guutummaatti gara qe’eesaaniitti deebi’anii jireenya tasgabbaa’aa jiraachuu jalqabaniiru jedhanii, hanga isaan dandamatanitti deggarsi barbaachisu kan taasifamuuf ta’uu himu.

Rakkoon nageenyaa ummata Godina Gujii Lixaafi Geede’oo gidduutti mudatee ture akka furamu gochuun nageenyi waaraan akka bu’u taasisuu keessatti gaheen abbootii Gadaa, abbootii amantii, jaarsolii biyyaafi mootummaa olaanaa ta’uus himaniiru. Namootni nageenya kana booressuu keessatti hirmaatanis qabamanii seeratti akka dhiyaatan taasifamaa kan jiru ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaatti daariktarri dhaabbatichaa ‘Mr. Edward Brown’ haasaa baniinsa pirojektichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi rakkoon nageenyaa biyyattii mudate furuun nus nu ilaallata jechuun kutaalee hawaasaa, dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa gara garaa waliin ta’uun nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hojjechaa jira.

Lammiilee godinaalee lamaanii sababa walitti bu’iinsaatiin qe’eesaaniirraa buqqa’aniif nyaataafi meeshaalee gara garaa dhiyeessuufi deebi’anii akka dandammatan taasisuuf hojjechaa kan turan ta’uu himaniiru.

Pirojektichi aadaa jaalalaafi nagaan waliin jireenya saboota lamaanii caalaatti cimsuun nageenyi waaraan akka dhufu taasisuu, haadholiifi daa’imman gargaaruu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu himanii, dhaabbatichi hojiilee misoomaa waliin gahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu, manneen barnootaa, fayyaatiin hojjechaa jirus itti fufiinsaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Nageenya mirkaneessuun hojiilee misoomaa gara garaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti hojjetamaa jiran itti fufsiisuudhaaf gargaara kan jedhan daarikteerichi, nageenyi bu’uuraa waan hundumaa waan ta’eef dhimma nageenya mirkaneessuuf dursa kenninee hojjechuun barbaachisaadha jedhu.

Ibiddi bishaaniin akkuma badu walitti bu’iinsi ammoo dhiifama waliif gochuufi araara buusuudhaan furama kan jedhan’ Mr. Edward’, dhiifama waliif gochuun karaa ittiin nageenya mirkaneessaniidha.

Pirojektichis nageenya mirkaneessuu, haadholiifi daa’imman gargaaruu, wabii nyaataa mirkaneessuufi hojiilee misoomaa gara garaa hojjechuu irratti xiyyeeffatee hojjeta. Hojiileen kunneen milkeessuuf dhimma nageenyaa irratti xiyyeeffatanii kutaalee hawaasaa, dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa gara garaa wajjin kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  30/2012

Recommended For You

8 Comments to “Pirojektii nageenyaa ummattootaa caalaatti cimsu”

  1. Pingback: my company
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: hihuay
  4. Профессиональный сервисный центр по ремонту бытовой техники с выездом на дом.
    Мы предлагаем: сервис центры бытовой техники москва
    Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!

  5. Друзья, если планируете обновить ванную комнату, советую обратить внимание на один интернет-магазин раковин и ванн. У них действительно большой ассортимент товаров от ведущих производителей. Можно найти всё: от простых моделей до эксклюзивных дизайнерских решений.
    Я искал умывальник для ванной комнаты, и они предложили несколько вариантов по хорошей цене. Качество продукции на высоком уровне, всё сертифицировано. Порадовало и то, что они предлагают профессиональные консультации и услуги по установке. Доставка была быстрой, всё пришло в целости и сохранности. Отличный магазин с хорошим сервисом!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *